Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, Hanga Iraan ‘waliigaltee qabatamaan’ hojiirra oolchitutti humnoonni US achuma turu - Tiraamp

Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp hanga Iraan hamma ''waliigaltee dhukaasa dhaabuu qabatamaa ta'en'' waliigaltutti waraanni US ajaja qofa akka eeggatu dubbatan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mariin dhukaasa dhaabuu Iraan keessatti kanneen mataa jabaatan maaf hin gammachiisu?

    US fi Iraan dhukaasa dhaabuuf erga waliigalanii reefu guyyaa tokko. Bulchitoonni Rippaablika Islaamaa, mataa jabaatan barjaa guddaa magaalaa guddoo biyyattii walakkeessa kaayanii turan.

    "Ulaan Hormuuz akka cufametti tura," jedha.

  2. Itoophiyaan biyyoota kamirraa boba'aa galfatti?

    Itoophiyaan erga waraanni Baha Giddu Galeessaa eegalee yeroo lama daballii gatii boba'aa taasiftee jirti.

    Daballii qofaa utuu hin taane hanqinni guddaan uumaamee konkolaatotni magaalota heddu keessatti hiriranii mal'atu.

    Guyyaatti gara boba'aa barmeela kuma 60 hang kuma 100 kan fayyadamtu Itoophiyaan erga ijaarsi buufata xiyyaraa Bishooftuu eegalee ammoo harka muraasa daballiin mul'ateera.

  3. Ergaan Iraan Waayit Hawusitti ergite maali?

    Lama jaalachuun hin ta'u jechuun Iraan Amerikaatti ergaa dhaamte.

    Itti-aanaan Ministira Dhimma Alaa Iraan Sa'iid Kaatibzaadeh eda galgala gara masaraa US'tti ergaa Iraan dhaamte akkana jedhan; ''Erga takkaa keekis qabaachuus, nyaachus hin dandeessu.''

    Dabaluunis, ''Dhukaasa dhaabuuf gaafattee ittiin waliigaltee , achii Libaanosittimmoo michuun keessan ajjeechaa jumlaa eegalte,'' jechuun BBC'tti dubbatan.

    Haleellaa Israa'el Libaanositti raawwataa jirtu ''duguuggaa sanyiitti qixxaata'' jechuun dubbatan.

    Israa'el isa US fi Iraan dhukaasa dhaabuuf waliigalan akka deeggartu ibsiteetti. Ammoo Libaanos keessa dhukaasa hin dhaabu jette.

    Libaanos keessatti qiyyaafannoon ishee hidhattoota Hezbollaa kan Israa'elitti rokeettii dhukaasan ta'uu dubbatte.

  4. Iraanirraa hirmaattonni marii nagaatiif gara Paakistaan imalan

    Shakkiin Israa'el "irra deddeebin dhukaasa dhaabuu sarbuu" akkuma jirutti ta'ee, Iraanirraa hirmaattonni marii nagaa gara Paakistaan imalaniiru.

    Jilli Iraan har'a gara Paakistaan imaluu eegaluusaa Paakistaanitti ambaasaaddarri Iraan mirkaneessanii jiru.

    Gama Ameerikaan marii kana kan dursu Pireezdaantii itti aanaa JD Vaansi. Jilli gama lachuu Sanbat-duraa wal argu.

    Paakistaanitti Ambaasaaddarri Iraan, Reza Amiri Moghadam, ergaa X irratti maxxanseen, mariin kun gama Iraaniin qabxiilee ijoon 10 marii kanaaf qophaawani jedhan. Qabxiileen kunneen ifatti maal maal akka ta'an iftoominni hin jiru.

    Moghadam mariin kun shakkiin uummanni Iraan irra deddeebiin dhukaasa dhaabuu Israa'el sarbitu osuma jiruu itti seename" jedhan. Israa'el carraaqqii dimookraasii danquu ishee ibsan.

  5. Iraan Ulaa Hormuuz keessatti dooniiwwan akkamiin akka boombii awwaalamanirraa goranii darban himte

    Dooniiwwan karaa Ulaa Hormuuz darban toora akka filannootti jiru gargaaramuun ‘seera nageenyaa bakka dhootuun awwaalamanitti barbaachisu eeguun osoo boombii/dhootuu awwaalametti hin bu’iin” darbuu qabu jechuun ibsa Eegdonni Warraaqsaa baase eeruun miidiyaan Iraan gabaaseera.

    Ibsi kun toorawwan filannoo jiru kaartaa agarsiisu waliin akka isaaniif kennamuuf jiru eereera.

    Dooniiwwan karaa Galaana Omaan seenan gara Kaaba Odola Laaraakitti yabaluun, achirraa ammoo gara Galoo Galaanaa Pershiyaatti akka fufan ibseera.

    Dooniiwwan kallattii biraan dhufan Galoo Galaanaa Pershiyaa keessaa bahu kan qaban yoo ta’u, karaa kibba Odola Laraak ba’uun kara Galaana Omaanitti qajeeluu qabu.

    Oduu biroo kana waliin walqabatan:

  6. Hanga Iraan 'waliigaltee qabamaatti waliigaltutti' waraanni US naannicha tura - Tiraamp

    Pirezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp hanga Iraan waliin ''waliigalteen guutuu'' gahamutti waraanniifi meeshaaleen waraanaa US naannicha akka turan beeksisan.

    Kanas barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaanii Truth Social irratti barreessaniin beeksisan.

    Yoo ta'udhaa baate ''haleellaan haalaan guddatee'' akka eegalu dubbatan.

    Ulaa Hormuuz akka banamuufi Iraan meeshaa niwukilaraa akka hin hidhanne waliigalameera jedhan.

    Hammasitti, waraanni US akka boqotu dubbatan.

    Waa'ee yeroof dhukaasa dhaabuurratti gama US fi Iraaniiti waan wal darbuutu dhagahamaa jira.

  7. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Dhimmoota waraana Giddugala Bahaafi kaan jala jalaan gurra isin buusna.

    Isinis asumaan karaa WhatsApp, marsaritii, YouTube fi Facebook nu hordofaa.

    Nagaan oolaa.

Trending Now