Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Maanchister Siitii 2-1 Arsenaal mo'achuun abdii waancaa Piriimer Liigii mo'achuu jabeeffate

Maanchister Siitiin har'a dirree isaa irratti Arsenaal keessummeessee 2-1 mo'ate.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Piriimer Liigiin ammas deebi'ee jalqaba- Arteettaa

    Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa akkas jedhe: "Dhumarratti qabxii argattee baatutu murteessa. Taphicha akka jalqaba barbaannetti taphannee ture. Waan hedduu waan gaarii hojjenne. Carraa baay'ee arganne galchiitti hin jijjiirre. Dhugaan jiru kanadha.

    Ammayyuu waancaa mo'achuuf amantaa qabduu?: "100%. Taphattootakootti amma fuullee keessatti of ilaaluu qabna.

    Gareen amma waliin taphanne gahumsa akkamii irra akka jiran,seenaa isaan qabanii fi maal akka milkeessanii darban itti himeen ture.

    Waan gaarii baay'ee tapha kanarraa fudhannu jira. Garaagarummaan keenya sarara dhumaa keessatti carraa galchii uumudha.

    Tooftaa taphaa jijjiiruu: "Taphni hunduu akkaataatti dhiyaachuu qabdu adda addaa qaba.

    Haala gareen keenya irra jiru madaaluu barbaachisa. Taphattoota ciccimoo dhabneerra. Hatattamaan akak nuuf deebi'an barbaanna. Sababni isaa kana caalaa jabaachuu fi mo'achuu qabna'' jedhe.

    ''Piriimer Liigiin ammas deebee jalqaba. Tapha haftee tokko qabu. Nuyi qabxii sadiidhaan isaan caalla. Tapha shantu nu hafe. Itti fufna'' jedhe.

  2. Odeegaard waa'ee waancaa mo'achuufi tapha har'aa irratti dubbate

    Maartiin Odeegaard SKY Sport waliin turtii taasiseen:

    "Mo'uu dhabuu keenyaaf gaddineerra. Dhugaa dubbachuuf mo'achuuf ykn qabxii argannee bahuuf kutannoo qabna ture. Yaalleerras. Tapha gaarii taphanne.

    Haala gaariin Maan Siitii jifanneerra. Keessumaa boqonnaan booda gareen keenya sodaachisaa ture. Cimee taphateera.

    Galchii fuulduratti carraa argatte hundaa qisaasessuu hin qabdu. Carraa baay'ee argannee ture. Garuu itti hin fayyadamne. Kanaaf harka qullaa deebine.

    Tapha akkasii garaagarummaa xiqqootu murteessa. Kun kubba miilaa sadarkaa guddaatti mudatudha. Saffisa guddaa qaba, ni ulfaatas. Garaagarummaa xiqqoodha. Haala kanaan Yaadessaadha.Tapha kanarraa waan gaarii baay'ees qabna. Amma tapha fuuldura keenya jiruuf qophaa'uudha. Tapha kanarraa barannee fuulduratti tarkaanfachuudha.

    Callisanii ittisuurra haala kanaan jifachuun akka sodaatamtu godha. Kubba qindeessuu irratti xinnoo hanqina qabna jedhe Odeegaard.

    Gahumsa qaamaa isaarratti: "Yeroo gabaabaa keessattan taphaaf waamame garuu miira gaariin qaba. Gara dhumaatti xiqqoo dadhabeera. Garuu haga dhumaatti gareekoo gargaaruuf jira jedheen abdadha,'' jedhe.

    Qabxii kana hordofee wacaa fiq eeqa alaa dhagahamu ilaalchisee; kun yeroo hundaa waan mudatudha. Kun hiree taphataa kubba miilaa tahuuti. Kana dhaabsisuu waan hin dandeenyeef tapha itti aanuuf of qopheessuudha. Xiyyeeffannoo guutuudhan jedhe.

    Ammayyuu waancaa mo'achuuf abdii qabduu gaaffii jedhuuf; ''Eeeyyee'' jechuun deebise.

  3. Haalaand morkii Gabari'eel waliin taasisee fi kaan irratti dubbate

    Erliing Haalaand waa'ee tapha har'aa irratti akkas jedhe. "Baay'ee gammadeera.Dhugaa dubbachuuf anaaf yeroo murteessaa ture. Mo'adheera.

