Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Eegdoti Jawaar Mohaammad 5 Covid-19n qabamuu poolisiin hime
Manni Murtii Federaalaa Sadarkaa Jalqabaa galmee qorannoo duraa Obbo Jawaar Mahaammad fi kaan namoota 14 of jalaa qabu keessaa namootni shan koronaavaayirasiin qabamuu poolisiin mana murtiitti hime.
Manni murticha ragaalee abbaa alangaa dhagahuuf har'a Hagayya 13tti beellama qabatee turus jecha ragoolii hin dhaggeeffanne.
Beellama harβaatin abbaan alangaa ragaalee namootaa sadi dhageesifachuuf ture.
Haa taβu malee galmee kana keessaa namootni shan; Geetu Tarrafa, Bashir Huseen, Sabbooqaa Olqabaa, Kenne Duumechaa fi Daawit Abdataa Covid-19n qabamuunsaanii mirkanaaβusaa poolisiin dhaddacha irratti dubbachuu isaa abukaatoon isaanii Dr Tokkummaa Dhaabaa BBC'tti himaniiru.
Dabalataan gaazexeessaan lammii Keeniyaa Yaasiin Juumaa Covid-19n waan qabameef beellama mana murtii irratti argamuu akka hin dadneenye poolisiin mana murtiitti himuu abukaatoon isaa Kadir Bulloo BBC'tti himaniiru.
Namootni shan galmee Jawaar jala jiran Covid-19n qabaman eegdota Jawaar yoo ta'an, yeroo jiβa tokko poolisiin qoratamaa turanitti abukaatoo fi maatii isaanii walin kan wal hin agarre taβuu himu Dr Tokkummaan.
Yeroo kana mara uuffata fi kophee guyyaa qabaman uffataniin akka turan eeruun, rakkoof saaxilamuu dandaβu jedhanii abukaatonni isaanii irra deddeebin iyyataa turuu isaanii mana murtichaaf himuu dubbatu.
βHaa taβu malee namootni kun osoo dhukkubichaan hin qabamiinis qabamaniiru jedhamuu dandaβa waan taβeef buβaan qorannoo qabamuu isaanii agarsiisu nuf yaa dhiyaatu. Kunneen hafanis akka qorataman ajajni akka kennamu mana murtichaa gaafanneerra,β jedhu.
Gama biraatin Obbo Jawaar Mahaammad βnamootni kun balleessaa hoomaayyu hin qaban. Eegdota koo waan turanif qofa rakkaachaa jiru malee kan biyya tajaajilaa turanidha. Kanaafuu yaa gadhiifamanβ jechuun dubbachuu isaanii abbaan alangaa dhimmicha qabatanii jiran dhaddacha booda miidiyaaletti himaniiru.
Gama biraatin beellamni harβaa harβuma ganama akka itti himame fi kun immoo galmicha irratti qophaaβuuf isaan rakkisuusaa abukaatoowwan dubbachuu isaanis abban alangaa kun himaniiru.
Gama abbaa alangaatin namootni hidhaarra waan jiraniif yeroon beellamaa gabaabbatee dhimmichi dafee akka xummuramuf fedhii akka qabanis abbaan alangaa kun dubbatan.
Manni Murtii maal jedhe?
Manni murtiichaa yaada abukaatoowan fi abbootii alangaa erga dhaggeefatee booda buβaan qorannoo namoota Covid-19n qabamaniiru jedhaman shan fi kunneen hafan sagal akka dhiyaatuuf ajaja kenneera.
Kana malees qabiinsa shakkamtootaa ilaalchisee Poolisiin Federaalaa damee qorannoo yakkaa mana murtiitti dhiyaatee dhaddachaaf akka ibsus ajajni kennameera.
Buβaa qorannoo Covid-19 dhiyaatu buβureefachuunis namoota bilisa taβuun isaanii mirkanaaβe irratti ragaalee abbaa alangaa dhagahuuf Wiixata Hagayya 11 bara 2012 saβaa 7:30 irratti beellama qabateera.
Miidiyaalen akkamiin dhaddacha osoo hin seenin hafan?
Oolmaa dhaddachaa galmee Obbo Jawaar Mahaammad fi namoota 14 hordofuuf gaazexeessitoonni miidiyaalee torbaa mana murtichaatti kan argaman taβus dhaddacha hordofuu hin dandeenye.
Miidiyaalen kunneen dhaddacha galmichi itti ilaallamun alatti kutaa biraa keessa taaβanii suur-sagaleen akka hordofan itti himamee gara kutichaa seenanis waan dhaddacharratti dubbatamaa ture dhagahuu hin dandeenye.
Sagaleen hoomtuu akka hin dhagahamne hojjettoota mana murtichaatti himamus sirreeffamuu hin dandeenye.
Achii bahanii dhaddacha dhimmichi itti ilaallamaa jiru seenanii hordofuuf yaalanis poolisootaan gara dhaddachaa akka hin seenne ittifamaniiru.
Xummuramuu dhaddachaan booda abbaan alangaa galmee qorannoo duraa qabatanii jiran haala dhaddacharra ture ilaalchisee miidiyaalef ibsa gabaabaa laataniiru.