KALLATTIIN, Doonaald Tiraamp waraanni Iraan xumuramuutti dhiyaatera jedhe

Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp, waraanni Iraan yeroo dhiyoo keessatti akka xumuramu miidiyaatti hime.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Mariiwwan nagaa lamaan iddoowwan lamarraa: Waan beekuu qabdan

    -

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Ibsa waa'ee suuraa, Jilli US marii Paakistaanif yeroo Islaamaabaad gahetti

    Waliigalteen dhukaasa dhaabuu torbaan lamaa US fi Iraan hojiirra oolaatuma jira. Israa'elii fi gareen Hizbolaa Libaanos keessaa daangaarratti walitti dhukaasumatti jiru.

    Naannichatti nagaa buusuf immoo adda lamaaniti mariin nagaa eegalame. Hanga yoonaa wanti beeknu kunooti:

    Marii US fi Iraan

    • Mariin Iraanii fi US Islaamaabaad qopheessitee fi sa'aatii 21 fixe Dilbata bu'aa waraana goolabuu dandeessisu malee bittinaaye.
    • Kibxata,Donaald Tiraamp mariin sun "guyyoota lamaan itti aanan keessatti itti fufuu danda'a" jedhe. Iraan waayee marii itti fufuu ilaalchisee ''odeessa homaatuu hin qabu'' jettee turte.
    • BBC'n US Iraan waliin mariin marsaa lammeessoo gaggeessuuf mari'achuutti akka jirtu odeeffannoo qaba. Garuun guyyaan hin muramneef. Iraan gama isheetiin Teehraanii fi Waashingtan jidduu karaa Paakistaan ergaa wal jijjiiruun "itti fufuu'' mirkaneessiteerti.
    • Waayit Haawus yeroo dhukaasa dhaabuu dheeressuuf Iraan faana mariin godhamaa jiraachuu addatti BBC'tti hime.
    • Kana jidduutti, Jilli Paakistaan magaalaa guddoo Iraan, Teehraan galeera.

    Marii Libaanosii fi Israa'el

    • Kibxata mariin nagaa Israa'elii fi Libaanos gidduutti Waashingtan DCtti taa'ame.
    • Gareen lamaanuu "fuulleetti"waliin mari'achuuf waliigalan. Ambaasaaddarri Libaanos mariin sun bu'a qabeessa jedhe.
    • Mariin osoo deemaa jiruu Israa'elii fi Hizboolaa wal haleelaa turan. Israa'el durumaa waliigalteen dhukaasa dhaabuu lola Libaanos hin ilaallatu jettee turte.
    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Marii Israa'elii fi Libaanos kan Waashingtan DC qophaaye
  2. Guyyaa Gootota Oromoo eenyutu yaadatama?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Guyyaan Gootota Oromoo waggaa waggaan Eebla 15 bakka garagaraatti sirnoota garagaraan yaadatamee oola.

    Guyyaan kana eenyutu yaadatama? Warra dhaaba biyya bulchu dabalataa?

  3. Jilli Paakistaan ergaa haaraa Waashingitan qabatee Tehran ga'e

    IRNA

    Madda suuraa, IRNA

    Ibsa waa'ee suuraa, Jilli Paakistaan Tehran gahe

    Hogganaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Paakistaan Fiildii Maarshaal Asim Munir jila siyaasaa fi nageenyaa sadarkaa olaanoo "ergaa Ameerikaa fi karoora marii marsaa lammaffaa dabarsuudhaaf" IraanTehran ga'aniiru.

    WayitaTehran ga'anis Ministira Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araqchiin kan simataman yoo ta'u, akka Dhaabbanni Oduu Rippabiliika Islaamaa (IRNA) Islaamaabaad irraa gabaasetti, jilli kun ergaa haaraa Waashingitan gara Tehranitti dabarsite qabatee imale.

