Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Oolmaa dhaddacha Obbo Baqqalaa, Jawaar fi kaan irratti maaltu ka'e?
Obbo Jawaara Mohaammad harβa waaree booda Mana Murtii Federaalaa sadarkaa jalqabaa dame Lidataatti dhiyaatanii Poolisinii ragaa argate ibsuun raga dabalataa funaanuuf guyyaa dabalataa manni murtii akka hayyamuuf gaafateera jedhan Abukaatoo isaanii keessaa tokko kan taβan Obbo Tuulii Baayyisaa.
Poolisiin guyyoota darban himata Obbo Jawaar irratti bane jalatti meeshaalee waraanaa eegdoonni isaa qabatanii turan, meeshaalee qunnamtiifi sanadoota mana jireenyaafi waajira isaanii keessa argachuu ibsuun ragaalee kanarratti qorannoo dabalataan akka gaggeessu ibsee jedhan Obbo Tuuliin.
Ragaa afaaniin dhiyeesseen qorannoo Foorensiiki Poolisii waajira Dhaabaa Badhaadhinaa biratti ajjeefamerratti gaggeefameen Poolisichi rasaasa eegdota Obbo Jawaar irraa dhukaafameen ajjeefamuu mirkaneeffanne jedhu poolisiin dhiyeeffachuus himan.
Meeshaaleen waraanaa eegdota Obbo Jawaar bira turan Kilaashii 10, Kiiltii tokkofi shugguxiiwwan argadheen jira jechuun himuus Obbo Tuuliin BBCβtti himaniiru.
Meeshaan eegdotni Jawaar qabatanii turan kun hayyama qabaachuufi dhiisuun isaa ammalle hin qulqulloofne jedha poolisiin jedhan Obbo Tuuliin.
Poolisiin Obbo Jawaar irratti ragaalee kana qulqulleefachuuf guyyaa dabalataa 14 gaafatee Manni Murtiis guyyaa 13 hayyamuun Adoolessa 29/2020 beellama qabeeraaf jedhan.
Obbo Jawaar Mohaammad himannaa afur jechuunis ajjechaa Poolisii Oromiyaa, reeffa humnaan ugguuruu, aangaβoota olaanoo mootummaa naannoo Oromiyaarratti ajjeechaa yaaluufi saboota gidduutti walitti buβiinsa uumuu kan jedhaniidha.
Obbo Jawaar dhaddacha kanarratti maal dubbatan?
Obbo Jawaar irratti Poolisiin himata afur kan himate yoo taβu, Obbo Jawaar himata kanarraa qulquulluu taβuu isaanii ibsaniiru jedhan Obbo Tuuliin.
''Ani nama siyaasaa malee yakka kana dalaguuf yaada kan hin qabneedha, taβe jedhamee siyaasa keessatti akkan hin hirmaanneef shira xaxame,ββ jechuun ofirraa ittiseeraas jedhan.
Mootummaan isa siyaasa keessaa baasuuf kan duras lammummaa biyya Itoophiyaa isaa deebifachuurratti rakkoo itti uumaa akka ture dubbachuu isaanis himaniiru.
ββGamoo jalatti hidhamuu, maatii wajjiin fageenya meetira 40-50 waliirraa fagaachuun walarguufi adda baasuuf rakkachuu, akkasumas abukaatoo waliin bakka qorataan argamutti haasaβuufi sanuu guyyaa tokko qofa hayyamamuu mana murtiitti himataniiru,ββ jedhan.
Qorattootni wanti Obbo Jawaar kaasan dhugaa miti jechuun mormaniis, Manni Murtii kun akka foyyaaβu ajeeejaraa jedhan.
ββKeessumaa mana ifa gahaa hin qabne keessa nutti cufamee oolaa saβaa 24 keessatti siβa lama qofa mana fincaanii deemnaa ganama saβaa 12 fi galgala saβaa 12 jechuun komii qaban kaasaniiru.
Manni Murtiis mirgi namoomaa isaanii kabajamee wanni isaan komatan kun fooyyaβee beellama itti aanurratti gabaasa akka dhiyeessan ajajeera,ββ jedhan.
