KALLATTIIN, Tiraamp waliigaluu yoo dhabde Iraan 'halkan tokkoon' balleessuuf dhaadatan

Pirezidantiin US Donaald Tiraamp Iraan Ulaa Hormuuz cufte akka bantu yeroo kaa'aniif dura waliigalteerra yoo gahuu baatte ''halkan tokkoon'' balleessuuf dhaadatan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. 'Iraan yeroo kennameefitti waliigalteerra hin gaeessu taanan halkan tokkotti balleessina' - Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Iraan yeroo kennameef keessatti waliigalteerra hin geessu taanan, "halkan tokkotti baleessiisan" jechuun itti dhaadate.

    Iraan Ulaa Hormuuz akka bantuuf waliigalteerra akka geessuuf yeroo Tiraamp kenne sa'aatii 48 ta'uu gabaafamaa ture. Yeroon Tiraamp kenne kun har'a xumurama.

    Traamp halkan edaa Waayit Haawus miidiyaaleef ibsa kenneen, gaggeessitoonni Iraan "haala gaariin" mariyataa jiru; garuu dhumasaa waan ta'u akka hin beekne dubbate.

    Gama biraan ammoo Iraan yaada dhukaasa dhaabuu dhiyaateef kuffisteetti. Iraan waraana dhaabuu malee dhukaasaa dhaabuu akka hin barbaanne beeksisfte.

    Waraana dhaabuu qofa osoo hin taane qoqqobbiin waggootaaf irra tures akka irraa ka'u barbaaddi Iraan

    Tiraamp Waayit Haawusitti yeroo ibsa kenne walitti qabaan ajajajoota humna waraanaa Jeneraal Daan Keen fi Ministiirri Ittisaa US Piit Heegset waliin turan.

    Tiraamp Iraan Ulaa Hormuuz akka bantuuf yeroo garaa garaatti akeekkachiisa kennaa ture. Kan ammaa kana garuu arrabsoo safuu cabse fayyadamuun akeekkachiise.

  2. Ashamaa!

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Kibxataa eegale.

    Waraana Giddugala Bahaatti adeemaa jiruun yeroon Tiraamp Iraaniif qaban dhumataa jira. Maaltu itti aana?

    Jala jalaan isin biraan geenya.

    Asumaan WhatsApp, marsaritii, Facebook fi YouTube keenya mil'adhaa.

    Lafa nagaa oolaa!

Trending Now