    Haaluma kanan walga’ii qondaaltota Iraan waliin taasisuun dhimma marii dhufu irratti mari’achuufi guyyaa mariichaa irratti beellama qabatu jedhamee eegama.

    Gabaasni maddeen Paakistaan ​​keessa beekan wabeeffachuun ba'e kun guyyoota itti aanan keessatti mariin itti aanu Ameeikaa fi Iraan giduutti Islaamaabaaditti gaggeeffamuu akka danda’u eerera.

  4. Aangawaa US: Dhukaasa dhaabuu ilaalchisee Iraan faana 'mariin itti fufeera'

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dhukaasa dhaabuu ilaalchisee Iraan faana 'mariin itti fufeera'

    Aangawaa gameessi US BBC'tti akka dubbatetti dhukaasa dhaabuu torbaan lamaaf labsame dheeressuuf mariin Iraan waliin godhamu itti fufeera.

    Yeroon dhukaasa dhaabuu Iraanii fi US torbee dhufu, Ebla 22 xumurama.

    "US ifatti yeroo dhukaasa dhaabuu dheeressuuf waligalteerra hin geenye," jedhan aangawaan US,

    "Mariin US fi Iraan waliigalteerra akka gahan dandeessisu garuu itti fufeera," jedhan.

    Har'a, maddi Oduu AFP miidiyaa mootummaa Iraan wabeeffatee akka gabaasetti, gabaasni yeroo dhukaasa dhaabuu dheeressuu kun hin mirkanoofne.

    Gama kaaniin, dhimma waraana Iraan ilaalchisee Tiraamp dubbii wal dhahu dubbachaa jira.

    Yeroo dhukaasa dhaabuu torbee lamaa keessa jiran kanatti, ganamuma har'aa Fox News irratti dubbii dubbateen waraanni "xumuramuu jala gaheera" jedhe.

    Gaaffii fi deebiidhuma sanarratti, Tiraamp haleellaan dabalataa akka raawwatamuu danda'u dhaadata.

    "Otuman ammuma waraana irraa dhaabellee, biyya sana deebisanii ijaaruuf waggoota 20 itti fudhata. Ammoo ammallee hin xumurre," jedhe. "Waan ta'u inuma ilaalla. Akkan yaadutti marii akka malee barbaadu."

    Yaada isaa kanarraa ka'amee yoo ilaalamu yeroo dhukaasa dhaabuu dheeressuu ilaalchisee ejjennoon US maal ta'uu akka danda'u ifaa miti.

  5. Mariin Ameerikaa fi Iraan deebi’ee akka eegalu ibsamuu booda gatin boba'aa hir'ate

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Mariin nagaa Ameerikaa fi Iraan gidduutti taasifamu deebi’ee akka eegalu, akkasumas dhiyeessiin boba'aa baha giddu galeessaa bakkatti akka deebi'u agarsiiftuwwan jiran mul'achuu hordofee gatiin boba’aa hir'ataa jira.

    Boba'aan baha Giddugaleessaa ulaa Hormuz Iraan cufte turte irraa kan ka'e jeeqame ture arga Ameerikaan dooniwwaan akka buufata boba'aa Iraan hin seenne qofa akka taasiftu ibsitee Kibxata darbe irraa eegalee guyyaa lammaffaaf walitti aansuun gatiin gadi bu’eera.

    Boba'aan barmeelli tokko gara doolaara 94.63 yoo ta'u, guyyoota lamaan darbe keessa dhibbeentaa 4.6 gadi bu’eera.

    Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Kibxata kaleessaa akka jedhanitti, mariin dhuma torbee darbee erga kufee booda, mariin waraana kana xumuruuf Tehran waliin taasifamu torban kana deebi’ee eegaluu akka danda’u himaniiru.

    Iraanis ta'ee Ameerikaan dhimma marii itti aanu irratti yaada wal jijjiiruun karaa jaarsummaa Paakistaaniin raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.

