Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: 'Itoophiyaan talaalliin yeroo argamuutti akkamiin akka daftee argachuu dandeessu mirkaneeffachuu qabdi'- Dr. Iyyoob G/Masqal
Amma yoonaatti koronaavaayirasii ilaalchisee saayintistoonni gaaffilee kanneen akka dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu (immunity) irratti deebii argachuuf hirriba malee bulaa jiru.
UK Hoospitaala Kuwiinsitti kutaa immarjansii kan hojjatan Dr. Iyyoob G/Masqaliif gaaffilee tibba koroonaavaayiras kanaafi erga weerarri kun darbee booda wantoota taβan irratti xiyyeeffatan isaaniif dhiyeessinee jirra.
Vaayirasichi akkamiin qaama keenya miidha?
Vaayirasichi karaalee gurguddoo afuriin tamsaβa. Namni qabame yoo qufaβu, haxxiffatu, fi harganu vaayirasichi qilleensarra turuun nama biraatti darba. Wal-tuttuqqaa namootaa fi wantoota namni qabame sun tuqe tuttuquun dhibee sanaaf nama saaxila.
Akka Dr. Iyyoobitti, fincaan, dhiigaafi boolii keessa vaayirasichi akka jiraatu beekamus karaalee kanaan akka daddarbu qorattoonni ammallee deebii hin arganne.
Vaayirasichi yeroo hagamiif meeshaaleerra turuu dandaβa?
Vaayirasichi kan miidhu qaama hargansuu keenya dha. Nyaata waliin garaacha yoo seenellee, vaayirasichi haphii waan taβeef asiidiin achi keessa jiru ni bulbulaan jedhu dooktarichi.
Meeshaalee garagaraa irra hagam akka turu garuu ammas qoratamaa jira.
Akka Dr. Iyyoobitti, waggota 18 dura kaβee kan ture Sars irratti hundaaβuun qorannoowwan taasifaman akka mulβisanitti, kooroonaavaayiras pilaastikaafi sibiilarra saβaatii 72 (guyyoota sadii) turuu dandaβa. Naahaasii irratti saβaatii afur, kaartooniirra saβaatii 24, mastaawotii, mukaafi waraqaarra guyyoota afur turuu akka dandaβu dubbatu.
Yoo qufaanuufi haxxiffannu qilleensarra saβaatii sadif turuu dandaβa jedhu.
Gosti nyaataa gorfamu jiraa? Gosoota dhiigaa tokko tokko caalaatti miidha kan jedhamoo?
Gosti nyaataa addatti vaayirasii kanaf gorfamu jiraachuu baatus, nyaanni madaalawaa humna ittisa dhukkubaa dabalu yeroo hunda barbaachisaa taβuu ogeessi kutaa immarjansii Dr. Iyyoob ni dubbatu.
Akka dhukkubichaan hin qabamneef walirraa hiiquufi harka daddafanii dhiqachuun akkuma jirutti, warri mallattoo dhukkubichaa argan dafanii adda of baasuu qabu jedhu.
Warreen dhukkuba sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa qaban qoricha isaanii haalaan fudhachuu baannaan vaayirasicha ofirraa dhorkuuf humna hin qabaatani.
Namoonni bakka namni itti heddumaatu hojjatan kan akka daldaltootaafi konkolaachiftoonni akkasumas naannolee gabaafi manneen amantaatti namoonni deeman ammoo maaskii fuulaa akka kaawwatan gorsu.
Covid-19 Chaayinaarraa yoo kaβu namoota umuriin isaanii gurguddoofi dhukkuba qaban qofa akka miidhutti yaadamaa ture. Amma garuu dargaggootaafi dhukkuba kan hin qabnellee miidhuun isaa yaddessaa godheera.
Dhugumatti garuu warreen umuriin raagan humni qaama isaanii dhukkuba ofirraa ittisu laafaa waan taβeef, dhukkubichaaf caalaatti saaxilamoo dha.
Dhukkubicharraa dandamachuu jechuun maal jechuudha?
Namoonni dhibee kanarraa fayyan irra deebiin qabamumoo humna ittisaa horatu kan jedhu qoratamaa jira.
Akka qorannoowwan kana duraatti, namni vaayirasiiwwan irraa dandamatan yeroo gabaabaaf vaayirasii sanaan akka hin qabamneef humna ittisaa ni horatu. Yeroo dheeraaf garuu taβuu hin dandaβu.
