Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Tarkaanfii haaloo bahu Iraan fudhachaa jirtuun wiirtuun industirii Qaataar ‘barbadaa’e’

Calaltuun boba’aa Qaataar Raas Lafaan wiirtuuwwan Iraan akka haleeltu akeekkachiisaa turte keessaa tokkodha. Wiirtuun kun amma dhaabbata gaazii Kibba Paarsiin jiru kana dura haleelameen booda irratti xiyyeeffatameera.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tarkaanfii haaloo bahu Iraan fudhachaa jirtuun wiirtuun industirii Qaataar ‘barbadaa’e’

    Calaltuun boba’aa Qaataar Raas Lafaan wiirtuuwwan Iraan akka haleeltu akeekkachiisaa turte keessaa tokkodha. Wiirtuun kun amma dhaabbata gaazii Kibba Paarsiin jiru kana dura haleelameen booda irratti xiyyeeffatameera.

    Buufatni bobaa guddichi addunyaa qabeenya Iraan ta'e haleelamuu hordofee Iraan haaloo akka baatu beeksifteetti.

    Haaloon kan irratti bahamu ammoo buufataalee boba'aa biyyoota Arabaa galaoo galaanaa waan ta'aniif haleellaa kanaaf qophaa'aa jiru.

    Ejensiin madda oduu Egdota Warraaqsaa Iraan waliin hidhata qabu, buufataaleen boba'aa Saa'udii Arabiyaa, UAE fi Kataar jiran warra haleellaan haaloo bahuu irratti raawwatamu ta'uu tarreesseera. Kuniis dhiyootti akka ta'u gabaafame.

    Odeeffannoo kana waliin wal qabatan biroof:

  2. Biyyootni Galooo Galaanaa buufataaleen boba'aa isaanii Iraaniin rukutamuuf qophaa'an

    Buufatni bobaa guddichi addunyaa qabeenya Iraan ta'e haleelamuu hordofee Iraan haaloo akka baatu beeksifteetti.

    Haaloon kan irratti bahamu ammoo buufataalee boba'aa biyyoota Arabaa galaoo galaanaa waan ta'aniif haleellaa kanaaf qophaa'aa jiru.

    Ejensiin madda oduu Egdota Warraaqsaa Iraan waliin hidhata qabu, buufataaleen boba'aa Saa'udii Arabiyaa, UAE fi Kataar jiran warra haleellaan haaloo bahuu irratti raawwatamu ta'uu tarreesseera. Kuniis dhiyootti akka ta'u gabaafame.

    Iddoon omisha boba'aa South Pars jedhamu barootaaf bakka Iraaniifi Kataar waliin itti fayyadaman ture. Israa'eel Roobii ganama iddoowwan kana haleelte.

    Dubbii himaan Ministeera Haajaa Alaa Kataar Majeed Al Ansaarii haleellaa Israa'el bu'uura diinagdee kanarratti raawwatte ''akka feetee fi gaafatamummaan kan isa hanqatu'' jechuun balaaleffatee ture.

  3. Ergaan Mojtaabaa Kamenii lama Telegiraamiirratti qoodame

    Miidiyaaleen Iraaniifi chaanaaliin Telegiraamii Hoggana Olaanaa Mojtaabaa Kamenii waliin hidhata qaba jedhamu ergaawwan lama kan isaati jedhaman maxxansaniiru.

    Ergaa kanaan Kameeniin ajjeechaa hoggana nageenyaa Alii Laarjaanii fi kanneen biroo isa waliin ajjeefamaniif gadda ibsateera. Hogganaa milishoota Basiij kan ta'e Golaamreezaa Solimaanii ajjeefamuuttis akkasuma.

    Ergaa ajjeechaa Laarjaanii ilaallatuun cophni dhiigaa tokkoon tokkoonsaa gatii qaba, yakkamtootni wareegamtoota ajjeesan dhiyootti gatii kana ni baasu'' jedheera.

    Ergaawwan kunniin erga aangoo abbaasaa dhaalee dubbii sadaffaafi arfaffaa isaati.

    Mojtaabaan erga aangoo kana qabatee mul'atee hin beeku, suurris ta'e viidiyoonsaa waraabames hin mul'anne.

  4. Awwaalcha qondaalota Iraaniif uummata Teehraanitti walitti qabame

    Magaalaa guddoo Iraan Teehraanitti awwaalcha qondaalota olaanoo haleellaa Israa'eliin ajjeefamaniif namni hedduun waliti qabameera.

    Suuraaleen sirna awwaalchaa kana agarsiisan kunooti

  5. Daawwadhaa: Sirna owwaalcha hogganoota Iraan irratti maaltu mul’ate?

    Guyyaa har'aa hogganoota olaanoo Iraan haleellaa qilleensaa Israa'eliin tibbana ajjeefamanif sirni owwaalchaa taasifameera.

    Akkasumas yabaltoota 84 haleellaa Ameerikaan doonii waraanaa Iraan irratti taasifteen ajjeefamaniifis sirni yaadannoo taasifameera.

  6. Daanyaan Ameerikaa Tiraamp miidiyaa Sagalee Ameerikaa akka deebisee banu ajaje

    Daanyaan Ameerikaa miidiyaan Sagalee Ameerikaa bara darbe cufame ''seeraan ala'' jechuun gaazexeessitoonni dhibbaan lakkaa'aman hojiitti akka deeebi'an ajaje.

    Daanyaa Rooyis Laaberiit qondaaloti mootummaa miidiyaa idil-addunyaa kana qilleensatti akka deebisan torbee tokko kenneeraafi.

    Ssagaleen Ameerikaa (The Voice of America) yeroo Waraana Addunyaa Lammaffaa ture olola Naazii qolachuuf kan hundaa'e.

    Donaald Tiraamp Waayit Haawusitti deebi'e torbee tokko booda ture midiyaan kuni siyaasa warra tarkaanfata(left wing) oofa jechuun akka cufamu kan ajaje.

    Murtoo Tiraamp bara darbe dabarsan kanaan sagantaa raadiyoo VOA Afaan Oromoo dabalatee hojjettoonni %85 tahan hojiirraa arii'amaniiru.

  7. Qaataar haleellaan Israa'el dhaabbilee aannisaa Iraan irratti raawwatte 'kan balaa qabuufi maal-na dhibeen' raawwatamedha jette

    Qaataar haleellaa Israa'el dhaabbilee injarjii Iraan irratti raawwatte 'gocha balaa qabuufi kan maal na dhibdeetiin' raawwatamedha jechuun balaaleffatte.

    Haleellaan dhaabbata boba'aa uumamaa addunyaa guddicha ta'eeratti raawwatame kun 'gocha hamaafi itti gaafatamummaa malee' kan tahe dha jechuun gocha kanaaf Israa'el ta'uu hin oolu jechuun quba itti qabdeetti.

    Qaataar fi Iraan dhaabbileen dirree gaazii tokko keessaa boba'aa uumamaa kan oomishan yoo ta'u, inni karaa gama Iraaniin jiru, Saawoz Paars jedhama.

    Iraan akka jettetti dhaabbanni guddaa Petirookeemikaal haleelameera.

    Dubbi-himaan dhimma alaa Qaataar, Majiid Al Ansaarii akka jedhetti, haleellaan bu'uura misoomaa annisaa "wabii annisaa addunyaatiif yaaddoodha'.

  8. Daawwadhaa : Battala embasiin US Iraaq jiru haleelamu

    Embasiin Ameerikaa Baagidaad jiru hoomaa dirooniifi misaa'elaaf saaxilamuu gabaasonni Rooyitars fi AFP mul'iseera.

    Humnoonni nageenyaa Iraaq AFP'tti akka himanitti, kuni ''erga haleellaan eegalee isa cimaadha.''

    Haleellaan raawwachuu sa'aatii jahaa dura embasichi lammiileee isaa Iraaq jiraniif akeekkachiisa ergee ture.

  9. Iraan ummanni Galoo Galaanaa dhaabbilee boba’aatti dhiyoo jiran akka irraa fagaatan ajajje

    Iraan ummanni biyyoota Galoo Galaanaa dhaabbilee boba’aatti dhiyoo jiraatan akka bakka sanarraa fagaataniif ajajje.

    Dhaabbanni oduu IRGC waliin hidhata qabu Taasnim Telegram irratti lammiileefi jiraattota naannoo kanneen jiraataniif addatti ajaja dabarseera.