  6. Iraan fi US jidduu yaada wal jijjiiruun itti fuftee jira - Ministeera dhimma alaa

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Dubbii himaa ministeera dhimma alaa Iraan

    Dubbii himaan ministeera dhimma alaa Iraan Ismaa'el Baaghee mariin Islaamaabaad Dilbata milkii malee goolabamuu boodas Teehraanii fi Waashingtan jidduu ergaa wal jijjiiruun "itti fufeera jira" jedhan.

    Ergaa wal jijjiiruun kun karaa jaarsummaa Paakistaaniin raawwatamaa jiraachuu ibsan.

    Baagheen akka jedhanitti, "Iraan ejjennoo ishee ifatti barreeffamaa fi karaa Paakistaaniin ibsachaa turte."

    Iraan har'a jila Paakistaan akka simachuu dandeesssu fi kunis itti fufiisa marii Islaamaabaad ta'uu ibsan. Marii har'a godhamuunis "ejjennoo Iraan fi US bal'inaan akka kaasan" dubbatan

    Qondaalli kun, himata Ameerikaan, Iraan niwukilarii hidhachuufi jedhu fudhatama dhorkan, Iraan sagantaa niukilaraa ''nagaadhaafi'' barbaaddi jechuun ejjennoo Iraan duraanii jabeessan.

    "Iraan yuraaniyemii gabbisuu itti fufuu qabdi" fedhii ishee kanarrattis hundaayee "mariin akaakuu fi sadarkaa gabbisa niwukilarii godhamuu danda'a" jedhan dubbii isaanii kaaniin.

    Mariin marsaa sadeessoo dhimma niwukilarii Iraan [kan yeroo dheeraaf falmisiisaa turee] Iraanii fi US jidduu waraanan dura guyyoota lama dursee, Guraandhala 26 taa'amee ture.

  7. Tiraamp Chaayinaan meeshaa waraanaa gara Iraanitti akka hin ergin walii galte jedhu

    Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp gita isaanii Chaayinaa Pirezidaantii Shii Jiinpiingif erga barreessaniin booda ''Iraanitti meeshaa waraanaa akka hin ergin'' walii galuu isaanii dubbatan.

    Tiraamp barreeffama toora miidiyaa hawaasaa ''Truth' irratti barreessaniin "Chaayinaan dhaabbataadhaan ulaan Hormuz akka banamu barbaaddi. Ulaa kana banuu kootti baay'ee gammaddeetti. Ani isaanif akkasumas addunyaafan hojjechaa jira'' jedhan.

    "Haalli akkanaa lammata hin mudatu. Meeshaa waraanaa gara Iraanitti akka hin ergine waliigalleerra," jechuun barreessa.

    “Nuti ogummaadhaan waliin hojjechaa jirra, tole!! Wal tumsuun wal loluu caalaa baay'ee gaarii ta’a beektaa. Sun waraana akka injifannu nu hin taasisuu? Garuu yaadadhaa, nuti lola irratti baay’ee ga’umsa qabna, yoo dirqama ta’e nama kamiyyuu caalaa nutu lola!!'' jedhu.

    Kibxata darbe Chaayinaan uggura humna galaanaa Ameerikaan buufata doonii Iraan irratti raawwatte qeeqxee turte. Beejiing tarkaanfii kana “ittigaafatamummaa kan hin qabne” jechuun waligaltee dhukaasaa dhaabuu kana laaffisuu danda’u akka ta'ullee akeekkachiifte.

    Ministirri Ittisaa Chaayinaa Admiral Dongi Jun, Beejiing waadaa daldalaa fi anniisaa Tehran waliin galte akka kabajju ibsuun,biyyi biraa akka hariiroo Chaayinaan Iraan waliin qabdu keessa akka hin seenan hin hayyamnu jedhanii ture

  8. Siriilaankaatti kan danqaman hojjettoonni galaanarraa Iraan 200 biyyatti deebi'an

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Haleellaan misaayelaa Ameerikaa irratti raawwatamuun ji'a tokkoo oliif Siriilaankaa turuuf kan dirqaman hojjettoonni galaanarraa Iraan biyya ofiitti deebi'an.

    Ministirri itti aanaan Ittisaa Siriilaankaa Aayiriis Deenaa doonii jedhamturraa hojjettootni 32 fi Ayriins Bushihiir kan jedhamturraa immoo hojjettoonni galaanarraa 206 biyya isaanii gadhiisanii bahuu beeksisan.

    Doonii waraanaa Iraan kan taate Ayriis Deenaa ji'a darbe humna galaana jalaa Ameerikaatiin erga haleelalamtee booda hojjettoonni galaanarraa 104 yoo ajjeefaman dooniin tun immoo handaara galaanaa Siriilaankaa irraa 40km irratti dhidhimtee jirti.

    Barii haleellaa kanaa immoo manca'uun motoraa kan ishee mudate dooniin Ayriins Bushihiir heyyama Siriilaankaatiin akka buufatarra turtu godhamte.

    Itti aanaan ministira Ittisaa Siriilaankaa Rooytarsitti akka himetti, hojjettoonni galaanarraa hunduu Kibxata gara Iraan deebi'anii jiru.

    Haleellaa torpiidoo (misaayela galaanarraa) Ameerikaatiin kan ajjeefaman hojjettoonni galaanarraa lammiileen Iraan 84 akkanuma reeffi isaanii gara Iraan deebi'eera.

    Haleelaan torpiidoo kun Ameerikaa fi Israa'el Iraanirratti waraana bananii guyyoota muraasa keessatti raawwatame. Haleellaan kun waraanni babal'achuuf sababa jabaa ture jedhame.

    -

    Madda suuraa, Supplied

    Ibsa waa'ee suuraa, hojjettoonni doonii Ayiriins Bushiheer biyyatti deebifaman
  9. Walgaarreffannaan Ameerikaa fi Chaayinaan ulaa Hormuz irratti cimaa jira?

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Dooniin Chaayinaa kaleessa uggura Ameerikaa cabsite har'a gara Hormuzitti deebitee jirti.

    Ragaan doonii akka agarsiisutti, dooniin boba’aa Chaayinaa uggura Ameerikaaf kaleessa Galoo Galaana keessaa erga baatee booda,haar'a gara buufata doonii Iraan deemuu irraa of qusatteetti

    Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa, “dooniin tokkollee uggurA Ameerikaa jalaa miliquu akka hin dandeenye'' akeekkachiisera.

    Dooniiwwan boba'aa ja’a ajaja waraana Ameerikaa kabajuun gara buufata doonii Iraanitti deebi’uu ibseera. Dooniiwwan kana keessa kan dhaabbata Chaayinaa akka argaman akeekera.

    Chaayinaan ammayyuu tarkaanfii Ameerikaan ulaa Hormuz cufuuf fudhatte cimsitee mormaa jirti.

    Ameeikaaan ''gocha itti gaafatamummaa hin qabne fi nageenya dooniiwwan achi keessa darbaniif balaa ta'uu fudhataa jirti'' jechuun ibsiteetti.

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp tarkaanfiin kun Iraan hawwii niwukilaraa akka dhiiftu dirqisiisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Xiinxaltoonni akka jedhanitti tarkaanfiin Ameerikaa kun Chaayinaan-kan boba’aa Iraan baay’inaan bittuu Tehran irratti dhiibbaa akka taasiftu gochuuf yaadamedha.

    Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Guho Jiyakun,biyyootni lamaan dafanii mariitti deebi'uun dhimmi kun akka gara idileetti deebi'u gaafatan. kanaan ala Chaayinaan biyyi biraa akka hariiroo Chaayinaan Iraan waliin qabdu keessa akka hin seenan hin hayyamnu jedhan.

    Ministirri Ittisaa Chaayinaa Admiral Dong Jun, Beejiing waadaa daldalaa fi anniisaa Tehran waliin galte akka kabajju ibsuun, dooniiwwan Chaayinaa naannoo sanatti socho’uu akka itti fufan ibsuun.

  10. 'Iraan harka kennachiisuuf carraaqqiin godhamuu kamuu hin oofkalu' - Pirezdantii Iraan

    -

    Madda suuraa, Iranian Presidency handout via Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Iraan "harka kennachiisuuf" carraaqqiin US ykn Israa'el godhan kamuu hin oofkalu, "uummanni Iraan deemsa kana tasumaa hin simatu" jedhan Pirezdaantiin Iraan Masuud Pezekshiyaan.

    Marii hatattamaa Teehraan keessatti aangawoota waliin taa'amerratti Roobii dubbataniin Pezekshiyaan, Teehraan waraana ykn jeequmsa hin feetu jedhan.

    Kanarra, jedhan pirezdantichi, "[Iraan] yeroo hunda marii ijaarsaa fi hariiroo gaarii biyyootaa garaagaraa faana qabdu irratti xiyyeeffatti".

    Dubbiin isaanii kun, miiidiyaa Iraaniirraa kan dhagahame, Tiraamp mariin US fi Iraan Paakistaan "guyyoota lama keessatti ni eegala", jechuu booda.

    Teehraan dhimma kanarratti hanga ammaa homaa hin jenne.

  11. MM Paakistaan Sawud Arabiyaa, Tarkii fi Kaataar daawwachuufi

    MM Paakistaan Shebaaz Sherif fi Itti aanaa Pirezidaantii US JD Vaansi

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Paakistaan Shebaaz Sherif fi Itti aanaa Pirezidaantii US JD Vaansi

    MM Paakistaan gara Sawud Arabiyaa, Tarkii fi Kaataaritti daawwannaa hojiif qajeelan.

    MM Paakistaan, Sheebaaz Shaariif daawwannaa guyyaa afurii kana yeroo irra deebiin mariin US-Iraan jalqabuuf jedhametti eegalan.

    Paakistaan jaarsummummaan Ameerikaa fi Iraan araarsuuf hojjechaa jirti. Tiraamp gaazexessaa New York Post'tti akka himetti ''guyyoota lamaaf sadan dhufan keessatti Islaamaabaad keessatti waa tahuuf deema'' jedhe.

    Min. Dhimma Alaa Paakistaan akka himanitti daawwannaan MM isaanii hariiroo biyyoota lameen gidduu irratti kan hundaa'edha jedhe.

    Pirezidaantii Tarkii Resib Erdohaan waliinis akka mari'atan himameera.

  12. Namichi fakkii Paabloo Piikaasoo doolaara miliyoona 1.2 baasu mo'ate amanuu dadhabe

    Fakkii Paabloo Piikaasoo kaase namichi Arii Hodera jedhamu mo'ate

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Fakkii Paabloo Piikaasoo kaase namichi Arii Hodera jedhamu mo'ate

    Sagantaa galii walitti qabuuf qophaa'e irratti wagga waggaan tikkeettiin gurguramaa ture.

    Kunis qorattoota dhibee Alzeemirsiif akka ooluuf yaadamee yoo tahu bara 2013 jalqabe.

    Injiinerri jaala aartii qabu Arii Hodaraa jedhamu tikkeettii loterii kana kutee garuu na gaha jedhee hin eegne.

    Fakkii Paabloo Piikaasoo badhaasichaaf dhiyaate doolaara miliyoona 1.2 tahu isaaf bahee viidiyoodhaan yeroo bilbilamuufii amanuu dadhabe.

    Na gowwoomsaa jirtu jedhees shakkee ture. Sagantaa caal-baasii Kiristii jedhamu irraa yeroo bilbilamuuf manguddoon ganna 58 kun ''akkamiinan dhugaa tahuu isaa baruu danda'a?'' jedhe.

