Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Qorichi busaa dhibee Covid-19 wallaanuuf akka gargaaru baruuf UKtti yaaliin jalqabame
Qorichooti busaa lama dhibee Covid-19 ittisuuf fayyada yoo taβe ilaaluuf yaaliin Biraayteniifi Oksifoorditti eegaleera.
Qorichooti Kilooroquwiiniifi haydirookilooquwiin hojjatoota fayyaa 40,000 Awurooppaa, Afrikaa, Eeshiyaafi Ameerikaa kibbaa jiraniif ni kennama. Namootni yaalii kanaratti hirmaatan hundi hojjatoota fayyaa dhukkubsattoota Covid-19 waliin qunnamtii qabaniif kennama.
Torban kana keessa Pireezdaantiin US Donaald Tiraamp akeekkachiisa rakkoo uumuu dandaβa jadhamu dhiisuun Kilooroquwiinii fudhaachaa akka jiru erga beeksisee qeeqameera.
Hirmaattoonni yaalii kanaa UK jiβoota sadiif haydirookilooroquwiin ni keennamaaf. Hirmaatoota Eeshiyaafis Kilooroquwiin ni kennamaaf.
Wiirtuuwwan 25 UK keessatti kan gaggeefamu yaaliin kun buβaan isaa dhuma waggaa kanaatti ni argama jedhamee yaadama.
Yaaliin kun namoota dhukkuubsatoota Covid-19 kunuunsa kamiifu banaadha, garuu namootni kun Covid-19 hubaman taβuu hin qaban.
Yaaliin kun qoriichooti kun hojjeetota fayyaa vaayirasichaaf saxilaamoo taβan irraa koronaavaayirasii ittisuu dandaβama yoo taβe kan ilaaludha.
βBuβaa ykn miidhaaβ
Kanneen qorannoo kana hogganaan keessaa tokko Yunvaarsitii Oksifoord irraa Piroofesar Nikoolas Waayit, βKilooroquwiin ykn haydirookilooquwiin Covid-19 ittisuuf buβaa ykn dhibbaa qabatee hin beeknu,β jedhu.
Garuu yaaliin toβatamaa akkanaa kan qorattoonnis taβe hirmattonni eenyu qorichoota kana akka fudhanne kan hin beekne, buβaa isaa baruuf mala gaariidha.
βTalaalliin buβaa qabeessa, miidhaa hin uumneefi salphaatti argamu yeroo dheeraaf waan dhufu miti,β jedhu qoronnoo kan kan dursan Pirofesar Maartin Liwelin.
βYoo qorichoota akka kilooroquwiiniifi haydirookilooquwiin carraa Covid-19 qabamuu hirβisuu kan dandaβu taβe kun waan buβa qabeessa taβa.β
Qorichooti kun hoβiinsaa qamaafi dhaqna wanta dhiitessuu hirβisuu, akkasumas dhibee busaa ittisuufi walβaanuuf fayyadu.
Dhabbileen tola ooltummaa UK fi US keessa jiran qorichooti kun sababa koronaavayirasii xiyyeefannon waan itti baayyateef namoota dhugumaan qorichooti kun barbaachisuuf hanqinni uumamuu dandaβa jechuun yaaddoo qaban ibsaniiru.
Qorichii kun xiyyeeffannoo guddaa kan argate erga Pireezdaantiin US Donaald Tiraamp buβaa qabaachuu dandaβa jedhaniifi torban kana keessa Covid-19 offirraa ittisuuf kilooroquwiin fudhaachaa akka jiru beeksiseedha.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras