US waraana Iraan dhaabuurratti ‘yeroon kaa’ame hin jiru’ jette, Teehraan ammoo Ulaa Hormuuz banuun ‘hin danda’amu’ jette

Jila Iraan bakk bu'uun marii irratti dhiyaachaa kan ture Mohaammad Baager Gaalibaaf ''yeroo waliigalteen dhukaasa dhaabuu cabetti Ulaa Hormuuz banuu hin dandeenyu'' jedhan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Israa'el Iraaniin gara bara dhagaatti deebisuuf eeyyama Ameerikaa eegaa jirti- Min. Ittisaa

    Min. Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatiz

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Min. Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaatiz

    Min. Ittisaa Israa'el Iraaniin 'akka bara dhagaatti' deebisuuf eeyyama Ameerikaa eegaa jirra jedhan.

    Iraan irratti waraana deebisnee jalqabuun ''bara dukkanaafi dhagaatti'' deebisuuf qophiidha jedhe.

    Israa'el Kaatiz, humni waraanaa Israa'el qophaa'ee Ameerikaa irraa eeyyama qofa eegaa jira jedhan.

    ''Isa jalqabaa fi isa dhumaaf daayinastii Kaameeniitti xumura goona'' jedhan.

    Hogganaa Olaanaan duraanii Iraan Ayatolaa Alii Kaameenii haleellaa Israa'eliin ajjeefamaniiru.

    Israa'el kaatiz buufataalee aannisaa fi bu'uuraalee misoomaa dinagdeeshee haleeluun Iraaniin 'bara dhagaa durii fi dukkanaatti'' deebisna jedhan.

    ''Haleellaan inni ammaa baay'ee hamaa fi cimaadha, bakkeewan tokko tokko bu'uuruma isaayyuu kan raasuu fi balleesudha'' jedhan.

    Tiraampis Iraan gara waliigalteetti hin dhuftu taanaan haleellaa cimaa irratti banuun 'bara dhagaa duriitti'' ishee deebisa jechuun dhaadateera.

  2. Ameerikaan dooniiwan karaa Hormuuz darbuuf turan 33 deebisuu himte

    Gidduugalli Ajaja US dooniiwan 33 karaa Hulaa Hormuuz darbuuf turan ofirra deebisuu ibse.

    Kun erga karaa hulichaa dooniiwan gara Buufata doonii Iraanitti hin darbine dhorkuu jalqabeeti.

    Ameerikaan dooniiwan Iraan boba'aa fe'anii turan akka dhorkitee fi to'atte himtee ture.

    Dabalataan Tiraamp bidiruuwan xixiqqoo Hulaa Hormuuz keessa meeshaa dhohan awwalan haleelaa jechuun ajaja dabarseera.

    Iraanis hulicharratti dooniiwan eeyyama isheen ala socho'an akka to'atte himteetti.

  3. Namoonni hiriyyaa isaanii ajjeesuun konkolaataa isaa fudhatanii miliqan hidhaan adabaman

    Namoonni hiriyyaa isaanii ajjeesuun konkolaataa isaa fudhatanii miliqan hidhaan adabaman

    Madda suuraa, Poolisii Magaala Finfinnee

    Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni hiriyyaa isaanii ajjeesuun konkolaataa isaa fudhatanii miliqan hidhaan adabaman

    Yakki kun kan raawwate Finfinnee Kutaa Bulchiinsa Gullallee aanaa 8 naannoo Sameen Mazzagaajjaa jedhamuun beekamutti yoo tahu Caamsa 8 bara 2016 ture.

    Namni Gbaremikaa’el Seefuu jhamu namoota isa ajjeesaniif hiriyyaa ture.

    Qorannoon Polisii magaala Finfinnee akka mul’isutti dargaggoo Gabremikaa’el jedhamu kun hiriyyoota isaa lama Teediroos Takilee fi Siisay Xilahuun jedhaman waliin hanga halkan sa’a 5tti bashannanaa ture.

    Sana booda hiriyyoonni isaa kunneen lameen morma isaa hudhanii erga ajjeesanii booda reeffa isaa daandii irratti gatuun moobayila isaa, waraqaa eenyummaa isaa fi konkolaataa qabatee ture lakkoofsi gabatee isaa 15624 koodii 4 ET taate fudhatanii miliqan.

    Poolisiin shakkamtoota kanneen sa;a 24 keessatti to’annoo jala oolche.

    Teediroos Takilee naannoo Ayyer Xeenaatti, Siisay Xilahun ammo Sulultaatti to’annoo jala oolan.

    Konkolaataa isaa ammo naannoo Walattee jedhamee beekamu Shaggar keessa geessuun akka gurguramuuf namatti kennatanii ture. Poolisiin qorannoo gaggeesseen konkolaatichas to’annoo jala oolche.

    Manni Murtii Federaalaa Dhaddacha Lidataa shakkamtoota himanni irratti baname irratti raga funaanee erga mirkanneessee booda Teediroos Takilee hidhaa cimaa waggaa 25, Siisay Xilahuun ammo hidhaa cimaa waggaa 23’n adabeera.

