Dubartiin yeroo jalqabaaf Keeniyatti koronaavaayirasidhaan qabamtee turte yaala guyyoota 23 booda guutumatti bayyanachuushee himte.
Akka isheen jettutti eega ji’a Muddee as gara US imaluushee himteetti. Ta’us garuu koronaavaayiras jalqaba ji’a Bitootessa keessa Landan irraa yeroo gara Keeniyaatti deebi’aa turtetti qabamuu hin oolu jettee shakkiti.
“Eega gara biyyaa seene booda guyyoota sadiif qufa’aa ture,” jette Bireendaan.
Isheenis boodarra yaalaaf gara wiirtuu mootummaan qopheessetti seenuun yaalashee jalqabde. Hojjattoonni wiirrtuu sanii “haala gaariidhaan” akka kunuunsaniin dubbatti.
“Covid-19 dhukkuba yaalamuu fi to’atamuudha,” jechuun lammiilee Keeniyaatiif dhaamsa darbarsiteetti.
Biraan, namni dhukkubbicharraa bayyanate biraas, eega Bireendaa wajjiin ture booda dhukkubbichaan qabamuu ibsuun haala gaariirra akka jiru dubbateera.
Innis akka jedheen muxannoon isaa firoottansaa dhukkibbicha “dhugaa fiyaalaan kan fayyuu ta’uusaa” akka amanan taasiseera jedhe.
Keeniyaan eega Bitooteessa 13 nama Covid-19 qabame ifa goote booda hanga ammaatti biyyattii keessatti namoonni 59 koronaavaayirasidhaan qabamaniiru.