    -Warshaa qulqulleessituu boba’aa Samref Saa'ud Arabiyaa keessatti argamu

    -Kompileeksii Petrokeemikaalaa al-Jubail fi Dhaabbata Masa’iid Holding Company Saa'ud Arabiyaa keessatti argamu

    -Dirree gaazii al-Hosn kan Yunaayitid Arab Emireetis keessatti argamu

    -Akkasumas, warshaa qulqulleessituu Raas Laffaan Qaataar keessatti argamu

    Ibsichi akkas jedha: "Dhaabbileen kunneen kallattiiniifi karaa seera qabeessa ta'een kan irratti qiyyaafataman yoo ta'u, sa'aatii itti aanan keessatti irratti ni xiyyeeffatama.

    "Kanaaf lammiileen, jiraattonniifi hojjettoonni hundi osoo hin turiin hatattamaan naannolee kanneen keessaa bahuun gara bakka nageenya qabutti akka baataniif isin gaafatamna."

  10. Iraan buufatni boba'aa uumamaa addunyaa guddichi haleelame jette

    Buufatni peetirooliyeemii Iraan iddoo Saawuz Paars jedhamutti argamu haleellaa qilleensaa Israa'eliin rukutamuu maddi oduu mootummaa Iraanitti hidhata qabu Taasniim hime.

    Maddi oduu Faars ammoo buufatichi abidda qabachuufi hojjettoonni yeroo balaa achitti argamuu himeera.

    Saawuz Paars iddoo boba'aan uumamaa addunyaa guddaa itti argamu dha.

    Kataar haleellaan Israa'el bu'uura aannisaa Iraan irratti raawwatte 'balaafamaafi ittigaafatamummaa kan hin qabne dha' jette.

    Buufata annisaa kana Kataariifi Iraan kan to'atan yoo tahu iddoon boba'aa kara Iraan jiru Saawuz Paars jedhama.

    Dubbiihimaan ministara hajaa alaa Kataar Maajiid Al Ansaarii bu'uuraalee misoomaa aannisaa haleeluun ''nageenya dhiyeessii aannisaa addunyaaf yaaddeessaa dha,'' jedhe.

    ''Bu'uuraalee anniisaa ijoo irratti qiyyaafachuu akka dhiisan irra deddeebiin himneerra.'' Kana malees ''qaamoti hundi'' seera idil-addunyaa akka kabajaniifi dubbii akka tasgabbeessan waamicha dhiyeesina jedheera.

  11. Sababa waraana Baha Giddugalaan hanqinni misaayelaa 'nu mudachuuf deema' jedhe Zeleniskiin

    Pirezidantiin Yukireen Vooloodimiir Zeleniskii sababa waraana Baha Giddugaleessaatti gaggeeffamaa jiruun biyyi isaanii Raashiyaa loluu itti fufuuf hanqinni misaayelaa akka isaan mudatu beeksise.

    Gaaffiifi deebii addatti BBC waliin godheen Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waraanni US-Israa'eeliifi Iraan akka dheeratu barbaada jedhe.

    Sababni ammoo meeshaaleen waraanaa US Kiiv argachaa turte gara waraana Iraanittis sababa naanna'uuf ta'uu hime.

    Dabalataan Pireezidantiin US Doonaald Tiraamp waraana Raashiyaa fi Yukireen idduutti gaggeeffamaa jiruun eenyuunuu deeggaraa hin jiru jedhe. Tiraamp, Putiiniin ''aarsuu'' hin barbaadu jedhe.

    Zelenikiin dhiibbaa waraanni Bahaa Giddugalaa isaanirraan gahu akka hin jaalanne beesksiseera.

    Waraanichi Putiiniin akka itti fayyade keessaa tokko gatiin boba'aa dabaluudha.

    Gatiin boba'aa dabaluun omisa meeshaalee waraanaa ni xiqqeessa sun ammoo hamma misaayelaa nu barbaachisu nu dhabsiisa jechuun dubbate.

    Hanqinni misaayelooa paatoiriyoot jedhamanii akka mudatu himuun gaaffii ijoon kuufamni meeshaalee waraanaa kun Baha Gidduugalaa keessati yoom dhumata kan jedhu ta'uu dubbate.

