Baay'ina namoota dhumanii mirkaneeffachuuf rakkisaa ta'us namoonni waraana Baha Jiddu-galeessaa keessatti ajjeefaman 4,500 caalan.
Ragaaleen tokkoo tokkoon biyyootaa kunooti:
Iraan hunda caalaa itti miidhamte. Ameerikaatti kan argamu gareen mirga namoomaaf falmu HRANA jedhamu Iraan keessatti tilmaaman namni waraanaan dhume 3,291 yoo ta'u kanneen keessaa 1,455 namota nagaati jedha.
Libaanos,keessatti haleellaa Israa'el Hizboolaarratti banteen namoonni 1, 072 dhumuu ministeerri fayyaa Libaanos ibseera.
Iraaq keessatti namoonni 81 dhumuu aangawoonni Iraaq himan. Irra caalaan isaanii milishoota Hashed al-Shaabi (Popular Mobilisation Forces, PMF) kanneen mootummaa waliin hidhata qabani.
Israa'el namoonni 18 jalaa dhumuu ibsite, irra caalaan isaa haleellaa misaayelaatiini. Waraanni Israa'el loltoonni isaa lama kibba Libaanos keessatti ajjeefamuu hime.
US loltoota 13tu jalaa ajjeefame. Kanneen keessaa jaha kan ta'an xiyyaara boba'aa xiyyaarota lolaaf guutan kufee tureen kan dhumani.
Kaataar keessatti namoonni torba ajjeefamaniiru. Akka ministeerri ittisaa Kaataar jedhutti namoonni kunneen kan dhuman rakkoo teeknikaa helikoptarii tokko mudateeni. Taateen kunis addatti hubatama.
Yunaayitid Arab Emireetsi duuti sagal galmaawuu beeksifte. Sadi miseensota waraanaa, jaha immoo lammiilee nagaati.
Kuweet namni jaha du'uu gabaafte. Kanneen keessaa lama hojjettoota ministeera dhimma biyya keessaatti. Lama immoo miseensota waraanaati.
Haleellaa Siiriyaa keessatt raawwatameen namoonni afur ajjeefaman, Weest Baankitti namoonni afur, Baahireen keessatti namoonni lama, Omaan keessatti namoonni lama, Saawud Arabiyaa keesattis namoonni lama dhuman.