Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Dhukaasa sagantaa irbaata gazexeessitoota Waayit Hawusirratti tureen Tiraampirra miidhaan hin geenye, shakkamaan to'atameera

Sagantaa hirbaataa Tiraampiifi aanga'oonni kaan argaman irratti rasaasni saddeet dhukaafameera. Hidhataan aanga'oota Tiraampitti dhiyoo jiranirratti xiyyeeffachuu himeera jedha CBS.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Shakkamaan irbaata Waashngiteen irratti dhukaasa bane 'Kiristaanaa cimsee jibba' -Tiraamp

    Doonaald Tiraamp erga eda halkan dhukaasa irabaata Waashingiteenitti tureen booda yeroo jalqbaaf ibsa kenne, qabxileen ijoon kunooti:

    • Tiraamp "halkan taatee gaddisaasaa mudateen' booda aniifi giidti-dureen nagaadha jedhe.
    • Hidhataan shakkame kun "onnee isaa keessaa jibba Kiristaanaa cimaa qaba" jedhe. Poolisiin dubbii Tiraamp kana dursee dubbii dubbateen, shakkamaan kun maaliif akka dhukaasa bane hin beekamiin jira.
    • Shakkamaan kun akkuma 'taphataa NFL [kubbaa miilaa Ameerikaatti beekamaa] fiigaa dhufe kan jedhe Tiraamp, Tajaajila Eegumsaa (Secret Service) "battalatti isa dhaabuu isaaniif" galateeffateera.

    Odeeffannoo biroo dabakataaf:

  2. Atileetiin Keeniyaa saatii lamaa gadiin galuun seenaa maraatoonii haaraa galmeesse

    Kun seenaa haaraa jaarraa 21ffaa keessatti argamedha jedhamaa jira.

    Atileetiin Keeniyaa Sabaastiyaan Saawee Maraatoonii Landanitti gaggeeffamaa jiru saatii lamaa gadiin - 01:59:30 xumuruun seenaa haraa galmeesseera.

    Dubartootaan ammoo Maraatoonii Landan Atileet Tigisti Asaffaa rikardii haaraan mo'atteetti.

    Maraatoonii dhiirotaan kanaan dura rikardii qabatee kan ture atileetii Keeniyaa Eliyuud Kipchoogeedha.

  3. 'Namni waraqaa eenyummaakoo na gaafate hin jiru': Gabaasaa BBC qaawwa nageenyaa qophii irbaataarra ture ibsa

    Gabaasaan Olaanaa BBC Ameerikaa Kaabaa Gireey O'Donoguu irbaata gaazexeessitoota Waayit Hawus eda Waashingitenitti qophaa'erratti argamee ture.

    Duraafi duuba taatee galma irbaataa sana keessa ture tokko tokkoon ibseera.

    Akkuman hoteelicha seenee bilookii lamaan tokko darbeen, waraqaa hafeerraa koo nama faana ja'a fagaatee dhaabatu tokkottin ol qabee agarsiise.

    Namni waraqaa eenyummaa koo (ID) koo ilaale hin jiru.

    Yeroon galma guddaa (ballroom) seenuuf jedhutti xiqqoo qofan sakatta'ame, yeroon garuma keessatti dhiyaachaa deemetti akkan waan kiisha/kiisii koo keessatti qabadhe baasu na hin gaafanne ture.

    Tajaajilli nageenyaa (Secret service) hojii isaanii hojjetaniiru. Nama kana [dhukaasa banuun kana shakkame] osoo galma sana hin seeniin dhaabsisuu danda'aniiru.

    Bakki nageenyaaf sararame/daangeffame karaa diidaakarruma galma kanaa biradha. Hoteelichi ammoo keessummoota idileen guutuu ture.

  4. Suura haaraa yeroo shakkamaan hidhamaa jirutti

    Suurri haaraan bahe shakkamaan irbaata gaazexeessitoota Waayit Haawus irratti dhukaasa bane poolisoota ayeroo harki duubatti hidhamaa jiru lafa ciisee mul'ata.

    Suuraawwan kunneen viidiyoo maddi oduu Rooyitars qooderraa kan fudhatame yoo ta'u, bakkiifi guyyaan viidiyoo kanaas adda baafameera.

  5. Dhukaasni sagantaa irbaata edaa hordofee akkaataa ittiin Tiraampiin miliqsaniifi taatee ture

    Naasuufi jequmsa guddaatu mul'ate... namoonni 'diraamaa shaakalarratti mul'atu fakkaata' jechuun ibsaniyu jiru.

