Gamtaa Awuroppaatti Komishinarri Michummaa Idil ā addunyaa Yuttaa Urpilaayinan guyyaa kaleessaa MM Abiy Ahimadiifi aanga'oota olaanoo Itoophiyaa kaan waliin mariāataniiru.
āāMarii ijaaraaāā taasisuu isaanii kan himan qondaalli kuni dhimma riformii siyaasaafi diinagdee akkasumas lolaafi rakkoo deeggarsa namoomaa irratti mariāachuu himan.
Torban darbe Hoogganaan imaammata alaa EU Hoseeph Boreel jila Yuttaa Urpilaayinaniin hoogganamu gara Itoophiyaa akka ergan ibsanii turan.
Adeemsi ijoo imala kanaas āāadeemsa siyaasaa hunda hammate akka eegalamu ergaa EU ifa taāeāā akka dabarsaniifi jedhan.
Komishinar Yuttaan marii Ministria Dhimma Alaafi I/Aanaa MM Dammaqaa Mokonniin waliin taasisaniin filannoo milkaaāaa biyyattiin taasisteef galateeffatu Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.
Dabalataan, Gamtaan Awurooppaa sagantaa misoomaa isaa deebisee eegaluufi ajandaa riformii mootummaa akka deeggaru ibsuullee hime.
Waaāee karoora marii biyyaalessaa gadi fageenyaan waliin mariāatuufi EU deeggarsa namoomaa gama qilleensaan taasisu kanneen Naannoo Amaaraa keessa buqqaāaniifis akkas geessisu gaafachuu ibse.
Gamtaan Awurooppaa qorannoo UN fi Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaa buāuura godhachuun Itoophiyaarratti qoqqobbii kaaāuf akka sochii eegalu kana dura ibseera.