Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayirasii: Jarman Bundasligaan akka eegalu hayyamte
Chaansilarri Jarmaan Angeelaa Merkel akkaatti tajaajila hawaasa sababa weerara vaayirasiitiin adda cite deebiβanii banuun dandaβamurratti hooggantota kutaale biyyatti 16 wajjin mariyatani irratti waliigalani.
Biyya Jarmanitti namoonni 7,000 hin caalle weerara vaayirasichaan kan duβaniiru.
Biyyoota Awuroppaa kanneen akka UK, Xaaliyaanii, Faransaayii fi Ispeen wajjin wayita walcina madaalamtu lakkoofsa namoota duβaani xiqqaa galmeessifte.
Amma dorgommii tapha sababii weerara koronaavaayirasiin adda cites deebistee banuuf biyyattin karoora haaraa wixineessite.
Jiβa Caamsaa bultii 15 ykn 21 irra eegalee taphattoonni dorgommii Bundasligaarratti hirmaatan iddoo daawwattoonni kallattiin Istaadiyeemitti hin argamnetti taphachuuf jiru.
Kanaaf, taphattoonnis dursanii torban lamaaf addatti foβamu.
Yoo karoorri dorgommii tapha kanaa kan deebiisanii eegalchiisuu milkaa'e, Liigii kubbaa miilaa Awurooppaa weerara vaayirasichaa booda dursa banamuuf jiru taβuuf deema.
Kun otoo kanaan jiru, manneen barnoota duraanu gartokkeen banaman turan, amma garuu sududaan barattoota hundumaaf banamuuf karoorfameera.
Taβus, weerarri vaayirasicha lammata deebiβee akka hin kaane yaaddoo uumera.
Iddoowwan weerarri vaayirasicha jabaatutti guyyoota torba keessatti namoota 100,000 keessaa namoota 50 vaayirasichi haaraa kan mulβatu yoo taβe, manneen barnoota banamuuf karoorfaman turuu malu jedha gabaasni tajaajila oduu biyyatti DPAβn baase.
Karoora haaraa biyyattiin wixineessiteen namoonni hedduun abdiin eeggataa kan jiran suuqiwwan hundi, hoteelonni fi manneen jiimii deebiβanii banamuuf jiru.
Gaazexaan biyyaatti tokkoos Jarman deebite banamuuf jirti jechuun mataa duree oduu qabatee baheera.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras