KALLATTIIN, Iraan karoora nagaa US dhiheessite didde, haal-duree ofii ifa goote

Miidiyaan biyyaalessaa Iraan, Press TV, jedhamu ''qondaala siyaasa-nageenya olaanaa'' waabeffachuun akka gabaasetti Iraan wixinee marii marii nagaa Ameerikaan dhiheessite hin fudhanne.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Moo Saalaah osoo kontiraanni isaa hin xumuramiin maaliif nagaa dhaammate?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Mohaammad Saalaah turtii waggaa sagalii booda Liiverpuuliin yoo gadhiisu milkaahina hangamii argate?Osoo kontiraatnisaa hin xumuramii nagaa dhaammachuusaa duuba sababni jiru maali?Ofii eessaa ka'ee simboo Piriimiyeer Liigii Ingiliz ta'uu danda'e?

  2. Iraan Ulaa Hormuuz irratti abbummaan naaf mala jette

    Doonii galanaarraa

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Doonii galanaarraa

    Iraan Ulaa Hormuuz irratti addatti abbummaan naaf mala jette. Iraan karoora nagaa Washingtan dhiyeessiteef diddeerti. Ulaa Hormuuz irratti immoo birmadummaa gaafatte.

    "Abbummaan ulaa Hormuuz irratti qabu mirga uumamaa fi seeraa kiyyadha" jetti.

    Kana kan dubbatan "aangawaa olaanaa siyaasaa fi nageenyaa" Iraan maqaan isaanii hin ibsamin yoo ta'an, ergaan isaanii kunis Press TV irratti dha.

    Biyyi tokkollee garuu Ulaa Hormuuz seeran addatti hin dhuunfatu.

    Akka seera idil-addunyaatti, ulaan kun karaa bishaanii hundi qooddatu dha. Iraanii fi Omaan garuu qaamolee bishaan isaanitti dhiyoo kanneen hanga maayiloota 12 daangaa isaaniirraa kan keenya jedhu.

    Akkaataa Konvenshinii Seera Galaanaa UN irratti tumameetti (UNCLOS), dooniiwwan ulaa bishaanii kam keessallee darbuuf mirga qabu. Biyyoota handaara bishaanichaa kamiinuu hin dhorkaman.

    Ulaa handaara biyyoota lamaanii jiru (Hormuzirraan) dooniiwwan cehan irra caalaa bishaan handaara daangaa Omaan fayyadamu. Gadi fageenyi iddoo kanaa waan mijatuuf filatame.

    Garuu, toorri Hormuuz gamni lachuu dhiphaadha.

  3. Iraan wixinee marii nagaa Ameerikaaf deebii kennite

    Magaalaa Tehiraan

    Madda suuraa, Anadolu via Getty Images

    Miidiyaan biyyaalessaa Iraan, Press TV, jedhamu ''qondaala siyaasa-nageenya olaanaa'' waabeffachuun akka gabaasetti Iraan wixinee marii marii nagaa Ameerikaan dhiheessite hin fudhanne.

    Pirees Tiiviin maqaa qondaala kanaa hin dhoofne, gaheefi itti gaafatama isaaniis hin ibsine.

    Garuu, qondaalli kuni ''Iraan yeroo murteessitu waraana kana dhaabdi, yeroo kaayyoon ishee galmaan gahe,'' jedhuutu gabaafame.

    Qondaalonni Iraan waliigaltee dhukaasa dhaabuu osoo hin taanee waraana akka dhaabuu barbaadan irra deddeebiin dubbataa turan.

    Akka Press TV'tti, qondaalichi haalduree shan lafa kaa'an:

    • ''Weeraraafi ajjeechaa'' diinaa guutummaan akka dhaabatu
    • Waraanni irra deebiin Iraan akka hin qunnamne tooftaalee lafa kaa'uu
    • Beenyaa waraanaa kaffaluu
    • Dirree waraanaa hundarratti waraana dhaabuu
    • Iraan Ulaa Hormuuz irratti birmadummaa akka qabdu beekamtii idil-addunyaa kennuu
  4. Maree kana tole jechuuf ulaagaan Iraan barbaaddu maali?

