Rippabilikni Dimookiraatawaa Koongoo namoota US irraa ari'aman fudhachuu eegalte

Buufata xiyayaraa De Njili

Madda suuraa, Getty Images

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Namoonni 15 Ameerikaa irraa ari'amanii fi Ameerikaa Kibbaa irraa akka ta'an amanaman Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo akka galan gabaafameera.

Rippabilikni Dimookiraatawaa Koongoon namoota Ameerikaa keessaa ari'aman fudhachuuf walii galte amma namoota meeqa akka fudhatte hin beekamu.

Mootummaan Kinshaasaa ummanni yeroof biyyattii keessa turuu ibsuun, Waashingitan baasii ''simannaa, deeggarsaafi kunuunsa''f maallaqa kennaa akka jirtu ibseera.

Ameerikaan godaantota seeraan alaa irratti to'annoo qabdu cimsitee kan turte yoo ta'u, kanaan dura Gaanaa, Sudaan Kibbaa fi Eswatini dabalatee biyyoota Afrikaa biroo hedduutti godaantota biyyaa ari'aa turte.

Mootummaan Koongoo jalqaba baatii kanaa godaantota Ameerikaa irraa gara biyya ka'umsa isaaniitiin alatti biyya sadaffaatti ari'uuf waliigaltee irra ga'uu beeksise.

Murteen baqattoota kana fudhachuuf kenname kabaja namoomaa, mirga baqattootaa fi kutannoo inni seera addunyaaf qabu waliin kan walsimu ta'uu yeroo sanatti ibseera.

Qondaaltonni Koongoo karoorri kun murtee godaantota kana ''dhaabbataan fudhachuu'' ykn ''karaa imaammata godaansaa maallaqaan itti argatan'' akka hin taane dubbataniiru.

Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa ''hariiroo dippilomaasii mootummoota biroo waliin qaban irratti yaada hin kennu'' jedheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Haa ta'u malee, bulchiinsi Tiraamp ''godaansa seeraan alaa fi jumlaan dhufu dhaabuu fi nageenya daangaa Ameerikaa cimsuuf waadaa gale'' itti fufa jedhan.

Pirezidaanti Doonaald Tiraamp bara darbe baatii Guraandhalaa keessa erga aangoo qabatanii as Ameerikaan ejjennoo cimaa immigireeshinii irratti qabaniin namoota kudhanootaan lakkaa'aman gara biyyoota sadaffaatti ari'atteetti.

Mootummaan Koongoo waa'ee namoota biyyaa ari'aman kanaa bal'inaan osoo hin ibsin, "namoonni dhuunfaa dhimmi ilaallatu akkaataa seera biyyaalessaa lammiilee biyya alaa seenuu fi jireenyaaf baheen hayyama yeroo gabaabaatiin gara biyyattii seenaa jiru" jedheera.

Maddi buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Ndjili, bakka gareen kun Jimaata ganama bu'e BBC'tti akka himeetti, godaantonni kunneen irra caalaan isaanii lammiilee Kolombiyaa fi Peeruu ta'uu ibsaniiru.

Akka gabaasa koree hariiroo alaa Seenetii Ameerikaa irraa argameetti, bulchiinsi Traamp hanga Amajjii 2026tti namoota gara biyyoota sadaffaatti ergamaniif doolaara miiliyoona 40 ol baaseera, garuu baasiin waliigalaa ''hin beekamu''.

Ameerikaan biyyoota shan: Ikuwaatooriyaal Giinii, Ruwaandaa, El Salvaador, Eswatini, fi Paalaawu "kallattiin" doolaara miiliyoona 32 ol kenniteetti.

Ameerikaan albuuda barbaachisoo ta'an kanneen akka koobaaltii, taantalum, liitiyeemii fi sibiila diimaa argachuuf Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo waliin waliigaltee uumuuf mari'achaa jirti.

Tiraamp waliigaltee nagaa Rippabiliika Dimookiraatawaa Koongoo fi Ruwaandaa gidduutti akka uumamuuf haala mijeessanis hojiirra oolmaan isaa bu'aa fi gadi bu'iinsa hedduu mudachaa jira.