Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Benishaangul Gumuzitti hidhattootni 20 namoota 13 ajjeesan to'ataman'
Naannoo Benishaangul Gumuz godina Matakalitti namootni haleellaa raawwachuun lubbuu namoota 13 galafaafatan 20 tahan toβannoo jala oolan.
Itti Aanaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Naannoo Benishaangul Gumuz Obbo Abdulaziz Mahaammad hidhattootni 20 toβannoo jala kan oolan guyyaa kaleessati jechuun BBCtti himan.
Hogganaan kun akka jedhanitti hidhattootni kunneen haleellicha osoo hin raawwatiin dura humni nageenyaa mootummaa tarkaanfii isaan irratti fudhataa ture jedhan.
Tarkaanfii irratti fudhatameen bittinaaβanii haleellaa raawwataniin lubbuu namoota 13 galaafachuus himan.
Hordoffii fi eeruu taasifameen hidhattootni 20 toβannoo jala ooluun meeshaan isaan ittiin fayyadamaman 12 tahus qabamuu himan Obbo Abdullaaziz.
Naannoo rakkoon kun itti dhaqqabe amma tasgabbaaβaa jiraachuu himanii hoggansi naannichaa bakkichatti argamuun uummata tasgabbeessaa jiraachuus himaniiru.
Namoonni haleellicha raawwatan hundinuu toβatamaniiruu kan jedhuuf Obbo Abdulaziz gareen qorannoo gaggeessu ammas hojiitti jiru jedhanii namootni dabalataa biroon toβatamuu aka dandaβan himan.
Namoonni BBCβn bakka rakkoon dhalate irraa dubbisee fi maqaan isaanii akka dhahamu hin feene jiraattotni ganda lama tahu irraa gara 200 tahan qeβee isaanii irraa buqqaβaniiru.
Namoota qeβee isaanii irraa buqqaβaniif jiraattotni kaanii fi mootummaan naannichaa deggarsa gochaa akka jirus himaniiru.
Manni namoota mana isaanii cufanii baqataniis cabsamee qabeenyi isaani jalaa saamamaa jiraachuus dubbatu namootni dubbisne.
Jiraataan dubbisne magaalli Gubbaa amma nagaatti deebiβuushee himanis gandootni magaalichaan alaa garuu ammayyuu soda keessa jiraachuu himan.
Hoggantootni federaalaa fi naannoo irraa dhufan jaarsolii biyyaa fi dargaggoota waliin mariβachaa jiraachuus himaniiru.
Pirezidaantiin Naannoo Benishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan EBC irratti kaleessa galgala akka dubbatanitti qaamonni haleellicha raawwatan kanneen TPLF iirraa deeggarsa fudhatanii fi daangaa Sudaan irratti leenjii argachaa turanidha.
Torban lamaan darban keessa hidhattoota garee kanaa irratti tarkaanfii fudhatameen hidhattootni 12 yoo ajjeefaman 30 kan tahan ammo toβatamaniiru jedhan
Naannichatti haleellaan akka kanaan duraa akka dhaqabuuf dursamee kan itti qophaaβame tahus naannoo Amaaraa waliin tahuun tarkaanfiin sirreefamaa fudhatmuus himaniiru.
Dabalataan hoggantoota itti gaafatamummaa isaanii haalaan hin bahanne irrattis tarkaanfiin bulchiinsaa fi ol aantummaa seeraa kabachiisuu ni fudhatama jedhan.
Namoota duβaniif gadda isaanitti dhagahames ibsuun kanneen qabeenyi isaanii jalaa mancaβeef ammoo beenyaan akka kaffalamu gochuuf akak hojjetan himaniiru.
Kanaan dura naannichatti irra dedeebiin walitti buβinsa uumamaa tureen namootni hedduun qeβee isaanii irraa buqqaβanii ture.