  12. Israa'el ministara tikaa Iraan ajjeese jette

    Ministarri Ittisaa Israa'el, Israa'el Kaartiz Ministara Tikaa Iraan Ismaa'el Kaatiib ajjeefamuu hime.

    ''Eda galgala Ministarri Tikaa Iraan Kaatiib galaafatameera,'' jechuun ibsa kenneera.

    Ismaa'iil Kaatiib bara 2021tti ture pireezidantii duraanii Iraan amma lubbuun hin jirre Ibraahim Raayisiidhaan ministara tikaatti kan muudame.

    Namni kuni falaasama seera Islaamaa Hogganaa Olaanaa duraanii Ayaatoolaa Alii Kaameenii dabalatee hayyoota amantii olaanoo biroo jalatti barateera.

    Waajiraalee tikaafI Hogganaa Olaanaa jalatti gahee hojii garagaraan hojjechaa ture.

    Bara 2022 ''Ameerikaa fi biyyoota michuu irratti haleellaa saayibarii raawwateera jedhamuun Ameerikaadhaan qoqqobbiin irra kaa'amee ture,''

    Kaahtiib bara 1980tti ture Eegduu Warraaqsa Islaamaatti kan makame.

  13. 'Haleellaa Iraan raawwatteen namoonni miidhaman 192 hospitaala galan' - Israa'el

    Ministeerri Fayyaa Israa'el sa'aatii 24 dabre qofatti haleellaa Iraan raawwatteen namoonni 192 miidhamanii hospitaala galan.

    Ministeerichi akka beeksise haleellaa kanaan afur kan ta'an miidhama jiddugaleessa qabu.

    Namootni gara 177 immoo miidhama salphaatu irra gahe, isaanis yaala argachaa jiru jedhe.

    Kanneen hafan 11 immoo haala maalii keessa akka jiran hin baramne. Lakkoofsa namoota du'anis hin eerre.

    Erguma waraanni kun eegalee hanga ammaa namoonni 3,727 miidhaan irra gahee yaala fayyaa hordofaa jiru.

  14. US Iraan meeshaalee waraanaa lafa jala dhoksiteetti jechuun xiyyaarota 'Bunker buster' fayyadamaa jirti

    US xiyyaarota Bunker buster fayyadamaa jirti, kun mallattoo Iraan lafa jalaa meeshaa qabaachuuti.

    Oduun US xiyyaara bunker buster kan 2270kg ulfaatu fayyadamaa jiraachuu gabaafame Iraan meeshaalee waraanaa hedduu lafa jalatti dhoksuu akeeka.

    Ajajni Giddu-galeessaa US (Centcom) meeshaalee akkamii fayyadamee buufataalee misaayelootaa Iraan cimaadha jedhamu kan naannawa handaara galaanaa ulaa Hormuzitti argamu akka haleelte adda hin baafne.

    Garuu, meeshaaleen waraanaa ijoon lama kan ulaagaa kana guutan : GBU (Guided Bomb Unit)-28 laser-guided bomb fi haaraa GBU-72 Advanced 5K Penetrator jedhaman. Inni lammaffaa bobbaafamuu hin oolu.

    Jalqaba bara 2021 kan yaalame boombii haleellaa waloo kallattii (Joint Direct Attack Munition (JDAM) ti.Meeshaa waraanaa yoo qajeelfame hin dogoggorree fi saatalaayitootaa fi Inertial Navigation System 'dhaan qajeelfama.

    Akka Humni Qillensaa US jedhutti GBU-72 yeroo shaakalaatti, "dahannoo fi kuusaa meeshaa waraanaa lafa jalaa mancaasuf ni dhukaafama ykn dhoosama."

    Dizaayniin meeshaa waraanaa kanaa bifa ammayyaan karaa teknikaas karaa adeemsa isaas qophaaye.

    Meeshaan kun guddaan isaa the GBU-72 jedhamu xiyyaara F-15E jettii jedhamuun fe'ama. Kanneen karoora waraanaa baasan akka barbaadan itti hojjetan dandeessisa.

    B1-Bs immoo kan dalagu humna qilleensaa RAF Fairford Ingilaand jiruun alarraayi.