    Viidiyoon kun yeroo sagantaa irbaataa gaazexeessitootaa Waayit Haawusitti qophaa'erratti hidhataan shakkame dhukaasa banutti akkamitti akka Doonaald Tiraampiin qaamoleen nageenyaa ittiin miliqsuu danda'an agarsiisa.

    Battala dhukaasni banamerraa kaasee waan mudate kunooti.

    DAAWWADHAA!

  6. Battala dhukaasi banametti yeroo Tiraamp miliksuuf namootni dahoo ta'an

    Dhukaasa sagantaa irbaattaa irratti banamerratti yeroo namoonni irbaatarra turan Tiraampiif dahoo ta'anitti viidiyoo mul'isu

  7. Qabxiilee ijoo Waayee Maaraatoonii Landan Tigist rikardii cabsuuf yaadde

    Maaraatooniin Landan Dilbata kana gaggeeffamu isa 46ffaadha.

    Dorgommii kanarratti hirmaattotan walqabatee riikardiin haaraan galmaaha. Namootni 59,000 figiicha fageenya km 42 fiiguuf galmaahaniiru.

    Bara 2025 lakkoofsa hirmaattota fiigicha kana xumuraniin riikardiin haaraan galmaahe. Haalli qilleensaa ture ho'aa ta'us namootni 56,640 ta'an dorgommicha goolabaniiru.

    Dorgommii bara kanaa durseemmoo qopheessitootni sagantichaa bara 2027 Maaraatooniin kun taatee guyyaa lamaa akka ta'uufi hirmaattotni hanga 100,000 akka hirmaatan mirkaneessaniiru.

    Dorgommii kanarraas galiin £130m tola-ooltummaaf oolu akka sasssaabamu daarektarri dorgommii kanaa Haag Baasher isbaniiru.

    Atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa dabalatee injifattootni bara darbe arfan injifannoosaanii irra deebi'uuf hirmaatu.

    Shaampiyoonaan Olompiikii yeroo afurii Sar Moo Faaraafi taphattuun Raagbii Ellie Kildunne dorgommii kana ni jalqabsiisu.

  8. Daawwadhaa: Tiraamp yeroo namichi dhukaasa banuun shakkame qaamolee nageenyaa bira darbaa jiru agarsiisu maxxanse

    Tiraamp yeroo namichi dhukaasa banuun shakkame qaamolee nageenyaa bira darbaa jiru agarsiisu maxxanse

  9. Hoggantootni Addunyaa Tiraampiif ergaa baga ooltee dhaamaa jiru

    Haleellaa sagantaa irbaataa Hoteelaa keessatti muudate booda hoggantoonni addunyaa erga baga baatee Tiraamp fi qondaaltota biroof dhaamaa jiru

    MM Kaanaadaa Maark Kaarnii Pirezidaanti Doonaald Tiraamp , Giiftii Duree, fi kanneen biroo nagaa ta’uun isaanii boqonnaa akka itti dhaga’ame dubbataniiru . Namoota taatee kanaan jeeqaman hundaaf yaadaa akka tumsan ibsan

    MM Awustiraaliyaa Antoonii Albaaneesii namoonni hunduu miidhamarraa nagaa ta'uu isaaniitti gammaduu dubbataniiru. Hojii qaamoleen tikaa fi poolisiin hojjataniifis galateeffataniiru.

    Gamtaa Awurooppaa irraa kan taate Kajaa Kallas jeequmsi dimokiraasii keessatti bakka hin qabu jette.

    Itti aanaan preezdaantii Veenzuweelaa Deelsii Roodriigeez haleellaa kana cimsanii balaaleffataniiru. Namoota balaa kanarraa oolan hundaafis hawwii gaarii ergite.

    MM Paakistaan ​​Shehbaz Shariif akka malee rifachuu ibsuun yaadaafi kadhannaan Tiraampii maddii akka dhabatan dhaamsa dabarsan.

    Akkasumas MM Indii Naareendiraa Moodiin, Pireezidaantiin Meeksikoo Kilaawudiyaa Sheenbaum nageenya pirezidaantichaa, Giiftii Duree fi itti aanaa pirezidaantichaaf hawwii gaarii erganiiru

  10. Daawwadhaa: Yeroo dhukaasa irbaata Waayit Hawusirratti mudate akkamiin akka Tiraampiin jalaa baasan

  11. Miseensonni FBI yeroo mana hidhataa Waayit Hawusitti dhukaasa banuun shakkamee bahan

    Miseensonni FBI yeroo mana hidhataa Waayit Hawusitti dhukaasa banuun shakkamee bahanitti suuraawwan agarsiisan.

    Hidhaataan dhukaasa irbaata Waayit Hawusitti turerratti dhukaasa banuun shakkame kun Torreesn, Kaalifoorniyaarraati.

    Konkolaataawwan qaamolee nageenyaa hidhatan mana nama shakkamaa kanaa yeroo ba'anitti mul'ataniiru.

  12. Poolisiin naannoo mana shakkamaa Waayit Hawusitti hafeerraa irbaataarratti dhukaasa bane cufe

    Poolisiin naannoo mana shakkamaa Waayit Hawusitti hafeerraa irbaataarratti aanga'oota irratti xiyyeeffachuun dhukaasa bane cufe.

  13. Sagantaan sababa dhukaasan haqame itti fufuu danda'aa?

    Sagantaan wagaga waggaan qophaa'uu fi gaazexeessitootni namootni siyaasaa fi aanga'ootni olaananoon Ameerikaa irratti hirmaatan sababa haleellaa hoteelicha keessatti raawwatameen haqamuu isaan booda itti aanee maal ta'a kan jedhu gaaffidha.

    Pirezidaant Doonaald Tiraamp sagantichi guyyoota 30 keessatti deebi'ee kan qophaa ta’uu ibsaniiru. Dhukaasni kun taateewwan idilee raawwataman akka hin dhaabne dubbataniiru.

    Tiraamp biyyi kamiyyuu jeequmsa siyaasaa irraa bilisa miti jechuun addunyaa guutuutti jeequmsi siyaasaa akka jiru dubbata.

    Daarektarri nageenyaa Sean Curran haala akkanaa guyyaa guyyaan akka ilaalan himaniiru. Gareen nageenyaa sagantaalee pirezidaantichaa fi hoggantoota biroo waliin taasifamu irratti balaa mudatu akka dandamatan leenji’aniirus jedhan

  14. Waayee dhukaasa Tiraampiin sagantaa irbaataarraa baqachiisee maal beekna?

    Madda suuraa,Donald Trump/Truth Social

    Shakkamaan rasaasaan rukute jedhame kun Kool Toomaas Alen, nama ganna 31, kan magaalaa Tooraans, Kaalifoorniyaa, michuu oduu BBC Ameerikaa Kaabaa, CBS tiin gabaafameera.

    Tiraamp akka jedhanitti qaamoleen nageenyaa Federaalaa fi Tajaajilli Iccitii mana jireenyaa isaa Kaalifoorniyaa sakatta'aa jiru.

    Hogganaan poolisii yeroo Waashingitan DC Jeffery Carroll shakkamaa to'atameen ala namni biraa taatee kana keessa jira jedhanii amanuuf sababni akka hin jirre dubbataniiru.

    Qaamni seera kabachiisan dhukaasni banamuu yoo mirkaneessan, meeqa akka ta'e garuu ifa miti. Qondaaltonni nageenyaa fi namichi dhukaasa wal jijjiiraniiru jedha poolisiin.

    Hogganaan Poolisii kun shakkamaan kun ''qawwee , shuguxii fi meeshalee qara qaban hedduhidhatee ture'' jedheera.

    Abbaan seeraa Ameerikaa Waashingitan Jenine Pirro akka jedhanitti shakkamaan kun yakka jeequmsaa qawwee raawwachuu fi qondaaltota federaalaa meeshaa balaafamaa fayyadamuun haleellaa raawwachuu isaatiin himannaa lama isa eeggata. Wixata himanni kun kan irratti banamu ta'a jedhameera.

    Poolisiin ammallee maaliif akka kana godhe qorachaa jira.

  15. Daawwadhaa: Yeroo pirezidantii ittaanaa US teessuma isaarraa butan

    Sagataa irbaataa Waayit Hawusitti qophaa'erratti hidhataan shakkame tokko dhukaasa banuu hordofee sodaa guddaatu uumame.

    Viidiyoo yeroo qaamoleen nageenyaa ittaanaa pirezidantii Ameerikaa JD vaans teessuma isaarraa butanii kaasanitti waraabame.

    DAAWWADHAA

  16. Waa'ee nama haleellaa raawwatee waanti beekamu maali?

    Namni Sambata galgala affeerraa hirbaataa gaazexeessitoota dhimmoota Waayit Haawusif gabaasaniif qophaa'erratti dhukaasa bane maqaan isaa Kool Toomaas Alen akka jedhamu miidiyaaleen Ameerikaa himan.

    Nama umurii 31 yoo ta'u, jiraataa magaalaa Torrance, Kaaliforniyaadha.

