Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jibba Sanyummaa: Poolisiin ajjeeffamuun alatti loogiin gurraachotarra gahu maal fa'i?
Hiriirri mormii jibba sanyummaa gurrachootaarratti xiyyeeffatu akka bakka biraatti Raashiyaa keessatti hin taasifamne. Namoonni achi jiraatan seenaasaanii BBCβtti himaniiru.
Raashiyaa keessatti namoonni sanyii adda addaa kumaatamaan laakaβaman ni jiraatu β namoota achitti dhalatanii sanyii makaa qabanii fi namoota Afriikaa fi biyyoota galaanaa Kaaribiyaan irraa garas hojiidhaaf yookiin barnootaaf deemu.an hedduutu jira.
Rooy Iboong, barataa ikoonoomiiksii, 21
Rooy Iboong dhalataa Koongoo ganna 21 yoo taβu Yuunivarsiitii Naannoo Biryaansikitti ikoonoomiiksii barata.
Rooy taaksii fayyadamuu barbaadee turus konkolaachisaan garuu tajaajila isaa kennuu hin barbaanne. Konkolaachisaanis βNamni feβu natti hin tolu taanaan, tajaajila hin kennuufi. Konkolaataan kiyyaβ jedheen.
Rooy akkas jedheen: βNama sanyii biraa hin jaallattuu?β konkolaachisaanis, βeeyye, hin jaalladhuβ jedhee deebiseef.
Boodarra dhaabbanni tajaajila taaksi kennu Rooyin dhiifama gaafateera.
βAmala konkolaachisaa gaarii hin taane nutti himuu keetiif galatoomi. Taateen kun si mudachuusaatiif dhiifama,β jedhee barreesse bakka buβaan tajaajila maamiltootaarratti hojjatu.
Konkolaachisaan sunis guyyama san hojiirraa akka dhoorkame gabaafameera.
Rooy waan isa mudate βInstagramβ irratti maxxansee ture. Namoonni muraasa isa deeggaranis isaan kaan immoo arrabsoo barreessanii maxxansaiiru.
Rooy boodarra akkaawuntiisaa cufeera. Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa muraasni dhaabbatichi konkolaachisaa ariβuusaatiif qeeqaniiru. Kaan ammoo taaksi san fayyadamuu lagannaa taasisaniiru.
'Yeroo wayii kaaffee akka hin gallee na godhanβ
βYeroo wayii kaaffee akka hin galle na godhan. Eegduun akkas jedhe, βYeroo darbe Afriikaanonni dhufanii lolli waan tureef seenuu hin dandeettuβ naan jedhe.
"Sun anaan wal hin qabatu jennaanis na dhagahuu dide. Hogganaa waamnaanis seenuu akka hin dandeenye natti hime."
βMagaalaa Mooskoo fi Biryaansik jidduu garaagarummaa guddatu jira. Mooskoon biyya biraa fakkaatti. Achitti loogiin narra gahee hin beeku.β
Raashiyaa keessatti yeroo poolisiin nama gurraacha rukutu argee hin beeku jedha Rooy.
βKoongootti dhaladhee guddadhe. Eega Raashiyaa bara 2017 dhufe kan jibba sanyummaa arge. Yeroo ala baatu namoonni dhala namaati miti jedhanii si ilaalu.β
Isaabeel Kastiiliyoo, maarkeetiing manaajer, 27
βMooskoo jiraadha. Yuunivarsiitii Seent Piitarsbaargitti baradhe. βYuzhno-Sakhalinskβtti dhaladhe.
Mana barnootaatti bifti gogaa kootii addaa waan taβeef ijoollee biratti ilaalcha gaarii hin argadhu ture jetti.
Isaabeel βYuzhno-Sakhalinskβ irraa gara bakka daandiirratti namoonni ishee itti hin ilaalle deemtee jiraachuuf yaada qabdi.
Ishee fi abbaan ishee lammii Doominiikaan yeroo hedduu namoonni haala adda taβeen ilaaluuni.
βYeroo namootni mana kireessan maqaa kiyya bilbilaan dhagahan kaffaltiiyyuu waan kaffallu itti hin fakkanne ture.
