Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

KALLATTIIN, US waraana Iraan dhaabuurratti ‘yeroon kaa’ame hin jiru’ jette, Teehraan ammoo Ulaa Hormuuz banuun ‘hin danda’amu’ jette

Jila Iraan bakk bu'uun marii irratti dhiyaachaa kan ture Mohaammad Baager Gaalibaaf ''yeroo waliigalteen dhukaasa dhaabuu cabetti Ulaa Hormuuz banuu hin dandeenyu'' jedhan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp Iraan kabaja kiyyaaf jecha murtii ajjeechaa raawwachuu dhiiste jedhe

    Iraan murtii ajjeechaa dubartoota saddeet irratti darbe raawwachuu dhiisuun kabaja naaf qabdu mul'isa jedhe Tiraamp.

    Qondaalonni Tehraan ammoo murteen ajjeechaa raawwachuu akkuma karoorfametti kan raawwatu ta'uu ibsuun, Tiraamp dubbii sobaa tamsaasuu irraa akka of qusatu akeekkachiiste.

    Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaa irratti maxxanse keessatti ''oduu baayyee gammachiisaadha,'' jechuun dhimma kana ibse.

    Bulchaan Ameerikaa kun yeroon waliigaltee dhukaasa dhaabuu erga xumuramee booda akka itti fufu ibsuu booda yaada kana kenne.

    Tiraam akka jedhutti dubartoota saddeet murteen du'aa irratti darbe keessaa afur ammuma gadhiifamu, afur ammoo hidhaa ji'a tokkoo booda bilisa ba'u.

    ''Iraan fi hooggantoonni ishee gaaffii kiyya kabajanii waan deebii kennaniif nan galateeffadha,'' jedhe Tiraamp.

    Iraan waan Tiraamp jedhu kana hunda kuffisteetti. Tiraamp maqaasaa tolfachuuf jecha odeeffannoo sobaa facaasuurraa of haa qusatu jechuun akeekkachiiste.

    Tiraamp Iraan Hormuuz banuu diduusheen baayyee rifateera. Waliigalteen dhukaasa dhaabuu yeroosaa obba'us akka itti fufu himeera Tiraamp, kunis homaa jijjiirama hin finne.

    ''Tiraamp dirree waraanaatti harka qullaa waan galeef amma oduu sobaa tamsaasuu jalqabe,'' jechuun miidiyaan Iraan tokko gabaaseera.

  2. Hogganaan humna galaanaa US ari'ame

    Hogganaan humna galaanaa US Joon Felaan ari'amuu aanga'oonni US fi namni dhimma kana itti dhiheenyaan beeku Rooyitarsitti himeera.

    Kun erga ministirri humna waraanaa US Piit Heegset ajajaa waliigalaa waraana biyyattii Raandii Joorji ari'ee torbanoota booda ta'e.

    Aanga'oonni olaanoon humna waraanaa US lama, Jeneraal Deeviid Hodnii fi Meejar Jeneraal Wiiliyaam Giriin jedhamanis, dhiheenya kana ari'amaniiru.

    Pentaagoon akka jedhutti murteen qondaala humna galaanaa US irratti darbe yoggasuma hojiirra oole.

    Murtee Roobii kaleessaa darbe booda dubbi himaan Pentaagoon Siyaan Parnel ''qondaalli waraanaa kun ammuma aangoorraa kaafamu,'' jechuun miidiyaa hawaasummaarratti maxxanse.

    Tarkaanfiin kun wayita waraanni US-ISraa'el fi Iraan gidduutti gaggeeffamaa jiruu fi dhimmi cufamuu Ulaa Hormuuz ijoo dubbii ta'ee jirutti fudhatame.

    Humni galaanaa US maaliif akka Felaan gaggeesse hin ibsine.

    Ministirri humna waraanaa US Piit Heegset erga aangoo qabatee qondaalota waraanaa olaanoo kudhan calaan ari'eera.

    Qondaalli oppireeshinii humna galaanaa fi itti aanaan ajajaa waliigalaa humna qilleensaa kanneen qondaala waraanaa kanaan dhiheenya gaggeeffaman keessaati.

  3. Iraan-Hormuuz- Humna galaanaa fayyadamuun ulaa cufuun hangam milkaa'a?

    US humna galaanaashee fayyadamuun Ulaa Hormuuz Iraanitti cufuunshee diinagdeen miidhuun harka kennachuu, biyyoonni biraa ishee waliin daldalanis akka irraa bitanii hin gurgurre gochuun sirna daldalaa jalaa jeequu kan kaayyeffateedha.

    Malli US fayyadamte kun haaraa osoo hin taane, mala waraanaa durirraa jalqabee hojiirra oolaa ture yoo ta'u, qaama biraa harka kennachiisufi diinagdeen laamshessuuf kan hojiirra oolaa tureedha.

    Humna waraanaa fayyadamuun ulaa galaanaa cufuun dhiibbaa uumuuf akka gargaaru seena waraanaa gurguddoo kana dura gaggeeffamaniirraa hubachuun ni danda'ama- garuummoo dhiibbaan inni qabu akkasuma wal-xaxaadha.

    Keessumaa Waraana Addunyaa Tokkoffaafi Lamaffaarratti humna galaanaa fayyadamuun ulaa galaanaa cufuun dandeettii waraanaa biyya tokkoo akka miidhu qabatamaan mul'ateera.

    Waraana Gaazaafi Yaman keessatti ammoo ulaa galaanaa cufuun rakkoon namoomaa guddaan akka uumamu taasisera.

  4. ASHAMAA!

    Akkam jirtu hordoftoota keenyaa?

    Oduu karaa tamsaasa kallattiin isiniif dhiyeessinu jalqabneerra.

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu waan cabeef Ulaan Hormuuz banamuu hin danda'u - Iraan

    Odeeffannoo guutuu dhimmoota waraana Iraan, Baha Giddugaoleessatti deemaa jiru dabalatee wantota amma addunyaarratti ta'aa jiran argachuuf: Marsartii,Facebook, Whtasapp, YouTube irraan argachuu dandeessu.

    Erga Tiraamp dhukaasa dhaabuu dheeressee dooniiwwan sadii Ulaa Hormuuzitti haleelaman

    DHIYAADHAA!

Trending Now