Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Biyyooti Afrikaa warra kamtu Covid-19 caalatti qorataa jira?
Qorannoon tatamsa'inni koronaavaayirasii hangam akka babal'ate agarsiisuun, yaalii weerara dhibee kanaa ittisuuf taasifamu keessatti gahee olaanaa qaba.
Dhabbanni Toβannoofi Ittisaa Dhibee Afrikaa, kan sochii ittisa dhukkubichaa sadarkaa ardiitti gaggeeffamu qindeessaa jiru, qorannoo ilaalchisee biyyoota gidduu garagarummaan guddaa jira jedha.
Kanaaf biyyoota kamtu qorannoon dursaa jira, kamtu ammoo boodatti hafeera kan jedhu ilaaleera?
Eenyutu caalaa qoronnoo gaggeessa jira?
Biyyootiin Afrikaa xixxiqoo tokko tokko biyyootii gurguddoo caalaa qorannoo gaggeessaa jiru. Fakkeenyaf, Moorishaasifi Jibuutiin akka biyyaatti qorannoo hedduu gaggeessaa jiru.
Gaanaanis sadarkaa qorannoo itti gaggeessaa jirtuuf jajamteetti. Motummaan biyyattis yeroo qajeelfamni sochii ugguruu dhaabbatutti weerara dhibee kanaa toβachuuf ni gargaara jedha.
Afrikaan Kibbaas eejjonnoo cimaa fudhachuun hanga ammaatti qoronnoo hanga 200,000 gaggeessuu dandeessetti.
Biyyii Afrikaa keessatti lakkoofsa uummataan tokkoffaa taate Naayjeriyaan qorannoo isheen gaggeessaa jirtu gaβaa miti. Mootummaan garuu namoota dhibeen kun irratti argame irratti xiyyeefachaan jira jedha.
Gazeexeessituun BBC Naayjeeriyaa Chi Chi Izundu qoronnoo dabaluuf aangaβoonni karoorsaa jiru jetti.
βGuyyaatti qorannoo 5,000 gaggeessuuf karoorfatu β garuu ammoo 1,000 irrallee hin geenye.β
Biyyootiin Afrikaa oddeeffannoon qoronnoo isaanii ifa hin taane kan akka Eertiraafi Aljeriyaan ni jiru.
Biyyootiin tokko tokko qorannoo gaggeessuuf dandeetti isaa hin qaban. Kaan ammoo gabaasaa qoronnoo isaanii ifa goochuu dhiisuuf sababa garagaraa qabu.
Fakkeenyaaf, Pirezdaantiin Taanzaaniyaa Magufuulii odeeffannoo akkanaa ifatti baasuun sodaa uumaa jedhu.
Qoronnoon bayyee akka hin gaggeefamneef gufuu kan taβan maali?
Biyyootiin Afrikaa keemikaala qoronnaa koronaavayirasiif gargaaru ofii waan hin omishneef argachuun ciimaadha, kanaaf biyyootii addunyaa biraarraa galchatu.
Dhaabbata Toβannoo Dhukkubaa Afrikaa irraa Joon Nikengasong akkas jedhu: βaddunyaan walitti dhufiifi waliin hojjechuu dhisuu isaa irraan kan kaβe Afrikaan gabaa qoronnaa dhibee irraa achii dhibamteettiβ.
Biyyootiin Afrikaa baasii isaa qabaachuu dandaβu garuu addunyaa kanarraaβ biyyootni 70 meeshaalee walβaansaa biyyaa akka hin baaneef waan ugguraniif,β wantoota barbaachisan argachuun rakkisaa taβeera jedhu.
Gufuun kan biraan qajeelfamootni sochiin akka dhaabbatuuf darban namootni wiirtuulee qoronnoo akka hin deemneef danqeera jedhu.
Taβus Yunivarsitii London School of Hygiene and Tropica' Medicineβtti gargaartuu piroofeesara kan taate Ingozii Erunduu garuu, rakkoo inni guddaan meeshaadha jetti.
βMeeshalee qoronnoo gaβaa qabachuu dhiisudha rakkoon,β jetti.
Dhaabbatti Toβannoo Dhukkubaa Naayjeeriyaa amma laaboraatoorii qoronnannoo dhibee kanaa qabaachuufi dhiisuu adda baasu 18 qaba. Meeshalee qoronnoo barbaachisoo taβan argachuuf garuu iyyata hatattamaa galcheera.
Keeniyaanis rakkoon hanqina meeshalee qoronnoo akka ishee mudate amanuun sababa kanaan dhiyeenya keessa lakkoofsa namoota qorotamanii hirβisaa dhufteetti.
Aanga'aan mootummaa tokko dhiyeenya biyyittii keessa meeshaalee qoronannoon 5,000 qofa akka jiraniifi dabalataan 24,000 eega akka jiran himaniiru.
Dhibbaleen hawaasaafi siyaasaa lakkoofsi qoronnaa akka hin dabbaleef gufuu taβanis jiru.
βHawaasa tokko tokko keessatti koronaavayirasii qabaachuu waliin loogiin kaaβame jira.,β jetti Ingozi Erundu. βKanaafidha hoggantoonni tokko tokko deebiβanii filatamuuf jecha qoronnoon akka gaggeefamuuf ejjennoo fudhachaa kan hin jirre.β
Gamtaan Afrikaafi Dhabatti Toβannoo Dhukkubaa Afrikaa sochii Hariiroo Qorannoo Covid-19 Ariffachiisuu (PACT) jedhamuufi qoronnoo, hordoffiifi argannoo irratti xiyyeefatu eegalaniiru.
Sochiin kun jiβa tokko keessatti Afrikaa guutummaatti qoronnoowwan miiliyoona tokko taβan akka gaggeefamaniif karoorfatee jira.
Weerarri koronaavayirasii dursee Eeshiyaafi Awurooppa keessatti babalβachuun isaa Afrikaan deebii ishee akka qopheeffattuuf yeroo kenneeraf. Dabalataanis, dhibee akka Iboolaa toβachoorratti muuxsnnoon qaban isaan ni gargaara.
Garuu gabaa addunyaa morkii qabu kana keessatti meeshalee qorannoo kanaaf fayyadan argachuufi wiirtuulee qoronnoo hundeessuun biyyoota diinaagdeefi sirna eegumsaa fayyaa dadhabaa qabaniif rakkisaa taβa.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras