Israa’el sadarkaa waraanaa itti aanu yoo labsitu, US ‘humni abiddaa Iraan irratti bifa diraamaa ta’een dabala jette
Pirezidant Doonaald Tiraamp, Ministir ittisaa US peet Hegseez fi ajajaa giddugaleessaa kan saatii wal fakkaataa keessatti jedhan:
- US meeshaa waraanaa gahaa waan qabduuf duula Iraan irratti taasiftu hanga akka dheeratu barbaadduutti itti fufuu dandeessi jedhe Ministirri Ittisaa pee Hegseez.
- Humna US boombii darbatuun Iraan keessatti bakkawwan irratti xiyyeeffataman 200'tti siqan sa'aatii 72 keessatti haleelamaniiru jedhe ajajaan giddugaleessaa Admiiraal Biraad Kuuppar.
- Tiraamp Iraaniin eenyu akka gggeessurratti "gahee murteessaa" qaba jedhe Hegseez.
- Humni abidaa Iraan irratti haala diraamaa ta'een babal'achuu danda'a akka Hegseez jedhutti.
- Michoonni US baayyeen gargaarsa gochuf jedhan dabalaa jira jedhe Hegseez.
- US "saatii hunda" humna dirooniifi misaa'elaa Iraan haleelaa jirti jedhe Tiraamp.
- Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waraanni US Israa'el waliin ta'uun bakkawwan Iraan irratti xiyyeeffatamuu qaban "yeroo karoorfame baayyee dursee guutummaatti diigeera [diigaa jira] jedhe.