    Michuu BBC Ameerikaa kan ta'e CBS News akka jedhutti, Alen Inistiitiyuutii Teeknooloojii Kaalifoorniyaa irraa eebbifamee.

    Poolisiin akka jedhetti, bakka saganataan irbaata kun itti gaggeefametti Waashingitan Hilton keessa qubatee ture.

    Qodaaltota nageenyaa fi namich gidduutti dhukaasa banamee akka ture poolisiin eerera. Akka ibsa poolistti Kool qawwee , shuguxii fi meeshalee qara qaban hedduhidhatee ture.

    Dhukaasa itti banameen miidhamee amma hospitaala jira.

    Poolisiin akka jedhutti Wixata boruu ifatti himatni itti banama

  17. Hidhataa dhukaasa bane aanga'ootaf Tiraampirratti xiyyeefatee akka ture hime

    Manni jireenyaa shakkamaa dhukaasa banee kan Torrance Kaalifoorniyaatti argamu hojjetoota FBIn sakatta'amaa jira. Shakkamaan ganna 31 Kool Tomaas Aleen jedhamu bakka sagantaa irbaataa gaazexessitoota Waayit Haawusii gabaasaniif qophaayerratti dhukaasa bane aanga'oota Tiraampitti dhiyoo jiranirratti xiyyeeffachuu himeera. Dhukaasa inni baneen miseensi tikaa (Secret Service) fageenya baayyee dhiyoorraa itti dhukaafameera. Haata'u malee namichi jaakkettaa rasaasa ofirraa qolu uffatee waan tureef hin miidhamne jedhe Tiraamp.

  18. Tiraamp imala jila marii Iraan waliiniif gara Paakistaanitti taasisuuf turan haqe

    Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp imala jila ergamni itti kenname, Istiiv Wiitkoof fi Jaareed Kuushner, ​​waraana Iraan waliin taasifamaa jiru irratti mari'achuuf gara Paakistaanitti taasisuuf turan haqe.

    Jimaata darbe Waayit Haawus lamaan isaanii Sambata gara Paakistaanitti akka qajeelan ibseera - amma garuu Tiraamp "kaardii hunda qabna, isaan hin qaban! jechuun imala isaanii haqeera.

    Yoo marii barbaadan bilbiluu qofa!!!"

    Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaa Araaghchii "Ameerikaan dhuguma waa'ee dippilomaasii cimtuu ta'uushee ilaalluuf jirra" jedhe.

    Yaadni Tiraamp kun kan dhaga'ame Araghchii marii Paakistaan ​​waliin magaalaa guddoo Islaamaabaad keessatti taasisaa ture erga dhiisee yeroo muraasa booda yoo ta’u, ejjennoo Iraan waraan kana dhaabuurratti qabdu ifa godheera.

  19. Tigist Maaraatoonii Landanitti riikardii cabsuuf akka yaadde BBC'tti dubbatte

    Maaraatoonii Landan Dilbata dorgomamuurratti kan dorgomtu Atileet Tigist Asaffaa kaayyoon ishee ijoo abbaa rikardii addunyaa ta'uu akka ta'e BBC'tti dubbatte.

    Gaaffiifi deebii gaazexeessaa BBC Landan jiru waliin taasifteen dorgommii kanarratti irra deebiin mo'achuu akka barbaaddu dubbatteetti.

  20. Bulchiinsi Tiraamp of eeggannoo cimaan mariitti seenaa jira

    Bulchiinsi Tiraamp akka marsaa duraanii Pirezidantii Itti Aanaa kan ta'e JD Vaansi marii nagaa Iraan waliin gaggeeffamuuf Paakistaanitti ergaa hin jiru.

    Marii marsaa kanaatti of eeggannoo cimaan seenaa akka jiru Waayit Haawus ibsaa jira.

    Amma waan warri Iraan jedhan dhagahuu qofa akka barbaadan ibsan warri Ameerikaa.

    Pirezidanti Tiraamp torbee kana keessa waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka dheereffamu erga ibsee booda Iraan fi US mariitti deebi'u jedhamee eegamaa turus ammallee mariin hin gaggeeffamne.

    Tiraamp aanga'oonni Iraan wixinee yaadaa tokko qabatanii akka dhihaatan gaafata.

    Aanga'oonni Iraan ammoo ammallee tokkummaa akka qabanii fi yaadni fi adeemsi isaaniis tokko ta'uu ibsu.

    Ergasii uggurri naannoo Hormuuz hammaateera. Biyyoonni lameenuu marii gufateef wal himataa jiru.

Trending Now