Iraan maricha irratti hirmaachuushee hanga ammaa hin mirkaneesine- Paakistaan
Iraan maricha irratti hirmaachuushee hanga ammaa karaa idilee hin mirkaneesine jedhan ministirri Paakistaan.
Min. Dhimma Alaa Paakistaan Iraan irraa haga ammaa hirmaachuu isaanii ilaalchisee deebii hin arganne jedhe.
Atullaa Taraar Paakistaan akak biyya jaarsummaa mijeessaa jiru tokkootti qondaalota Iraan waliin walitti fufinsaan dubbachaa jirra jedhan.
Iraan maricha irratti akka hirmaattuu fi waliigaltee dhukaasa dhaabuu dura waliin dubbachuun gaariidha jedhe.
''Paakistaan qondaalota Iraan amansiisuuf dhamaatii guddaa taasisaa jirti. Iraan garuu haga ammaa hin deebisne.Tiraamp Iraan jila ishee erguu malee carraa biraa hin qabdu, kanaan ala ni haleellaa jedhe.