Iraan Ulaa Hormuuz deebitee cufuun dubbii Tiraamp "yeroo dhiyootti waliigalteerra geenya" jedhe shakkii keessa kan galchuudha
Ulaa Hormuuziin wal-qabatee waan deemaa jiru qabatamaan kana jechuun rakkisaa ta'eera. Iraan kaleessa ulicha guutummaan banuu beeksistee har'ammoo deebistee guutummaan cufe jette.
Sababni isheen dhiyeessite ammoo US buufataalee Iraan dooniwwan daldalaa akka hin galleefi hin baane ugguruu hin dhaabne kan jedhuudha.
Ameerikaan waan isheerraa eegamu hin goone kan jedhu sababa Iraan dhiyeessitu kan biraati. Hanga US uggura buufataalee doonii Iraanirra keessa kaastutti, Iraanis sochii daldalaa Hormuuzitti taasifamu akkuma yeroo waraanni gaggeeffamuutti akka cuftu har'a ibsiteetti.
Iraan Ulaa Hormuuz irra deebiin cufuu erga beeksiftee hanga ammaa Waayit Haawus irraa waanti dhagahame hin jiru.
Gama biraan ammoo Tiraamp waraanni Iraan yeroo gabaabduu keessatti akka dhumu irra deddeebiin waadaa seenaa jira.
Iraan yuraaniyeemii gabbiste dabarsitee kennuu dabalatee waan US gaafatte hundumaa tole jettee akka jirtuufi yeroo dhiyootti waliigalteerra akka gahamu akkasumas mariin biyyoota lamaan gidduutti guyyoota muraasa keessatti akka gaggeefamu ibse.
Iraan garuu dubbiin Tiraamp dhara ta'uu ibsite.