Ministirri Ittisaa US Piit Heegseet, Ameerikaan torbaanota keessatti "bu'aa waraanaa jajjabaa'' galmeessifte jedhan waraana Veetnaamii fi Iraaq waggoota kurnanoota fudhateen wal maddii qabanii madaaluun.
"Shakkii tokko malee Iraan nukilarii hin hidhattu,'' jedhan. Ergamni US kan Iraan keessaa kunis "kennaa addunyaati '' jedhan.
Ergamni kun marsaa haaraa akka itti fufu ibsan. Iraan carraa waliigaltee gaarii fi hubannoorratti hundaaye gochuu qabdi jechuun dubbatan.,
Humni galaanarraa buufataalee Iraan humna jabaadhaan uggureera, kun ''guyyoota itti aanan jabaatee itti fufa'' jedhan.
Humni galaanaa US uggura of gara hirannaa fi araarama malee raawwata jedhan.
Uggurri kun ''dooniiwwan Ameerikaan ulaagaa guutan jettu hundarratti raawwata,'' jedhan. Dooniiwwan Iraan ykn dooniiwwan buufata Iraanirraa bahaniifi gara buufata Iraan seenan irratti raawwata jedhaniiru.
Dooniiwwan 34 ganama kana ofirra deebsuus himan Heegseet.
US Indoo-Paasifikii keessatti dooniiwwan dhokatanii yaa'an lama to'achuus himan. ''Kan biraas to'achuu itti fufna.''
Eenyullee Ulaa Hormuuz keessa heeyyama Ameerikaa malee doonii sochoosuu hin danda'u jedhan Heegseet.
Heegseet, Ulaa Hormuuz keessa dhukaatuu kaawuun ''waliigaltee dhukaasa dhaabuu sarbuu'' dha jedhan.
Imalli Ulaa kana keessaa baay'ee murtaawadha. Gochi Iraan gootu balaafamaadha, ''gaafatamummaan waan itti hir'ate'' jedhan.
Ameerikaan Iraan faana waliigaltee raawwachuuf muddama hin qabdus jedhan Heegset.