'Waan isaan jedhan baruufan biyyoota biroo gargaarsa gaafadhe' - Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp Ulaa Hormuuz irratti biyyoota kaan gargaarsa kan gaafate ''waan isaan jedhan baruuf malee gargaarsa isaanii barbaadnee miti,'' jedhe.
Ittaansuun yaada kanaan dura jedhe irra deebi'uun US biyyoota kaan tiksiti garuu biyyooti kaan '' yeroo nuti isaan barbaannu, nuu hin qaqqaban,'' jedhe.
Yeroo waa'ee Mojtaabaa Kaameenee dubbatu ammoo haleellaa irra gaheen fuullisaa akka hin taane tahuufi miilasaa tokko dhabuu gorsitootaafi miidiyaa irraa akka dhagahe hime.
''Du'uufi lubbuun jiraachuusaa garuu hin beekne, namni isa arge hin jiru, Kun waan hin baratamne dha,'' jedhe Tiraamp.
Kana malees UK'n ilaalcha waraana kanarratti qabduun ''akkaan dinqameera,'' jedhe.
''Torban lama dura 'maalif dooniiwwan muraasa hin ergitan' jennaan Istaamar kana gochuu hin feene,'' jedhe Tiraamp.
''Xiyyaar-waraana lama gaafannullee, isaan garuu kana gochuu hin barbaanne,''
Ministirra Mummee UK kan xiyyaar waraanaa kennuuf kan dhiyesse ''erga waraanni dhaabbateeti,'' jedhe.
''Waan UK'n gootutti gammadaa miti,'' jechuun ''hirmaachuun isaan hin oolu, garuu onneedhumaan keessa seenuu qabu,'' jedhe.


