  4. FIFA'n Waancaa Addunyaa 2026 irratti bakka Iraan Xaaliyaanii buusuufii?

    Xaaliyaaniin Waancaa Addunyaa 2026 bakka Iraan akak buutuuf yaadni dhiyaate

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Xaaliyaaniin Waancaa Addunyaa 2026 bakka Iraan akak buutuuf yaadni dhiyaate

    Ergamaan Addaa Doonaald Tiraamp Waancaa Addunyaa 2026 irratti bakka Iraan biyyi osoo hin darbiin hafte Xaaliyaanii akka buufamtuuf yaada dhiyeessee ture.

    Maddeen akka himanitti garuu FIFA'n bakka Iraan Xaaliyaanii buusuuf karoora hin qabu.

    Sababa waraana Ameerikaa fi Israa'el Iraan irratti gaggeessaniif Iraan Waancaa Addunyaa 2026 irratti hirmaachuun ishee hin mirkanoofne.

    Ergamaan Addaa Ameerikaa Pawoloo Zaampoolii Faayinaanshaal taayimsitti akka himetti, '' Bakka Iraan Xaaliyaanii akka buusaniif wixinee isaa Tiraampii fi Jiyaanii Infaantinoof dhiyeesseera.''

    ''Hiddi Dhalootakoo Xaaliyaanii waan taheef gareen Xaaliyaanii waancaa qopheesinu kana irratti hirmaachuun abjuukoti.Kana dura waancaa afur injifachuun isaanii akka hammatamaniif ulaagaa guuchisa'' jedhe.

    FIFA'n kaan dura Iraan hirmaachuuf qophii tahuu himeera.

  5. Bidiruu meeshaa dhohu galaana keessa awwaluuf dhuftu hunda haleelaa, ajjeesaa- Tiraamp

    Doonii Hulaa Hormuuz keessaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonii Hulaa Hormuuz keessaa

    Doonaald Tiraamp ergaa Humna Galaanaa Ameerikaaf dabarsaniin bidiruu kamiyyuu meeshaa dhohu galaana keessa awwaluuf dhufan haleelaa, ajjeesaa jedhan.

    Hulaa Hormuuz keessa Iraan meeshaalee dhohan dhoksiteetti waan taheef yeroo dooniiwan achiin darban balaaf saaxilamuu danda'u jedhamee sodaatamaa ture.

    ''Humni galaanaa US bidiruu xixiqqoo meeshaa dhohu galaana keessa kaa'uu dhuftu akka haleelan ajajeera. Kun Hulaa Hormuuz keessattidha'' jedhe Tiraamp.

    ''Shakkiin tokkoyyuu hin jiru. Itti dabaluun humni galaanarraa US meeshaalee galaana keessa dhohuu danda'an Iraan dhoksite qulqulleessaa jiru.

  6. Iraan gaggeessaan isaanii eenyu akka tahe waan beekan hin sehu- Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonaald Tiraamp

    Doonaald Tiraamp Iraanonni eenyu akak isaan gaggeessaa jiru waan hubatan natti hin fakkaatu jedhe.

    Miidiyaa hawwaasaa isaa 'Truth Social' irratti akka qoodetti Iraanonni gaggeessan isaanii eenyu akka tahe baruuf rakkataniiru jedhe.

    ''Hin beekan! kan jedhe Tiraamp garee warra mata jabeeyyii fi jijjiirama barbaadu gidduu wal dhabdee guddaatu deemaa jira jedhe.

    Itti dabaluun Hulaa Hoormuz Ameerikaan guutummaan to'atteetti jedhe. Eeyyama Ameerikaa malee dooniin tokkoyyuu seentee bahuu hin dandeesu jedhe.

    Humna Galaanaa US dooniiwan ykn bidiruuwan Iraan meeshaa dhohu galaana keessa kaa'an kamiyyuu akka haleelaniif ajaja dabarse.

  7. Lola kana keessatti, sa'aatiin warra Iraan dheeraa dha jedhe dippilomaatiin US duraanii

    -

    Madda suuraa, CQ Roll Call

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Itti bahi waraana US fi Iraan ''sa'aatii eenyutitu ariifata'', kan jedhurratti hundaaya jedha dippilomaatiin duraanii US fi gorsaa pirezdant Baayiden kan ture Daavid Saatarfiild.

    "Akka hubannaa kiyyaatti sa'aatiin Iraan dheeraa dha", jedhe dippilomaatichi turtii BBC Radio 4 waliin tolcheen.

    "Dandeettiin miidhaa diinagdee isaanii kan US fi Prezdaant Tiraamp caala irra wayya," jedhe.

    Dippilomaatichi balaa maraammartoo muddamaa keessa akka hin seenne akeekkachiise.

    "Yoo US Iraan waliin muddama lafarraatti hammeessite, dandeettiin Iraan biyyoota Galoo galaanaa haaloo bahuu "miidhaan isaan mudatu kan US Iraanirraan dhaqqabsiiftu caalaa hammaata"

  8. Tiraamp Iraan kabaja kiyyaaf jecha murtii ajjeechaa raawwachuu dhiiste jedhe

    Tiraamp

    Madda suuraa, reu

    Iraan murtii ajjeechaa dubartoota saddeet irratti darbe raawwachuu dhiisuun kabaja naaf qabdu mul'isa jedhe Tiraamp.