    Maxxansa YouTube irra dabri
    Qabiyyee Google YouTube hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu. YouTube beeksisa qabaachuu danda'a.

    Xumura maxxansa YouTube

    Erga waraanni Giddugala Bahaatti eegalee Ameerikaafi Iraan mari’achuu Pirezidant Tiraamp dubbatan.

    Haa ta'u malee, ammatti gama Iraanii mariin taasifamuu wanti ifatti mirkanaa'e hin jiru.

  5. Waraana Baha Jiddu-galeessaan nama meeqatu ajjeefame?

    -

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Baay'ina namoota dhumanii mirkaneeffachuuf rakkisaa ta'us namoonni waraana Baha Jiddu-galeessaa keessatti ajjeefaman 4,500 caalan.

    Ragaaleen tokkoo tokkoon biyyootaa kunooti:

    Iraan hunda caalaa itti miidhamte. Ameerikaatti kan argamu gareen mirga namoomaaf falmu HRANA jedhamu Iraan keessatti tilmaaman namni waraanaan dhume 3,291 yoo ta'u kanneen keessaa 1,455 namota nagaati jedha.

    Libaanos,keessatti haleellaa Israa'el Hizboolaarratti banteen namoonni 1, 072 dhumuu ministeerri fayyaa Libaanos ibseera.

    Iraaq keessatti namoonni 81 dhumuu aangawoonni Iraaq himan. Irra caalaan isaanii milishoota Hashed al-Shaabi (Popular Mobilisation Forces, PMF) kanneen mootummaa waliin hidhata qabani.

    Israa'el namoonni 18 jalaa dhumuu ibsite, irra caalaan isaa haleellaa misaayelaatiini. Waraanni Israa'el loltoonni isaa lama kibba Libaanos keessatti ajjeefamuu hime.

    US loltoota 13tu jalaa ajjeefame. Kanneen keessaa jaha kan ta'an xiyyaara boba'aa xiyyaarota lolaaf guutan kufee tureen kan dhumani.

    Kaataar keessatti namoonni torba ajjeefamaniiru. Akka ministeerri ittisaa Kaataar jedhutti namoonni kunneen kan dhuman rakkoo teeknikaa helikoptarii tokko mudateeni. Taateen kunis addatti hubatama.

    Yunaayitid Arab Emireetsi duuti sagal galmaawuu beeksifte. Sadi miseensota waraanaa, jaha immoo lammiilee nagaati.

    Kuweet namni jaha du'uu gabaafte. Kanneen keessaa lama hojjettoota ministeera dhimma biyya keessaatti. Lama immoo miseensota waraanaati.

    Haleellaa Siiriyaa keessatt raawwatameen namoonni afur ajjeefaman, Weest Baankitti namoonni afur, Baahireen keessatti namoonni lama, Omaan keessatti namoonni lama, Saawud Arabiyaa keesattis namoonni lama dhuman.

  6. Iraaq haleellaawwan booda komii ishee UN'tti dhiyeessufi

    Iraaq haleellawwna gurmuuwwan waraanaa isheerratti raawwatame booda komiishee Mana Maree Nageenyaa UN'tti dhiyeeffachuuf akka jirtu dubbii himaan waajjira ministira muummee biyyattii hime.

    Dubbii himana kun akka jedhetti ministeerri dhimma alaa Imbasii US'tti Itti aanaa ambaasaaddaraa (chargé d’affaires) waamee dubbisuufi.

    Buufata waraanaa Lixa Iraaq jiruutti Roobii loltoonni torbaa yoo ajjeefaman 13 immoo madaawuu ministirri ittisaa Iraaq hime.

    Haleellaawwan kunneen waraana Baha Jiddu-galeessaatti eegalame booda raawwatamuu eegale, Kibxata loltootni 15 jalaa ajjeefamuu Iraaq himte.

    Gareen milishoota Iraaq (Popular Mobilisation Forces, PMF) Shihaadhaan loltoonni dhuunfataman haleellaa US raawwatteen ajjeefamuu hima. US yaada hin kennine.

  7. Pentaagon oomisha meeshaalee waraanaa 'sadarkaa yeroo waraanaatti' ol guddisuu hime

    -

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, Piit Hegseet

    Pentaagon oomisha hidhannoo waraanaa fi ittisa haleellaa qilleensaa olkaasuu himeera.

    "Oomisha misaayeloota haleellaa qiyyaafannoo ijoo," akkasumas meeshaa waraanaa ittisa haleellaa qilleensaa Terminal High Altitude Area Defense (Thaad) ni saffisiisna", jedha Pentaagon ibsa marsariitii isaarratti maxxanseen.

    Ministirri Ittisaa US Piit Hegseet, "oomisha meeshaalee waraanaa kan sadarkaa yeroo waraanaatti guddisna" jedhan.

    Oomishaalee sirna imala galaanarraa fi hidhannoo elektiroonikii waraanaas akka oomishu hime.

  8. Israa'el wiirtuu qorannoo Iraan Isfahaan keessatti argamu haleeluu himte.

    -

    Madda suuraa, BBC Verify

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Israa'el wiirtuu qorannoo Iraan Isfahaan keessatti argamu haleeluu himte. BBC Verify sa'aatii muraasa dura gamoowwan dhedheeroo fi suuqiiwwan garaagaraa magaalaa Isfahaan wiirtuu qorannoo kana cinaatti argaman haleelamuu mirkaneessuun suuraawwan maxxansee ture.

    Haleellaa naannichatti kaleessa raawwatameen rukutamuu akka akka hin oolles BBC Verify gabaase

    Amma Humni Ittisaa Israa'el ibsa baaseen kaleessa haleellaa hamaan wiirtuu qorannoo bishaan jalatti hudaaye kanarratti raawwachuu beeksise

    Waraanni Israa'el akka jedhetti wiiirtuun qorannoo kun tokkicha biyyattiin qabduu fi meeshaalee humna galaanaa oomishuu fi humna galaanaa Iraan tumsuuf kan hundaaye dha.

    Iraan kanarratti yaada hin kenine.

  9. Paakistaan yookaan Turki bakka mariin itti gaggeeffamu ta'a- Iraan

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Aanga'aan Iraan tokko Paakistaan wixinee marii US qopheessite Iraan biraan geesseetti jedhe.

    Maddeen Iraan qabiyyeen wixinee marii US kun maal akka of keessaa qabu gabaasa bal'aa hin kennine.

    Wixinichi karooraa abbaa qabxii 15 amma dura miidiyaaleen kaan ifa godhan ta'uufi dhiisuunis adda hin baane.

    Maddeen Iraan Turkis waraanichi akka goolabamu ni gargaarteetti, Turk yookaan Paakistaan bakka mariin kun itti gaggeeffamu ta'uu danda'u'' jedhan.

    The comments, by an official speaking on condition of anonymity, were among the few signs that Tehran was willing to consider diplomatic proposals, despite having denied in public that it would negotiate ‌with the administration of President Donald Trump.

    Qondaalli Iraan eenyummaasaa dhoksuun dubbate tokko Tehraan fala karaa dippiloomasii dhufuuf fedha qabaachuu akeekeera. Iraan uummata biyyattiin garuu bulchiinsa Doonaald Tiraamp waliin akka hin mariyanne ifa godhaa jirti.

  10. 'Iraan 'sochii loltoota' US itti dhiyeenyaan hordofaa jirti' - Af-yaa'ii Paarlaamaa Iraan

    -

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Af-yaa'iin paarlamaa Iraan, Mohammad-Bagher Ghalibaf

    "Iraan sochii loltoota US, keessumaa bobbii loltootmi kunneen Baha Jiddu-galeessaatti godhan 'itti dhiyeenyaan hordofaa' jirti jedhan" af-yaa'iin paarlamaa Iraan Mohammad-Bagher Ghalibaf.

    "Mirga dachii abbaa keenyaa tiksuu keenya hin qorinaa," jedhan qondaalli kun yaada miidiyaa hawaasaa irratti kennaniin.

    Pentaagon loltoota kumaatamaan lakkaa'aman dabalataa garee humna qilleensaa 82ffaa jedhaman dabalatee gara Baha Giddugaleessaatti bobbaasuuf karoorfachuusaa michuu CBS News gabaaseera.

    Odeeffannoowwan hin mirkanaayin akka agarsiisanitti Tiraamp Ghaalibaaf michuu gaarii gara fuulduraa, tarii hoggana Iraan itti aanu ta'uu danda'a jedhee hedata jedhama.

  11. Karoorri US abbaa qabxii 15 'waraqaa irratti bareeda' Iraan garuu hin fudhattu - Ministira Diinagdee Israa'el

    Ministara Israa'el Niir Baarkaat

    Ministirri Israa'el Niir Baarkaat Iraan karoorri abbaa qabxii 15 ''waraqaa irratti bareedaa dha'' Iraan garuu hin fudhattu, hojiirra ooluusaafis wabii barbaada jedhe

    Mootummaan Iraan ''waan jijjiiramu miti,'' jechuun kaayyoon Israa'el Iraan irratti qabdus humna ''niiwkilaaraa, misaayelaa fi humnoota hidhatan deeggartu akka dhaabdu gochuu dha,'' jedhe.

    ''Yoo Iraan bor karoora kanatti waliigaltee mallatteessiteefi hojiirra oolchuuf waadaa seentellee mootummaan Iraan kana caala haleelamuu qaba. Kanarratti Pireezidant Tiraampiifi Netaaniyaahuun waan walii galan natti fakkaata. Karaa tokkos tahe kara biraa dhimma kana fiixaan baasuun keenya hin hafu,'' jedhe.

    ''Gama tokkoon Tiraamp mariif karaa banaa jira, gama biraan ammoo loltoota gara naannichaa bobbaasaa jira. Kana jechuun uummati Iraan dubbiin jabduu tahuu baruu qaba,'' jedhe.

    ''Marsaa kanaan waliigalteen jiraates jiraachuudhaa baates kaayyoo keenya fiixaan baasna,'' jedhe.

    Qabxii abbaa 15 irratti Ameerikaafi Israa'el waliigalaniiru gaaffii jedhuuf, ''isa akkuma jirutti haa dhiisnu,'' jedhe.

  12. Qondaalli Iraan Ameerikaafi Iraan gidduu 'mariin adeemaa jiru hin jiru' jedhan

    Doonii Galaanarra deemaa jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Paakistaanitti ambaasaaddarri Iraan Reezaa Amiirii Moghaadaam Ameerikaafi Iraan gidduu ''mariin kallattis tahe al kallattiin adeemaa jiru hin jiru,'' jechuu miidiyaan biyyaalessaa Iraan IRNA gabaaseera.

    Kanaan dura Pireezidantiin Ameerikaa Donaald Tiraamp bulchiinsi isaa ''namoota warra sirriitti dubbataa jirra'' jedhee ture. ''Waliigaltee akka malee barbaadaa jiru,'' jedhe Tiraamp.

    Dubbi-himaan waraana Iraan garuu ''Ameerikaan ofiimashee waliin marii geggeessaa jirti,'' jedhe.

    Ministarri Mummee Paakistaan Sheehbaaz Shaariif waan miidiyaa hawaasaa irratti maxxanseen lolli kuni akka dhaabtuuf marii biyyoota lameenii keessummeessuuf qophiidha jedhee ture.

    Reezaan ''biyyooti michoota US fi iraan tahan Teehraaniifi Waashingitan akka marii geggeessaniifi bu'aansaas waraanni kuni akka goolabamuuf dhiibbaa godhu jennee amanna,'' jechuu miidiyaa biyyattii himeera.

  13. 'Ameerikaan waan ofii waliin mariyataa jirtu fakkaata' - Iraan

    Doonaald Tiraamp Iraan wajjin mariyataa jirra jechuun haleellaa buufataalee anniisaa irratti gaggeeffamuuf ture guyyaa shaniin dheeresse jechuusaa hordofee Iraan deebii laatte.

    Dubbii himaa ajaja waraana Iraan kan ta’an Ibraahiim Zolfaaghaarii “qaamni ani humna guddaa addunyaati ofiin jedhu ofiisaa waliin mariyataa jira fakkaata” jedhan.

    Qondaalli Iraan kun maqaa dhahanii US jechuu baatanillee, dubbiinsaanii isa Tiraamp “Iraan waliin mariyataa jirra” jedhuuf deebii kennuu fakkaata.

    Dabaluunis, “mo’amuu kee marii gaggeessaa jirra jettee hin himatin” jechuun ergaa karaa viidiyoo dabarsaniin dubbatan Ibraahiim Zolfaaghaar.

    US kana booda Baha Giddu Galeessaa keessatti investimentiin ishen qabdu akka itti hin fufneefi gatiin boba’aas akka kana duraa gadi bu’ee akka itti hin fufne akeekkachiisan.

    “Namni akka keenyaa [Iraan] qaama akka kee [US] waliin tasumaa waliin taa’ee walii hin galu. Ammas ta’ee, gara fuulduraatti,” jechuun dubbiin marii Tiraamp jedhu dhara ta’uu ibsan qondaalli Iraan kun.

  14. Meetaan ijoollee qabiyyee saal-qunnamtiif saaxiluun doolaara miiliyooan 375 adabame

    Maark Zuukarbarg

    Madda suuraa, Getty Images

    Manni-murtii bulchiinsa Niiw Meeksikoo jiru Meetaan ijoollee miidiyaa hawaasaa fayyadaman dhimma nageenyaa irratti dogoggorseera jechuun doolaara miiliyoona 375 akka kaffalu ajaje.

    Namoonni hawaasarraa walitti babba'anii dhaddachatti argaman abbaan qabeenyaa Feesbuukii, Instaagiraamii fi WhatsApp Meetaa ijoollee qabiyyee saal-quunnamtii saaxileera jechuun irratti muran.

    Abbaan Alangaa Waliigalaa Niiw Meeksikoo Raawul Tooreez murtoon kuni ''seen-qabeessa'' dhaabbatichi himatamee milkaa'uun kan jalqabaati jedhan.

    Dubbiihimtuun Meetaa hogganaa dhaabbatichaa Maark Zuukarbarg murtoo kennameen akka walii hin galle himuun akka iyyatan himan.

  15. Karoorri nagaa abbaa qabxii 15 Tiraamp maal qabateera?

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Karoora nagaa abbaa qabxii 15 Tiraamp Iraanitti erge jedhe hamma yoonaa hin beekamne. Waa'ee qabiyyee karoora kanaa waan ifatti himame hin jiru. Miidiyaaleen Isaraa'eliifi Ameerikaa garuu odeeffannoo dabalataa kennaa jiru.

    Miidiyaan Israa'el Chaanaal 12 jedhamu karoorichi kanneen armaan gadii qabateera jedha:

    • Bu'uuraaleen niwkilaaraa Iraan Naataanz, Isfaahaaniifi Foordoo hojii ala tahuu fi barbadaa'uu
    • Sochiin niwkilaaraa Iraan qaama idil addunyaa Ejansii Aannisaa Atoomikii (IAEA) akka hordofamu
    • Iraan hidhattoota biyyoota biroo keessa jiran deeggaruu dhaabuufi isaan hidhachiisuu dhaabuu
    • Humna niwkilaaraa amma jiru mancaasuu
    • Meeshaa niwkilaaraa cirumaa akka hin qabaanneef waadaa seenuu
    • Gabbisni niwkilaaraa dachee Iraan irratti akka hin raawwanneefi kan kanaan duraa akka Ejansii Aannisaa Atoomikii Addunyaaf akka kennamu
    • Ulaan Hormuuz banamee akka turuufi kunis biyyooti biroo bilisaan akka irra yaa'an gochuu
    • Misaayelli Iraan dhimma gara fuulduraa irratti murtaa'u yoo tahu baay'inaafi fageenya furguggifamuun daangessuun ittisaaf qofa akka fayyadamtu gochuu.

    Iraan karoora kanaan maal argatti?