Qaamaan wal geenyee nama sirrii hojii qabduu fi manasaanii kuusaa qoricha sammuu nama adoochuu nama hin goone akka taβe itti mulβise.β
βDiina namootaaβ
Haati Isaabeel odola Sakhalin irraa yoo taβan abbaan ishee immoo Riippabilika Doominikaan irraati.
Abbaan ishee mana barnootaa jijjiirateeti kan gara Gamtaa Sooviyeet dhufe. Yeroo haati fi abbaan Isaabeel barattoota taβanii wal fuudhan sanitti ilaalchi namootaa gaarii hin turre jetti.
Haati tiyya qocollaan irra gaha ture. Ati βdiina namootaatiβ jedhanii ture jetti Isaabeel.
βYuunivarsiitii keessatti qabxii olβaanaa qabaattus qabxii gadi aanaa kennuuf ture. Guyyaa obboleessa kiyya deettu san qormaata qabdi ture."
Yuunivarsiitichi guyyaa qormaataa jijjiiruufis dide. Qorannoo ishee akka dhiheessituuf hayyama hin kennineef ture.β
Maaksim Nikoolsikii, gaazexeessaa, 24
Mooskoo keessatti jibbaan sanyummaa narra gaheera. Yeroo tokko tokko namonni shakkiin na ilaalu. Geejjibarratti na bira taaβaniiru yoo taβe bakka jijjiiratu faβa.
Yeroo barata sadarkaa tokkoffaa fi jiddu galeessaa ture sanitti jibbi sanyummaa narra gaha ture. Barattoota qofaan miti maatiinis akka isaan jibba sanyummaa qabatan godhu.
Yeroo haati tiyya sagantaa maatiirratti argamtee waan ijoolleen biroo naan jedhan qeeqxu akkas jedhuuni: βIsa dahuun kee rakkoo keeti. Boodarra mana barnootaa ilaalchi ijoollee fi maatii gaarii taβetti jijjiirame.
Yeroo ijoollee ture sanitti mana barnootaa deemuu yeroon jibbutu ture. Amma garuu hagas hunda na hin aarsu. Taβus garuu taateen akkasii ammas ni jira.
Kamiilaa Oguun, taphattuu kubbaa kochoo,21
Kamiilaan dhalattuu Naayijeeriyaa fi Raashiyaati. Magaalaa Istaarii Oskoolitti guddatte. Achitti namoonni sanyii biroo heddu hin jiran ture.
βMana barnootaatti ijoollee daaβimummaarraa waliin baranne waan turaniif hagas hunda jibbi sanyummaa narra hin gahu ture. Taβus garuu ijoolleen kutaa biroo maqaa adda addaatiin na waamu turan. Na arrabsu turanis."
βKilabiif taphachuudhaaf ganna 12βtti kan gara Mooskoo dhufe. Yeroo tokko tokko gaaffiiwwan akka, βAfriikaarraa dhuftee moo maali? naan jedhu."
Yeroo baayβee deebii nama kolfisiisu deebiseefii bira darba.
βKilaboonni kubbaa kaachoo dubartoota gurrachaa waan qabaniif jibbi sanyummaa hagas mara miti. Garuu yeroo Raashiyaadhaaf taphattu: Dhugatti lammii Raashiyaatii? Jedhanii faβa gaafatu.
Namootatti yeroo dubartiin gurraattiin Raashiyaadhaaf taphattu baacoo itti fakkattaata.β
Aleenaa El-Huseen, ogeettii afaanii, 25
Aleenaan dhalattuu Raashiyaa fi Sudaaniiti. Mooskootti dhalatte. Jireenyashee guutuu adda akka taateetti yaaddi.
βYeroo hunda kan nama aarsu miti. Haala jirurratti hundaaβa. Yeroo kaan βgurraattiiβ jedhama. Yeroon namoonni βchookoleetii' jedhanii na waamanis jira.β
Aleenaan rakkoon sanyummaa Raashiyaa jiruu fi USA jiru adda akka taβe amanti.
βJibbi sanyummaa asii baayβee gurroochotarratti kan xiyyeefate miti, irra caalaasaa riipaabilikaanota Sooviyeet asiin duraarratti malee.
Hawaasa Raashiyaatu hamma ammaatti hin damaqne taβa jettee yaaddi.