    Qondaalonni Tehraan ammoo murteen ajjeechaa raawwachuu akkuma karoorfametti kan raawwatu ta'uu ibsuun, Tiraamp dubbii sobaa tamsaasuu irraa akka of qusatu akeekkachiiste.

    Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaa irratti maxxanse keessatti ''oduu baayyee gammachiisaadha,'' jechuun dhimma kana ibse.

    Bulchaan Ameerikaa kun yeroon waliigaltee dhukaasa dhaabuu erga xumuramee booda akka itti fufu ibsuu booda yaada kana kenne.

    Tiraam akka jedhutti dubartoota saddeet murteen du'aa irratti darbe keessaa afur ammuma gadhiifamu, afur ammoo hidhaa ji'a tokkoo booda bilisa ba'u.

    ''Iraan fi hooggantoonni ishee gaaffii kiyya kabajanii waan deebii kennaniif nan galateeffadha,'' jedhe Tiraamp.

    Iraan waan Tiraamp jedhu kana hunda kuffisteetti. Tiraamp maqaasaa tolfachuuf jecha odeeffannoo sobaa facaasuurraa of haa qusatu jechuun akeekkachiiste.

    Tiraamp Iraan Hormuuz banuu diduusheen baayyee rifateera. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroosaa obba'us akka itti fufu himeera Tiraamp, kunis homaa jijjiirama hin finne.

    ''Tiraamp dirree waraanaatti harka qullaa waan galeef amma oduu sobaa tamsaasuu jalqabe,'' jechuun miidiyaan Iraan tokko gabaaseera.

  9. Hogganaan humna galaanaa US ari'ame

    Tiraamp fi qondaala waraanaa gaggeeffame

    Madda suuraa, reuter

    Hogganaan humna galaanaa US Joon Felaan ari'amuu aanga'oonni US fi namni dhimma kana itti dhiheenyaan beeku Rooyitarsitti himeera.

    Kun erga ministirri humna waraanaa US Piit Heegset ajajaa waliigalaa waraana biyyattii Raandii Joorji ari'ee torbanoota booda ta'e.

    Aanga'oonni olaanoon humna waraanaa US lama, Jeneraal Deeviid Hodnii fi Meejar Jeneraal Wiiliyaam Giriin jedhamanis, dhiheenya kana ari'amaniiru.

    Pentaagoon akka jedhutti murteen qondaala humna galaanaa US irratti darbe yoggasuma hojiirra oole.

    Murtee Roobii kaleessaa darbe booda dubbi himaan Pentaagoon Siyaan Parnel ''qondaalli waraanaa kun ammuma aangoorraa kaafamu,'' jechuun miidiyaa hawaasummaarratti maxxanse.

    Tarkaanfiin kun wayita waraanni US-ISraa'el fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiruu fi dhimmi cufamuu Ulaa Hormuuz ijoo dubbii ta'ee jirutti fudhatame.

    Humni galaanaa US maaliif akka Felaan gaggeesse hin ibsine.

    Ministirri humna waraanaa US Piit Heegset erga aangoo qabatee qondaalota waraanaa olaanoo kudhan calaan ari'eera.

    Qondaalli oppireeshinii humna galaanaa fi itti aanaan ajajaa waliigalaa humna qilleensaa kanneen qondaala waraanaa kanaan dhiheenya gaggeeffaman keessaati.

  10. Iraan-Hormuuz- Humna galaanaa fayyadamuun ulaa cufuun hangam milkaa'a?

    Ulaa Hormuuz

    US humna galaanaashee fayyadamuun Ulaa Hormuuz Iraanitti cufuunshee diinagdeen miidhuun harka kennachuu, biyyoonni biraa ishee waliin daldalanis akka irraa bitanii hin gurgurre gochuun sirna daldalaa jalaa jeequu kan kaayyeffateedha.

    Malli US fayyadamte kun haaraa osoo hin taane, mala waraanaa durirraa jalqabee hojiirra oolaa ture yoo ta'u, qaama biraa harka kennachiisufi diinagdeen laamshessuuf kan hojiirra oolaa tureedha.

    Humna waraanaa fayyadamuun ulaa galaanaa cufuun dhiibbaa uumuuf akka gargaaru seena waraanaa gurguddoo kana dura gaggeeffamaniirraa hubachuun ni danda'ama- garuummoo dhiibbaan inni qabu akkasuma wal-xaxaadha.

    Keessumaa Waraana Addunyaa Tokkoffaafi Lamaffaarratti humna galaanaa fayyadamuun ulaa galaanaa cufuun dandeettii waraanaa biyya tokkoo akka miidhu qabatamaan mul'ateera.

    Waraana Gaazaafi Yaman keessatti ammoo ulaa galaanaa cufuun rakkoon namoomaa guddaan akka uumamu taasisera.

Trending Now