    Fakkii bara 1941 hojjetame kana mo'achuu isaatti hedduu gammaduu ibse.

    Tikkeettii 120,000 tahu doolaara 118 gurguramaa ture. Waliigala gara doolaara miliyoona 11 walitti qabame.

    Badhaasni fakkii bara kanaa Paabloo Piikaasoo isa Tete de Femme [mataa dubartii] jedhamuun beekamudha. Jaalallee isaa kan turte artist Faransaay durii Dooraa Maar jedhamtuu kaasee ture.

  13. Tiraamp marii Iraanirraa waan guddaa barbaada - JD Vaansa

    JD Vaans

    Madda suuraa, Reuters

    US bakka bu'uun Paakistaanitti Iraan waliin kan mariyatan ittaanaa pireziaantii US kan ta'an JD Vaans Tiraamp Iraan waliin mariin cimaan gaggeeffamee waan guddaa akka irraa barbaadu ibsan.

    JD Vaans kana kan dubbatan turtii miidiyaa michuu BBC ta'e CBS News waliin taasisaniin yoo ta'u, Tiraamp Iraan akka salphaatti akka hin dhiifnefi waliigalteen godhamu kamuurraa waan guddaa US akka argattu barbaada jechuun ibsan.

    Bakka bu'oonni Iraan Paakistaanitti US waliin mariyatan jijjiirama hamma tokko agarsiisuu kan dubbatan JD Vaans, Tiraamp garuu walii galtee xixiqqoo osoo hin taane "waliigaltee guddaan" akka taasifamu barbaada" jedhan.

    Inumaayyuu "Waliigaltee Guddaa Tiraamp" akka barbaadus ibsuun, garuummoo Iraanifi US gidduu wal-amantaa dhabuun yeroo dheeraa waan tureef halkanuma tokkotti waliigalteerra gahama jedhamee akka hin eegnes dubbatan.

    USfi Iraan torban darbe Paakistaanitti guyyaa lamaaf erga mariyatanii booda waliigaltee malee gargar bahuun, waliigalteerra gahuu dhabuuf ammo sababni "si'i" jechuun quba walitti qabaa turan.

    Haa ta'u garuu, marichi irra deebiin yeroo dhiyootti akka gaggeeffamu Tiraamp ibseera.

  14. Tiraamp waraanni Iraan yeroo gabaabaa keessatti xumurama jedhe

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Doonaald Tiraamp waraanni Iraan yeroo gabaabaa keessatti akka xumuramu ibse.

    Turtii miidiyaa Fox News waliin taasiseen, waraanni Iraan waliin gaggeeffamu "yeroon itti xumuramu dhiyaatera" jechuun dubbate.

    Mariin marsa lammataa Iraan waliin gaggeeffamu guyyoota muraasa keessatti akka itti fufuu danda'u kan ibse Tiraamp, "Akka nayyo fakkaatutti [waraanichi] gara xumuramuutti dhiyaatera. Baay'ee gara xumuramuutti dhiyaatera" jedhe.

    Waliigaltee dhukaasa dhaabuu torban lamaaf waliigalaniin yeroo ammaa walitti dhukaasuun jiraachuu baatus, US Ulaa Hormuuz Iraanitti cufuu beeksisfte.

    Gama biraan ammoo mariin torbee darbe Paakistaanitti gaggeeffamee waliigaltee malee xumurame, irra deebiin itti fufuuf akka jiru Tiraamp ibseera.

  15. Ashamaa!

    Tamsaasa keenya kallattii kan har'aa eegaleerra.

    Donaald Tiraamp mariin Iraan waliin godhamu guyyooa muraasa keessatti akka itti fufu beeksise. Yeroo gabaabatti waraanichi akka dhumus ibse.

    Odeeffannoo waktaawaa isin biraan geenyu karaa Marsaritii, YouTube,Whatsapp, fi Facebook BBC Afaan Oromoo argachuu dandeessu.

    Dhiyaadhaa!

Trending Now