    US fi Israa'el buufataalee misaayelootaa fi diroonotaa Iraan barbadeessanii turan. Teehraan garuu ammas hidhannoon ishee yaaddoo isaaniiti.

    Kaleessa, Eegdonni Warraaqsaa misaayeloota Khorramshahr 4 fi Qaadr jedhamaniin Tel Aviv haleeluu miidiyaan mootummaa Iraan ibse. Hidhannoon kilaasstarii Iraaniin dhimma itti bahamuu suuraaleen miidiyaa hawaasarraa ni agarsiisu.

  15. Ajajaan milishaa Iraan Baasij Golamreza Solemani ajjeefaman eenyu?

    Ajajaa humnoota waraanaa Iraan Baasij kan ta’an Solemaani, waraanni Israa’el haleellaa qilleensaa irratti raawwatameen akka ajjeefame erga ibsitee booda Gareen warraaksaa Iraanis du'uu isaa Mirkaneessaniiru.

    Bara 1964 dhalate.Yeroo dargaggeessa turetti garee Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC)tti makame. Gareen kun humna waraanaa Iraan keessatti humna guddaa qabudha.

    Yeroo Waraana Iraan-Iraaq , ajajaa kutaa waraanaa ta'ee hojjete. Yeroo booda guddina sadarkaa argatee kutaalee IRGC adda addaa hoogganaa ture.

    Bara 2019 irraa eegalee itti gaafatamaa humnoota Baasij ta'e . Baasijni milishaa tola ooltummaa Iraani. Mootummaa Iraan kan deeggaru yoo ta'u, nageenya keessoo biyyatti eeguuf kan dirqama qabu waraana kana. Yeroo Iraanitti hiriri mormii uumame miidhaa cimaa hirirtota irraan gahuun humni kun ni himatama.

    Humni kun miseensota gara 450,000 tilmamamnu qaba.

    Solimaniin deeggaraa cimaa mootummaa Iraan ta'uun beekama ture. Sababa gahee inni qabuun biyyoonni akka Ameerikaa, Gamtaan Awurooppaa, UK fi Kaanaadaa qoqqobbii irra kaa’anii turan.

    Dhaabbanni IRGC Iraan Baasijii kana qindeessuuf gahee olaanaa taphachuu isaa ibseera.

    Iraan haleellaa raawwatameen Golamreza Solimani du'uu ishee mirkaneessiteetti.

  16. Taankeriin boba'aa Raashiyaa Meditiraaniyaanii keessatti dhohuuf deema- Xaaliyaanii

    Taankeriin boba'aa Raashiyaa qoqqobame gaazii fe'ee imalarra ture to'annoon ala tahaa jira jette Xaaliyaaniin.

    Taankericha irra namni homtuu hin jiru. Taankerii boba'aa fe'e kun Meditiraaniyaanii keessatti erga dhiifamee bubbuleera.

    Gam tokkoo taankerichaa irraan qaawwi akka mula'tu kan himte Xaaliyaaniin eegumsa naannoo irratti balaa guddaa fiduu mala jette.

    Qondaalli Xaaliyaanii tokko, biyyoonni Gamtaa Awurooppaa sagal tarkaanfii ariifachiisaan akka fudhatamuuf gara Komishinii Gamtaa Awurooppaatti xalayaa barreessuuf tahuu hime.

    Taankerichas ''boombii hamaa eegumsa naannoo'' irratti dhohuuf jedhu jechuun ibse.

    Taankeriin boba'aa fi gaazii Raashiyaa qoqqoobbiin irratti darbe fe'uun imalaa turte kun galaana Meeditiraaniyaanii qarqara bishaan Maaltaatti miidhamtee argamte.

    Shakkiin jiru haleellaa diroonii galaana irraan miidhamte kan jedhudha. Yuukireen taankericha haleelte jedhamus dhimma kana irratti yaada hin kennine.

  17. Israa'el akkamiin hogganaa nageenyaa Iraan Alii Larjaanii ajjeeste?

    Israa'el haleellaa qilleensaa raawwatteen hogganaa olaanaa nageenya Iraan Alii Laarjaanii ajjeesuu himte. Iraanis boodarra mirkaneessite.

    Aliin barreessaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa Iraanidha. Nama dhiibbaa olaanaa qabanidhas?

