Qabiyyeewwan animeeshinii ijoolleef Afaan Oromootiin qophaa'an afaaniifi guddina ummatichaa kan gitanii?

Madda suuraa, Barrikoo Kids
Daa'imman waan mana barnootaa fi mana isaaniitti barataniin qofa jabanni itti qaraman darbee jira.
Fuulota iskiriinii gubbaatti wanti daa'imman daawwatan guddina sammuusaanii irratti dhiibbaa qabaachaa dhufeera.
Kaartuunii, faaruun fi taphoonni bifa viidiyootiin daa'immaniif oonlaayinii dhiyaatan sammuu daa'immanii irratti dhiibbaa laayyoo hin qaban.
Kaleessa akka meeshaa deggarsa barnootaa qofatti kan ilaalamaa turan qabiyyeewwan akkanaa yeroo ammaa maddeen bu'uuraa barnootaa fi guddina yaadaa ta'aa jiru.
Akkaataa UNESCO'n jedhutti dijitaal miidiyaan akkaataa ijoolleen itti yaadan, baratanii fi addunyaa hubatan irratti gahee olaanaa bahaa dhufeera.
Addunyaa kaartunii faaruuwwan, taphni ijoollee fi dur durii guutanii jiran keessatti daa'imman miliyoona hedduutti lakkaawamanii fi afaan dhalootaa isaanii Afaan Oromoo ta'e hiree kana hin argatan. Qabiyyeewwan jiranis hanqina istaandardii qabaachuu hayyoonni ni kaasu.
Afaan Oromoo baay'ina dubbattootaan Afrikaarraa sadarkaa sadaffaarratti argamudha.
Qabiyyeen daa'immaniif bifa kitaabaanis ta'ee suur-sagaleen dhiyaatu afaan kanaan qophaawanii jiran garuu xiqqoo dha ykn hin jiran.
Ogeeyyiin akka jedhanitti daa'imummaatti wanti ijoolleen baran afaan, eenyummaa fi aadaa faana hariiroo jabaa qabaata.
BBC'n namoota lama hanqina kana hubachuun kaka'umsa mataa ofiitiin qabiyyee ijoollee [animeeshinii] Afaan Oromoo qopheessaa jiran dubbiseera.
Dhiyaadhaa...

Madda suuraa, Barrikoo kids
'Gama qabiyyee daa'immanniin hanqinnii guddaan akka jirun bare'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aadde Sawinnat Daammanaa, Ameerikaa Siyaatil Waashingtan jiraatti. Yuutuubii qabiyyeewwan animeeshinii ijoollee ittiin tamsaastu Barrikoo kids jedhamu kan maamiltoota kuma 22 qaburratti qabiyyeewwan ijoollee dhiyeessuu erga eegaltee waggaa lama.
Qabiyyeewwan Barrikoo Kids si'a kuma dhibbaa hanga miliyoona tokkoo ol daawwatamaniiru.
Sawinnat akkamiin hojii kana akka eegalte gaafanneerra.
"Kana dura ijoollee kiyya barsiisuuf Oonlaayinii gaaf barbaadu waan akkanaa hin jiru ture. Yaada kiyya keessa ni jira ture. Barrikoo Entertainment [kan weelleewwan Afaan Oromoo irratti dhiyeessinu] yeroon dalagu, namni hojii kana waliin dalagnu tokko [biyya keessa kan jiru] hojii Aartist Haacaaluu kaartuuniin dalagee natti erge," jetti.
Akka isheen jettutti ogeessi animeeshinii kun Sirba Art. Haacaaluu baaroo Baalee weellise animeeshiniin dalagee. Hojiin sun samuda ture.
Namni kun hojiilee artiistotaa kaanis akkanatti dalagee dhiyeessu akka barbaadu natti hime kan jetti Sawinnat.
"Kana dalaguu yoo dandeesse maaliif kan ijoollee hin dalagdun jedheen, ani deeggarsa tokko tokko akkan godhuuf itti hime.
"Yuutuubii haaraas nan qopheessaa jedheen. Sanaan jalqabne. Uummanni yoo fudhate haa fudhatu yoo ta'uu baates ijoolleen koo haa daawwatan, ijoollee kiyyayyuu ittiin barsiisa jedheen eegale".
Dargaggoo Haftee Baqqalaa immoo ogeessa fiilmii fi tiyaatiraati.
Hojii qabiyyee ijoollee wal fakkaataa qopheessuu erga eegale waggaa lama. Yuutuubii Kichuuf akkasuma facebook ofiisaa kan horfoftoota kuma 100 caalerratti dhiyeessa.
Hafteen qabiyyeewwan afoola Oromoo, tapha ijoollee, safuu, kalaqa, barnoota qubee fa'i xiyyeeffatee hojjeta.
Dhimmi kun xiyyeeffannoo dhabuun akka isa kakaase BBC'tti hime Hafteen.
" Hanqinni aartii Oromoo keessa gama kam jira jedhee akka ogeessaatti yoon ilaalu gama qabiyyee ijoolleen hanqinni guddaan akka jiruu fi xiyyeeffannaa akka hin argatin bareen anillee sanarratti eegale.
"Kan jiran xiqqaa dha. Carraaqqiin namootni dhuunfaa gara lamaanii tokko yayyaalanii jiru. Garuu hamma saba kanaaf malu, ykn baay'ina keenya duukaa waan dhiigsamee hojjetame miti. Garuu namoonni yaalan jiru."
Hojiin kun daa'imman jireenya hawaasummaa, aadaa fi duudhaa fi safuu, afoolota, akkaataa ofii itti guddatan, waantota gaggaarii uummata isaanii irraa akka dhaalan mala salphaa fi mijataa ta'uu ibsa.