    • Piroojektii nagaa niwkilaaraa humna elektiriikii oomishu akka qabaattuu Ameerikaan ni deeggarti
    • Qoqqobbii hunda irraa kaasuu
    • Yaaddoo qoqqobbii biraa irraa bilisa tahuu

    Yeroo mariin adeeemaa jirutti waliigalteen dhukaasa dhaabuu ji'a tokkoo ni adeemsifama- haatahu malee kunis dhimma mirkana qabu miti

  16. Iraan qabeenya lammileeshee diina tumsaniiru jette dhaaluu jalqabde

    Iraanota hogganaa waliigalaa haaraa Iraaniif deeggarsa agarsiisaa jiran

    Madda suuraa, Getty Images

    Mootummaan Iraan qabeenya namoota “diina” waliin hariiroo qabu jetteefi mormitoota Rippablika Islaamaati jette dhaaluu jalqabuushee sabaa-himaaleen biyyattii gabaasaa jiru.

    Motummaan qabeenya lammilee Iraan biyya alaa jiraatan fi maatiisaanii biyyoota diinotaati jedhe waliin ta’uun miidhaan akka qaqqabu taasisaniifi odeeffannoo dabarsanii kennan jedheratti abbaa alangaatiin murtii dabarseera.

    Gabaasaaleen kunneen qabeenyi namoota lamaa kanneen maqaan isaanii ifatti hin ibsamiin murtii abbaa alangaa kanaan dhaalamuu eeraniiru. Himanni isaanirratti dhiyaates erga biyya keessaa bahanii booda biyya alaa taa’anii “duuna wakiin tumsa gochuun gochawwan farra Iraa nta’e raawwachuu” jedhudha.

    Sabaa-himaaleen mootummaa Iraan fi Eegduu Warraaqsaatti dhiyoo ta’an maqaafi suura namoota qabeenyi isaanii dhaalame gabaasaa kan jiran yoo ta’u, tarkaanfii fudhatame kanas dinqisiifataniiru.

  17. Qabxiilee ijoo Tiraamp waa'ee waraana Iraan dubbatan

    Pirezidant Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Pirezidant Tiraamp waa'ee waraanaa waan adeemaa jiruurratti waan haaraa dubbataniiru. Isaan keessaa:

    • Bulchiinsi isaanii Iraan keessa ''namoota dhimmichi ilaallatu'' waliin dubbataa akka jiran dubbatan.
    • Angawoonni Iraan ''waliigaltee raawwachuuf baay'ee barbaadu'' jedhan.
    • Dabaluunis, Pirezidantiin I/Aanaa JD Vaans fi Ministirri Dhimma Alaa Maarkoo Ruubiyoo marii keessa qooda fudhataniiru jedhan.
    • Aangawoonni Iraan meeshaa niwukilaraa qabaachuu akka hin barbaanne waliigalaniiru jedhaniis dubbatan. Yaada kana waraana durallee dubbatanii turan.
    • Waraanni US fi Israa'el Iraan irratti gaggeessan ''jijjiirama sirnaa'' fideera jechuunis himan.
    • Aangawoota Iraan mariirra jiran Yunaayitid Isteetif ''kennaa guddaa'' kennan jedhan. Kunis, boba'aa, gaaziifi Ulaa Hormuziin akka wal qabatu dubbatan. Dhimma kanarratti waan dabalataa hin dubbanne.
    • Mariin nagaa kuni ni milkaa'aayii jedhamanii kan gaafataman Tiraamp, ''waraana kana injifanneerra'' jedhan.
    • Ibsa waa'ee waraanaa kennan irratti dhimmi waraana bobbaasuu hin kaane.
  18. ASHAMAA!

    Toora tamsaasa kallattii ittiin odeeffannoo amma ta'e isin ibraan geenyu haaraa banneerra.

    Pirezidant Tiraamp waa'ee waraanaa waan adeemaa jiruurratti waan haaraa dubbataniiru. Isaan keessaa:

    Tiraamp waraana dhaabuuf 'Iraan irraa namoonni waliin dubbachaa jirru akka malee' waliigaltee barbaaddu jedhe

    Nu hordofaa.

    GALATOOMAA!

Trending Now