Dhaddachuma kanarratti eegdota Obbo Jawaar dabalatee Obbo Hamzaa Booranaa waliin namooti sagal Galmee Obbo Jawaar jalatti diyaatanii, himata walfakkaataa, komii walfakkaataa, ajajni Manni Murtii akka fooyyaβu jedhee kennes walfakkaataa nuun jedhan Obbo Tuuliin.
Dargaggo Shamsaddiin Xahaa bor Mana Murtiitti akka dhiyaatus himaniiru.
Oolmaa dhaddachaa Obbo Baqqalaa Garbaa?
Abukaattota Obbo Baqqalaa Garbaa faβa keessaa tokko kan taβan Dr. Tokkummaan ganama harβaa Mana Murtii Federaalaa sadarkaa tokkooffa kan Araadaatti argamutti dhiyaatanii akka turaniifi ganama dhaddacha Obbo Dajanee Xaafaa faβi, waaree booda ammoo kan Obbo Baqqalaa Garbaa, Arafaat Abuubakar, Addisuu Burqaafaβirratti argamuu BBCβtti himaniiru.
Obbo Baqqalaan Wiixata darbe Mana Murtiitti dhiyaatanii kan turan yoo taβu, harβatti kan beellamni qabameef adeemsa qorannoo poolisii ilaaluuf, akkasumas qabiinsa mirgaa isaanii ilaaluun yeroo qorannoo dabalataa kennuuf akka taβe Dr. Tokkummaan himaniiru.
Obbo Baqqalaaniis akkuma Obbo Jawaar Mohaammad ifa gahaa argachaa akka hin jirre, akkasumas maatii isaanii fageenya meetira 30-50 irraa dubbisuuf dirqamuu isaanii komatanii ture jedhan Abukaatoon isanii kun.
Obbo Baqqalaan itti dabaluun wayita bokkaa isaniis maatiin isaan dubbisuus bokkaa keessa dhaabatanii wal dubbisaa akka jiran komataniiru nuun jedhan.
Poolisiin kana haaluus, Manni Murtii garuu bitaaf mirga erga ilaalee booda haalli qabiinsa, bakki itti hidhaman akka fooyyaβuufi komiiwwan kun fooyyaβanii akka gabaasni dhiyaatuuf, akkasumas qaamaan dhaqaniillee ilaaluu akka dandaβan ibsuu Dr. Tokkummaan himan.
Gama kaanii Obbo Hamzaa Booranaarratti ragaa Poolisiin dhiyeesseen Shugguxii hayyama hin qabne lama argadheera jechuu himaniiru.
ββObbo Hamzaan mana isaatii shugguxiin argame tokko malee lama akka hin taane, inniis waajira Abbaa Alangaarraa hayyama kan qabuufi hayyama kana poolisiin gaafa mana isaa sakattaβu mallatteessee fudhachuufi koppiin isaas maatii isaa harka akka jiru,ββ Mana Murtiitti himeeraas jedhan.
Ragaan kun dogoggoraan Poolisiin dhiyaachuu isaatti hedduu gaddee ibsuu isaan abukaatoon isaanii kun himaniiru.
Eegdotni Obbo Jawaaris meeshaan waraanaa harkaa qaban kan hayyama qabu akka taβee ibsuu isaanii Poolisiin garuu hayyama qabachuufi dhiisuu qorachaan jira jechuu Dr. Tokkummaan himaniiru.
Lammii Ameerikaa kan ta'e Obbo Mishaa Adamiifi Obbo Dajanee Xaafaa
Gama kaaniin Obbo Dajanee Xafaa mana isaanii Ashawaa Meedaatti argamurraa erga toβannoo jala oolanii, manni isaanii sakattaβameefi jecha isaaniin Poolisiif kennaiin guyyaa 12 booda Mana Murtiitti dhiyaachuu himaniiru nuun jedhan Dr. Tookkummaan
Lammiin biyya Ameerikaa mana jireenyaa Obbo Jawaar Mohaammadii qabaman Obbo Miishaa Adam galmee Obbo Dajanee jala kan jiran yoo ta'an, har'a Mana Murtiitti yoo dhiyaatan Imbaasii isaanii argachuu akka hin dandeenye himataniiru.
Ijoolleen Obbo Baqqalaa Garbaa bilisaan gadhiifaman
Boontuu Baqqalaa, Saamu'eel Baqqalaafi Kiyyaa Baalchaa guyyoota 16 booda har'a hidhaa gadhiifamuu mirkaneessaniiru.