    Morkiin Gabri'eel waliin taasifnu har'a qofa osoo hin taane yeroo hundadha. Lola baay'ee qaba. Ani isa wal'aansoo qabee mo'achuu fi mo'uu dhabuukoo kan murteessu hojii taphattoota kaaniiti.

    Har'a waanan galchii lakkoofsiseef mo'adheera jechuudha. Yeroo murteessaatti galchii murteesituun lakkoofsise'' jedhe.

    Bernaaldoo Silvaa gahumsa ajaa'ibaa agarsiise. Haalaand akaks jechuun ibse.

    Nan yaadadha, kubba fagoorraa dabarfame tokko yeroo mataadhaan dhahee baase. Ati har'a akkuma Kaanaavaarootti ittiste jedhee itti himeera. Miira keessa galuu hin barbaadu garuu Bernaaldoo Silvaa akkuma yeroo kaanii ati nama addaatin jedha'' jedhee deebise.

    Waancaa mo'achuu: Akkan yaadutti taphni hunduu akka waancaa xumuraaf taphatamuuti. Roobii dhuftu tapha biraa qabna.

    Amma boqannee Barnileef qophaa'uu qabna. Innis akkuma tapha har'aa fi Cheelsii wlaiin yeroo darbe taasifnee murteessaadha jedhe.

    Gabri'eel Magalesh kaardii diimaa argachuu qaba turee gaaffii jedhuuf; ''Anatu yoon akka malee rukutame malee hin kufuuf malee osoon lafatti kufee jiraadhee kaardii diimaa taha ture. Hin beeku garuu waan tahe taheera. Ani garuu hin kufne'' jedhe.

    Anaaf kaardiin akeekkachiisaa maaliif akak naaf kenname naaf hin galle. Isatu fuulakootti jedhee na rukute. Waan tahe taheera jechuun tapha dhufuuf akka qophaa'an hime.

  4. Maanchister Siitii 2-1 Arsenaal

    Maanchister taphas caalee Arsenaaliin mo’ate.

    Siitiin tapha haftee tokko qaba. Arsenaal qabxii sadii qofa caaluun logical dursaa jira.

    Haalaandii fi Cherkiin Siitiif yoo lakkoofsisan Haverti galchii tokko Arsenaaliif galche.

  5. Maanchister Siitii 2-1 Arsenaal

    Haalaand galchii lakkoofsisuun Maan Siitiin 2-1 dursuu jalqabe.

    Siitiin tapha tokko isa hafe qabxii sadiin Calamee Arsenaal morkata.

    Kun yoo taphicha mo’atee baheedha.

  6. Maanchister Siitii 1-1 Arsenaal

    Taphni murteessaan Maan Siitii fi Arsenaal haga boqonnaatti qixa 1-1 xumurame.

    Havertii fi Cherkii galchii lakkoofsisan.

  7. Maanchister Siitii 1-1 Arsenaal- 25’

    Rayan Cherkii Maan Siitiif Akkuma galchii lakkoofsiseen Haavert Arsenaaliin wal qixxeesse.

    Doonaarumaan balleessaa guddaa hojjechuun Arsenaal carraa goolii argate.

  8. Roodiriin tapha tokkoyyuu Arsenaaliin mo’amee hin beeku

    Roodiriin Taphoota haga ammaa hiriiree Arsenaaliin Morkataa keessaa tapha tokkoyyuu hin mo’amte.

    Maan Siitii ammuma carraa galchii gaarii uumeera.

  9. Liiverpuul Everteniin 2-1'n, Viilaan Sanderlaandiin 4-3'n, Forest ammoo Barnilee 4 fi 1'n mo'ataniiru

    Taphoota Piriimer Liigii amma xumurameen Liiverpuul Everteniin 2-1'n, Aston Viilaan Sanderlaandiin 4-3'n mo'ataniiru.

    Liiverpull daqiiqaa dhumaarratti goolii Vaan Daayik galcheen mo'atee ba'uu danda'e.

    Nootingihaam Forest ammoo Barnileetiin 4 fi 1'n mo'ateera.

    Forestiif goolii sadii Gibs-Waayit lakkoofsiseera.

