Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoota sababa ajjeechaa Joorji Filooyid aangoof dorgamaa jiran
Namni gurraachi Ameerikaa jiraataa bulchiinsa Minisootaa taβe Joorji Filooyid poolisii adiidhaan haala suukanneessaa taβeen ajjeefamuun addunyaarratti mormii guddaa kaaseera.
Yakki nama tokkorratti raawwatame akka mallattoo jibbiinsa sanyummaatti fudhatamuun mormiin addunyaa walgaβe.
Lammiileen Ameerikaa gocha sana balaaleffachuu qofa osoo hin taane jijjiirama sirna poolisiis cichanii gaafachaa turan.
Namoonni kanaan dura osoo dandeettiisaa qabanii aangoo mootummaaf dorgomuuf fedhii dhabanii turan amma yakkoota akka Joorji Filooyid irratti raawwatamee kana qolachuuf jecha dorgomuuf murteessaniiru.
Kanneen keessaa dubartoonni afur ,ββwayita Filooyid hafuura ishee dhumaan haadhakoo jechaa ture sana dorgomuuf murteessineββ jedhu.
Dubartoonni kunneen seeneetii kutaa biyyaa Minisootaa bakka ajjeechaan kun itti raawwatteefi kongireesii Ameerikaaf dorgomaa jiru.
Namoonni kunneen eenyufaadha? Maal dubbatan?
Marquita Stephens, Mana Maree Minisootaaf
Akkan kolleejjiirraa eebbifamee baβeen siyaasa keessatti haalaan hirmaachaan ture.
Waggoota hedduuf akkan dorgomee aangoo qabadhuuf gaafatamaan ture.
Garuu kaniin dorgomuuf murteesse haala suukanneessaan ajjeefamuu Filooyid ergan viidiyoodhaan argeeti.
Yeroo inni duβuu gaβee hafuura ishee dhumaatiin βyaa haadhakooβ jedhaa ture sana osoon birmadheeraaf taβee jedheen gaabbe.
Haalli kun kan halkan tokkotti mudate osoo hin taane waggoota hedduuf kan raawwatamaa as gaβeedha.
Kan alanaa garuu obsa na fixachiiseera, battala kana dirqama aangoo mootummaa fudhee bulchiinsa jiru sirreessuu keessatti hirmaachuuf murteesseera.
Biyya kana keessatti sirni sanyiidhaan nama qoodanii nama jibbuu akkuma itti yaadamee ijaarame itti yaadamee diigamuu qaba.
Akkaataa walqixxummaa nama hundaa eegeen ijaaramuu qaba.
Yoon mana maree seene imaammati kiyya inni ijoon sirna poolisii biyya kanaa sirreessuudha.
Heerri mootummaa waaβee sirna mootummaa irratti jiru akka fooyyaβu gochuudha.
Mulβata hunda keenyaaf hojjetun qaba.
Asirratti adda kiyya miti jedheen amana.
Kan sammuu kiyya keessaa hin badne, wayita intalli Joorji Filooyid, Gianna Filooyid harkashee balβistee samiitti ol qabdee ββabbaan kiyya addunyaa jijjiireββ jettu animmoo,ββeeyyen sirriidha, sababnisaa anallee jijjiireera waan taβeefβ jedhu namni siyaasaa kun.
Zina Fizer, Mana Maree Minisootaaf
Wayita Joorji Filooyid haadhasaa waammaterraa eegaleen dorgomuuf murteesse.
Ilma kiyya kan umriinsaa waggaa 24 taβu bakka Joorji Filooyid buuseen ilaale.
Jilba poolisii adii sanaa jalatti ilmi kiyya natti mulβate, onneen kiyya cabe.
Battaluma sanan teenyee namni biraa akka jijjiirama nuuf fidu eeguu akka hin qabne murteesse.
Minisootaan dubartoota gurraachota taβan seeneetii ishee keessaa hin qabdu.
Amma dubartoota afur taanee aanaa jirru irraa dorgomaa jirra.
Afran keenya osoo filatamnee carraa guddaadha.
Madaa keenyarraa fayyuuf hawaasi minisootaa filannoo kana milkeessuu qaba jedheen yaada.
Haalli Minisootaa keessatti eegalame kun isteetota biro keessattillee itti fufuu qaba.
Yeroo dheeraaf duubaan deggerree aangoorra nama baasaa turre.
Garuu sun amma goolabamuu qaba, waan gochuu qabnuu fi akkamiin akka raawwannu bareechinee beekna.
Amma yeroon kan keenya.
Ameerikaan haala baratame keessaa baβuu qabdi.
Laverne McCartney Knighton, Mana Maree Minisootaaf
Waamichi Filooyid dhumarratti haadhasaaf taasise, iyyannoonsaa akka dhagahamuufan dorgomuuf murteesse.
Duraan akkan dorgomuuf gaafatamaan ture, garuu waan natti hin fakkaanneef fedhii hin qabun ture.
Amma garuu waamicha Filooyid haadhasaaf taasiseef deebii kennuuf dirqama waanan qabuuf dorgomuuf murteesseera.
An akka dubartii gurraattii Ameerikaa tokkootti sagaleen kiyya akka dhagahamun fedha.
Jijjiiramni kan dhufu yoo keessatti hirmaattee qabsoofteedha.
Amma onnee godhanneerra, lammiileen Ameerikaa kumaa kitilaan baβanii miidhama lammiilee gurraacharra gaβu morman jabina nuuf taβaniiru.
Yeroon ammaa kan keenya, kan gurraachotaati.
Tarkaanfiin Minisootaatti eegalame kun kutaalee Ameerikaa biroos gaβuu qaba.
Minisootaan kana milkeessuuf cimtee hojjechuu qabdi, amma iji hunduu nurra jira.
Alberder Gillespie, Kongireesii US
Yeroo kamuu caalaa dubartoonni Ameerikaa gurraachota taβan bara kana dorgomaa jiru.
Dubartoonni gurraachi Afrikaan-Ameerikaan taβan oluma kaβuu qabu, yeroon ammaa keenya jechuu qabu.
Dubartoonni hedduun osoo dandeettii siyaasaa qabanii dorgommii didanii taaβu, ana dabalatee jechuudha.
Wayita Filooyid duβa jala gaβee hafuura dhumaan haadhasaatti iyyatu garuu akka dorgomuu qabnu murteessine.
Haati iyya nama kanaa dhagahuufii hin barbaanne waan jirtu natti hin fakkaatu.
Yeroon itti iyyasaa dhageenyu amma, yeroo biraa eeguu hin qabnu.
Ana kanatu akkan siyaasa keessatti dorgomu na dirqamsiise.
Lammiileen Ameerikaa fi adunyaa guddaa-xiqqaa, dhiira-dhala, sabaa fi amantiin osoo wal hin qoodin hunduu baβee wayita yakka Filooyid irratti raawwatame mormu ammoo hamileen kiyya daranuu cimeera.
Ameerikaan wayita dubartoonni gurraachi biyyashee keessatti fuulduratti baβan ni gammaddii fi ni jibbitiishee hinbeeku, garuu nuti qophiidha.
Ameerikaanis kanaaf qophaaβuu qabdi. Yeroon keenya amma, kana beekna.