    Garuu, akkamiin ajjeefaman jedhame? Maaliif irratti xiyyeeffatame?

  18. Ameerikaan bakkeewwan misaa'elaa Iraan Ulaa Hormuuzitti dhiyoo jiru haleelte

    Waraanni Ameerikaa buufataaleen misaa'eloota Iraan dooniiwwan Ulaa Hormuuz irratti boba'aa fe'an haleeluuf oolan haleeluu beeksifte.

    Ajaji Giddugaleessaa Ameerikaa barreeffama fuula X isaarratti baaseen, waraanni US qarqara galaanaatti kan argaman "buufataaleen misaa'elaa ciccimoo Iraan irra boombii paaqwondii 5,000 ulfaatan lafa uranii seenan fayyadamuun haala milkaa'aa ta'een haleellaa raawwateera," jechuun beeksise.

    "Kiruuz misaa'eloonni farra doonii ta'an bakkeewwan kanneen jiran dooniiwwan idil-addunyaa Galoo Galaanaa keessa darbanirratti bala auumaniiru," jedheera waraanni Ameerikaa.

    Iraan ulaa galaanaa galaanaa boba'aan addunyaa dhibbentaa 20 keessa darbu cufuun gatiin boba'aa addunyaa akka dabalu taasiseera.

    Boombniiwwan gurguddoo kunneen kan Ameerikaan bara darbe Iraan keessatti wiirtuuwwan nukilaraa sadii ittiin haleelte fayyadamte waliin kan walfakkaatu ta'uu danda'a.

    Boombiiwwan kunneen qiyyaafannaawwan qilleensarratti ykn lafarratti argaman rukkutanii kan dhohan miti. Wantota lafa jala gadi fagaatanii awwaalamaniifi boolla cimaa ijaaraman uranii seenuun humna haleeluu danda'u qabu.

    Boombiin dheerina meetira ja'a qabu kun osoo hin dhohiin dura tilmaamaan meetira 61 lafa uree seenuu danda'a jedhamee amanama.

  19. Iraan nama Israa'eliif basaasa jetteen ajjeefte - Gabaasa

    Iraan nama Israa'eliif basaasa jetteen ajjeesuu miidiyaan mootummaa gabaase.

    Namni kun "dhaabbata basaasaa Israa'el Mosaadiif basaase" jedhamee suuraa fi odeeffannoo iddoowwan murteessoo Iraan keessaa jedhaman waliin qabame jedhame.

    Iraan nama Kuroosh Keyvaanii jedhame kana ajjeesuudha kan gabaafame. Namni kun kan to'atame waraana miilanaatiin shakkamee osoo hin waraana guyyoota 12 bara darbeetiin erga shakkamee ta'uu Fars News gabaase.

    Duumessa waraanaa Israa'el faana tureen, Iraan namoota hedduu Mosaad faana hariiroo qabu, oppireeshinii biyya keessaa mijeessu jechuun ajjeesaa turte.

    Ajjeechaan dhiyoo sababa wal fakkaataan 'basaasa Israa'eli' jedhamuun raawwatame Amajjii 28 ture jedhameera. Ajjeechaan sun Hamidreezaa Saabet Esmaailipoor jedhamurratti raawwatame.

    UN sarbamni mirga namoomaa hammaataan Iraan keessatti raawwatamaa turuu saaxile.

    Biyyi Rippaablika Islaamaa Iraan, mormii Amajjii darbe dhoyerratti sarbama raawwatte, kumaan kan lakkaawaman ajjeefte, dhaabbileee fayyaarrattis sarbama mirgaa raawwataa turte jechuun UN gabaase.

  20. Haleellaa Iraan Tel Aviiv irratti raawwatte suuraan

    Iraan haleellaa misaa'elaa Israa'el irratti halkan gaggeessiteen dhiirri umuriin isaa waggaa 70 ta'eefi dubartiin tokko ajjeefamaniiru.

    Suuraawwan haleellaa kana agarsiisanis bahaniiru.

    Rooyitars namoota ijaan argan eeruun akka gabaasetti har'a ganama magaalaa guddoo Libaanos Beerut keess abakka Baachuraa jedhamutti Isra'el haleelaa gaggeessuu hordofee dhohinsi gudaan dhaga'ameera.

Trending Now