  10. Viiktar Yookores taa'umsa jijjiirraa irra jira

    Arteettaan Yookores taa'umsa jijjiirraa irra kaa'e.

    Ittisa irraa Juuliyaan Tiimberii fi Kaalafiyooriin hin jiran. Ittisa gidduu Maagaleshfi Saaliibaa, ittis acinaa lamaanii ammoo Mooskuweeraa fi Hinkaappee taphata.

    Sarara gidduu Maartin Zuubimandii, Deklaan Raayisii fi Odeegaard taphata. Sarara duraa Eezzee, Haavertii fi Maduweekeen dursu.

    Maanchister Siitiin ittisa irra Kuusaanoov, Maark Geehii, O'Raayilee fi Maatiyaas Nuuz taphachiise. Sarara gidduu Roodirii fi Bernaaldo Silvaa yoo taphatan fuuldura irra Semenyoo, Cherkii, Dookuu fi Haaland dursu.

  11. Hattuu qacaruu hanga abidda bobeessuu- tooftaa shaakala Arteettaa

    Mikeel Arteettaan tooftaalee shaakalaa adda addaa kalaquun beekama. Kunis taphattoota isaa onnachiisuuf jechadha.

    Kana dura anpuulii ibsaa fudhatee deemuun akkamiin akka ibsaa dabarsu agarsiiun taphattoota isaa onnachiisaa ture.

    Akka gareetti yoo wal qabatan inni tokko isa kaaniif ifa ykn humna kennuu akka danda'u hubachiisuufi.

    Guyyaa biraa nama akka hattuutti giphii ykn kiisii taphattootaa seenuun waan qaban osoo isaan hin argiin hatu qacare.

    Kunis hagam dammaqanii naannoo isaanii akka to'atan hubachisuuf yoo tahu dirree keessattis eenyutu naannoo kee jira, eenyu kubba osoo ati hin beekiin si harkaa baasuu danda'a kan jedhu hubachiisuf fayyadme.

    Guyyaa biraa ammoo kubba tokko mataan baay'atanii waliin dhiibaa harka isaanii keessa kobbee kaa'uun shaakalaa turan. Kun ammoo al takkaatti hojii lama hojjechuu shaakalsiisuufi.

    Guyyaa biraa abidda qabsiisuun bakka shaakalaatti agarsisaa isaan dadammaqsa ture. Kun onnee itti horuuf, aannisaa sodaa malee akka taphatan gochuufi.

  12. Everteen 1-1 Liiverpuul

    Taphataan sarara duraa Everteen Beetoon galchii lakkoofsise. Garuu karra eegaa lammaffaa Liiverpuul bakka Alisan gale Mamarsgadavil miidhamee bahe.

    Karra eegaa Liiverpuul amma jijjiiree galche waggaa shaniif garee jalqabaa kanaaf hiriiree taphatee hin beku.

  13. Arteettaan qixa bahuuf osoo hin taane mo'achuuf deemna jedhe

    Taphni Maanchister Siitii waliin gaggeesinu kun isa baay'ee guddaa fi murteessaadha.

    Sadarkaa kana irra teenyee isaan morkachuun akkasumas waancaa mo'achuuf gahumsa agarsiifnetu ragaadha.

    Leenjisaa cimaa takkaa Piriimer Liigii keessatti argamee hin beekne, garee cimaa akkasii mo'achuuf qophiidha.

    Kun akka waancicha injifannuuf carraa guddaa nuuf kenna. Injifachuun nuuf kabaja guddaadha. Haga taphichi nuu gahutti ariifanneerra.

    Qixa bahuu barbaadduu gaaffii jedhuuf Arteettaan sekendii tokkoofiyyuu waan akkasii hin yaannu.

    Tapha hundayyuu mo'achuuf qophoofna. Gareen keenya tapha kana mo'achuufwaan barbaachisu hundaa qaba. Morkattoota baay'ee cimoo tahuu isaanii beekna. Garuu isaan mo'achuuf humna qabna jedhe.

    Ji'oota sagal guutuu gahumsa keenya agarsiisuun maal akka taane agarsiifneerra. Siitii waliin yeroo baay'ee taphanne waan taheef maal akka goonuu fi maal akka tahan beekna jedhe.

