Paakistaan keessatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dabalaa dhufuun sodaa biyyattiitti uumaa jiraaachu himame.
Guyyaa Kamisaa kaleessa qofaatti namootni 66 vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa’eera.
Kunis lakkoofsa namoota vaayirasiin qabamanii 1,057 yoo gahu, taatee haaraan torban kana keessa galmaa’e kan torbanoota darbanii dachaa lamaan kan caaluudha jedhameera.
Taateewwan koronaavaayirasii hedduunis kan biiyyoota akka Iraan, bakka vaayirasichi akka qaanqee abiddaa keessa socho’ee irraa dhufan ta’u mootummaan biyyattii ni ibsa.
Biyyoota akka Paakistaan bakka miseensonni maatii hedduun bakka tokko jiraataniifi tajaajilli fayyaa dadhabaa ta’eetti, tatamsa’ina vaayirasi kanaa to’achuun baay'ee rakkisaa akka ta’e yaadama.
Oggeessi fayyaa tokkoos haalli ittisaa gahaan hojiirra kan hin oolfamne yoo ta’e, biyyattiin gara ‘’badiinsaatti’ adeemaa jirti jechuun BBC’tti himeera.