Kibba Indiyaa keessatti ooggessi fayyaa dhibee Covid-19’n lubbuun isaa darbe akka hin awwalamneef jeequmsaan waan dhorkaniif, yoo xiqqaate namootni 20 toa’nnoo jala oolaniiru.
Chennaay keessatti maatiifi hiriyoonni Dr Saaymon Heerkuliis Dilbata galgala yeroo reeffa isaa laffa awwaalchaa gessanitti haleelamaniiru.
Boodarra Wiixata bariirra hiriyyaan isaa tokko qofaa lafa matiin hin jireetti awwaaleerani.
Ogeessi fayyaa sammuu kun “dhuma akkasii qabachuu hin qabu ture,” jedha.
“Garuumma salphaa akkanaa namaarraa hin arganne. Kanarra darbee immoo haati warraa isaafi ilmi isaa achitti argamanii isa gaggeessu hin dandeenye,” jechuun Dr Piradiip marsariitii News Minute’tti himeera.
Namootni 20 ta’an maatiifi hiriyoota Dr Herkuliisiin uuleefi sibilaan haleeluu isaanii midiyaan biyyatti gabaaseera. Dabalataanis gocha kanaan konkolaachistoonni ambulaansii lama miidhamaniiru.
Namootni nannoo lafa awwaalchaa jiraatan nama Covid-19n du’e achitti awwaaluun vaayirasicha naannichatti ni tatamsaasa jedhanii yadda’anii jechuun poolisiin himeera.
Dr Herkuliis yeroo weerara kanaatti mana ta’uurra ummata tajaajilaa ture.
Vaayirasichas dhibamtoota isaa tokkorra isa qabachuun isaa hin ooluu jedha Dr Piradiip.
Ministeerri fayyaa bulchiinsa Tamiil Naadu C Vijayabaskar gocha kana balaalleefataniiru.
“Wanti oggeessa fayyaa kanarratti raawwatamee nama dheekkamsiisa. Wanti akkana fulduratti raawwachuu hin qabu,” jedhaniiru.
Ogeessotti namootni waa’ee seera awwaalchaa nama Covid-19’n du’ee baruu qabu jedhu.
Ministirri fayyaa federaalaa yoo qajeelfama kenname seeraan hordofame namoota koroonaavayirasiin du’an awwaaluun yaaddoo hin qabu jedha.
Qajeelfamni ba’an kun akkamiin reeffa akka qopheessaniif awwaalaan of keessaa qaba. Akkasuumas sirni awwaalcha kun akkamiin adeemsifamuu akka qabu ni hima. Kana keessa wa’een qaama tuqu keessa hin jiru.