  14. Everteen 0-1 Liiverpuul

    Mohaammad saalaa galchii lakkoofsisuun Liiverpuul darbii Marsiisaayidii dursaa jira.

    Bara kana kilebicha kan gadhiisu Saalaan liiverpuul hirmaannaa shaampiyoonsi Liigii akak argatuuf galchii gargaartu lakkoofsise.

    Kun yoo mo'atanii bahanidha. Everteen galchii lakkoofsisee xiqqumaaf taphaan ala jedhamuun haqame.

  15. Everteen 0- 0 Liiverpuul- 22'

    Liiverpuul hirmannaa shaampiyoonsi Liigii cimsachuuf darbee Marsiisayidiin Everteen morkataa jira.

    Everteen daqiiqota jalqabaa 15 carraa galchii hedduu argatanii hin fayyadamne.

    Liiverpuul sarara duraa irra Mohaammad Saalaa, Aleeksaander Isaakii fi Gaakpoo hiriirsise.

    Sooboslaayi tapha 100ffaa isaa Liiverpuuliif gaggeessa. Garuu har'a sarara ittisa cinaa irra hiriire.

    Astoon Viilaan galchii 2-1'n Sanderlaandiin dursaa jira.

  16. Taphataa cimaa Piriimer Liigii eenyu kan tahu fakkaata?

    Arsenaal yoo waancaa Piriimer Liigii mo'ate akkasumas Shaampiyoonsi Liigii waancaaf gahe taphattoonni isaa akka Deklaan Raayis gaaffii tokko malee taphataa cimaa Piriimer Liigii baranaa tahuu malu.

    Yoo waancaa dhabe garuu filannoon gara biraa deemuu mala. Buruunoo Fernaandez erga barana dorgommiin jalqabee kubba mijeessee kennu 18 gaheera.

    Rikardii Teerii Henerii fi Keevin De Biruun cabsuf lama qofatu isa hafa.

    Maanchister Yuunaayitid shaampiyoonsi Liigiitti yoo deebi'ee xumure gaheen Buruunoo dorgomaa hin qabu.

    Barana taphoota 39 irratti galchii fi kubba mijeessee kennuun walumaa gala 32 galmeesseera.

  17. Har'a mo'mnaan harka laachuu keenya- Gaardiyoolaa

    Maanchister Siitiin har'a Itihaad irratti hiree isaa baranaa murteessa. Arsenaaliin yoo mo'ate garaagarummaan qabxii gidduu isaanii sadii qofa taha.

    Kun osoo Maan Siitiin tapha haftee tokko qabuuti. Arsenaal barana waggaa 22 booda waancaa Piriimer Liigii mo'achuuf liigicha dursaa jira.

    Har'a garuu dhamaatii isaa waggaa guutuutti guyyaa ija godhu ykn of harkaa gatu taha.

    ''Gaardiyoolaan yoo mo'amne Arteettaa harka fuunee baana. Sana booda Arsenaal taphoota hafan shanan akka mo'amu kadhachuu qofatu furmaata,'' jedhe.

  18. Michummaa gara wal morkachuutti; Hariiroo Gaardiyoolaa fi Arteettaa

    Barsiisaa fi barataa....amma sadarkaa olaanaatti morkattoota walii cimoo....

    Ijoollummaatii jalqabanii michuu walii turan. Hiriyyummaan isaanii waggoota dheeraaf guddataa deeme.

    Barootaan booda garuu tasa yeroo waliin hojjechuu irraa gara wal morkachuutti cehan hariiroon isaanii qabbanaa'aa deeme.

    Inumaayyuu waggaa darbe wal dubbisaa hin turre. Ispeenii hanga Ingilizii, Baarseloonaa hanga Maanchister Siitii....Peep Gaardiyoolaa fi Mikeel Arteettaa.

    Hariiroon lamaan isaanii bara 1997 jalqabe. Yeroo sana Peep Gaardiyoolaan taphataa sarara gidduu Baarselonaa jabaa ture.

    Arteettaan ammo ijoollummaa isaarraa kaasee nama dinqisiifataa guddatedha. Bara 1997 yeroo Arteettaan akkaadaamii Baarseloonaatti makamu Gaardiyoolaa waliin wal arge.

Trending Now