Madda suuraa, Barrikoo kids
Hanqinni qabiyyeewwan akkasii Afaan Oromoo keessa jiraachuun ijoollee guddisuurratti dhiibbaa qabaachuu kan ibsitu Sawinnat, ijoolleen qabiyyee umrii isaaniif gitu argachuu qabu jetti. Hojichi sammuu ijoollee qaruuf, barnoota idileellee ijoolleef kennuuf faayidaa guddaa akka qabu ibsiti.
Ijoolleen koo waan ani ibsuufii hin dandeenye hedduu kaartunii irraa ilaalanii barani kan jettu Aadde Sewinnat, barumsuma Idilee Afaan Oromootiin bifa kanaan ijoolleef qopheessuu akka feetu ibsiteerti.
Hanqinni qabiyyeewwan akkasii daa'imman eenyummaa ofii malee akka guddatan godha jedha Hafteen.
"Daa'imman keenya eenyummaa ummmanni keenya ittiin jiraachaa ture san osoo hin barin aadaa biraa, aadaa biyyoota qaroomanii akka baran dhiibbaa irratti uuma, aadaa keenya immoo akka bakka hin laanneef dhiibbaa irratti uuma."
Sababa hanqinni guddaan gama kanaan afaan keenya keessa jiruuf daa'immanii fi maatiin filannoo afaan biraa dhimma bahuuf dirqamu kan jedhu immoo gaazexeessaa fi ogeessa og-barruu Lalisaa Idriisi.
Kun guddina afaanii ni quucarsa, ijoolleenis afaan, eenyummaa ofii akka dagatanii fi lagatan godha jedha Lalisaan. Naannoo isaanii filannoo baay'een waan jiruuf isatti immoo hawwatamuun isaanii waan mirkanaawadha jedha.
"Ilaalchi addunyaa ijoolleen keenya qabanis aadaa afaan sana waliin hariiroo qabaata. Afaan ofiitiin qabiyyeen akkasii akka hiojjetamuu hin dandeenyetti yaaduu malu."
Hafteen, fuulduraaf fiilmiiwwan daa'immanii, diraamaawwan, eventoota mannneen barnootaa, applikeeshiniiwwan daa'imman manatti barataniin, akkasumas chaanaalii daa'immanii mataa isaa hundeessuuf karoora akka qabu himeeera.
'Xiyyeeffannaa Afaan Oromoo dhabetu hanqina uume'
Ogeessi ogbarruu Lalisaa Indiriis, xiyyeeffannnoo og-barruu daa'immanii dhabametu hanqina kana uume jedha. Afaan Oromoo sirna barnootaa keessatti xiyyeeffannaa maluuf akka hin argati eereera Lalisaan.
"Hojiirra oolmaa Afaan Oromoo sirna barnootaa keessatti hanqina guddaa qaba. Xiyyeeffannoon hin arganne Afaan Oromoo.
"... Dhimmi Afaan Oromoo akka dhimma siyaasaatti ilaalamaa ture, kun hojiiwwan akkasii akka haguugaman godheera. Afaanicha guddina saayinsii fi teknolojii waliin oofuun hudhaa guddaatu mudate. Afaan kana hawaasarra gara sirna barnootaatti madaqsuurratti hanqinni jira".

Madda suuraa, Barrikoo kids
Hanqina kana guutuun gahee eenyuti?
Hojiiwwan qabiiyyee daa'immanii qabeenya guddaa fi humna namaa barbaadu.
Hojiin kun laayyootti kan hojjetamu akka hin taane ni dubbatti Sewinnat.
"Kaartunii dalaguun yeroo guddaa barbaada, istuudiyoo, ijoollee sagalee hawwatu qaban barbaadanii argachuu…kkf waan baay'eedha kan nama barbaachisu."
Hundaa'ol hojiin kun xiyyeeffannaa mootummaa argachuu akka qabu muuxannoo biyya jirtuurraa ka'uun ni dubbatti haati Barrikoo Kids Sawinnet.
"Mootummaa tasgabbaaye qabaachuu qabna. Silaa ministeerri barumsaa, mootummaaanillee, Biyyoota guddatanirraa yoo laaltu [fakkeenyaf biyya ani jiraadhu chaanaalii of danda'etu jira.
Ijoolleen gara mana barnootaa osoo hin deemiin ganama bananii kan daawwatan. Mootummaan mataasaa chaanaalii ofii kan ijoollee ittiin barsiisu qaba... Bajanni ramadameefiin irratti hojjetamuu qaba."
"Hojiin kun maallaqa, ogeessa sammuu daa'immanii hubatuu fi isaaniif ta'u , ogummaa, istuudiyoo, meeshaalee muuziqaa fi qabeenya kaan hedduu akka barbaada" jedha Haftee.
Gaheen qaawwa kana guutuu kan mootummaa ti jedha Lalisaanis.
"Imaammanni barnootaa harka mootummaa jira, dhaabbileen dhimma daa'immanii irratti hojjetan harka mootummaa jiru. Biiroon barnootaa, Biiroon dhimma daa'immanii, Waldhaaleen akka barreessitotaa, manneen barnootaa, waldaaleen barsiisotaa wal ta'uun hanqina bifa salphaan furuu danda'u,"
Dhaabbileen waan kana maallaqaan deeggaranis, nama dhuunfaarraa kaasee kanneen humna maallaqaa qaban dhimma kanaaf furmaata laachuuf qooda jabaa bahuu danda'u jedha.

Madda suuraa, Haftee Baqqalaa