Fakkeenyaaf namni qufaan ganna tokko isa qabe, waggaa sanatti vaayirasii wal-fakkaatuun deebiβee qabamuu hafuu mala. Sababni isaas vaayirasiin qufaa bara kana kaβu wal-fakkaataa waan taβeef.
Bara itti aanutti garuu, vaayirasii haaraatu kaβa waan taβeef dhukkuba sanaan qabamuu irraa hin oolu. Koroonaavaayirasis akkasidhamoo kanjedhu baruuf qoratamaa jira.
Qorattoonnis kanaaf talaallii argachuuf yaalaa jiru. Talaalliin qaamni keenya yeroo hunda qophaaβee akka eegu taasi waan taβeef.
Koroonaavaayirasiin ni badaa?
Vaayirasiin kun addunyaarraa ni bada moo akkuma haala jireenya keenyaa jijjiire kanatti nu waliin tura? Gaaffi jedhuuf Dr. Iyyoob vaayirasoota biro irratti hundaaβuun deebii yoo laatan:
Vaayirasiin tokko erga namootarraa namootatti darbuu eegalee booda hin badu. Namoonni dandeettii ittisuu waan horataniif garuu miidhaa jalqaba geessisu hin geessisu. Vaayirasiin kunis kanarraa adda hin taβu.
Yeroo muraasaan booda miidhaa amma nurraan gaβaa jiru qaqqabsiisuu hafee ittiin wal-barree jiraanna. Haataβu malee saayintistoonni talaallii argachuuf dhamaβuu isaanii hin dhiisan jedhu.
Waggoota 20 darban keessattis gosoonni koroonaavaayiras sadii tamsaβanii kan turaniifi dhibeewwan dhala namaa qoran hedduun falli argameefii jira waan taβeef kunis asirra hin darbu jedhani Dr. Iyyoob.
Qorattoonni talaallii argachuuf dhiyaataniiruu?
Talaallii argachuuf waggoota 15 gaβuu mala, amma yoonaatti dafee talaallii kan argate Iiboolaa yoo taβu, innis wagga shan fudhate. Kan Covid-19 garuu vaayirasiiwwan koroonaa tokkoo fi lama irratti qorannoon waggoota dheeraaf geggeeffamaa waan tureef, yeroo baayβee fudhata jedhee hin yaadu jedhaniiru.
Dr. Iyyoob HIV fakkeenya godhachuun yoo dubbatan, yeroo sanatti namni hedduun lubbuusaa yoo dhabu qorichi jira ture. Garuu Afriikaaf kennamuuf yeroo dheeraa fudhate, sun akka hin taaneef biyyoonni akka Itoophiyaa yoo talaalliin vaayirasii amma jiruuf argamu dafanii saammachuu qabu jedhu.
Itoophiyaafi abdii talaallii
Itoophiyaa dabalatee biyyoonni hedduun talaallii koroonaavayiras argachuuf dhamaβaa jiru. Yaaliiwwan gulantaa garagaraas taasisaa argamu.
Dr. Tewoodroos Adihaanoomiin kan hogganamu dhaabbanni fayyaa addunyaas hojimaata biyyoota talaallii argachuuf yaalaa jiran walitti fidu βSolidarity Trialβ jedhamu qaba.
Biyyoota 70 ol hirmaachisaa kan jiru yaalii kana keessatti lammiileen Itoophiyaa: Piroof. Xaasaw W/Hannaa pirezidentii Yun. Finfinnee, Piroof. Ababaaw Bafiqaaduu Yun. Finfinnee fi Piroof. Ashannaafii Taazzabaw Yun. Goondar irraa hirmaachaa jiraachuun abdii itti hora.
ββSagaleen keenya akka dhagaβamu gochuun talaalliin yoo argame dafee akka nuuf kennamu taasisuurra darbee, yaalii Itoophiyaan talaallii argachuuf taasiftuuf jajjabina taβaββ jedhu Dr. Iyyoob.
Of-eeggannoo poolisii jalqabaa godhachuun humna qabduun weerara kana toβachuurratti xiyyeeffachuu qabdi kan jedhan dooktarichi, talaalliin yoo argamuu daftee fayyadamtuu taβuuf haala ishee dandeessisus cimsuu akka qabdu himu.
Maloota aadaa saayinsiin deeggaruudhaani talaalliin akka argamu yaalii taasiftus cimsitee itti fuufuu akka qabdu ogeessi Hoospitaal Kuwiinsi keessa dalagan kun kan dubbatan.
- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras