Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Feesbuukii fi Tiwiitariin 'neetworkii Raashiyaa diigan'
Feesbuukiin garee Raashiyaa keessatti dhiibbaa guddaa uumuu dandaβan jedhaman jalaa neetworkii akkaawuntii isaanii diige.
Akkaawuntiiwwan kunneen hidhata cimaa ykn neetworkii jabaa kan waliin qaban yoo taβu, humna waliif taβuudhaan addunyaa keessatti dhiibbaa ajaayibaa uumu.
Feesbuukiin tarkaanfii kana wayita fudhatu dhaabbata qorannoo interneetii Raashiyaa, Russiaβs Internet Research Agency(IRA) waliin walitti hidhata qaba jechuuni. Dhaabbanni kunimmoo mootummaatti hidhata qaba jedhama.
Dhaabbati kun bara 2016 filannoo US keessa seeneera jedhamee himatama.
Tiwiitariinis neetworkiiwwan kunneen keessaa akkaawuntii namoota shanii yeroof haqeera.
Dhaabbileen kunneen lameenuu tarkaanfii fudhataa jiran kanaan milkaaβinni argatan hagas mara miti.
Feesbuukii fi tiwiitariin kanaan dura keessa seentummaa filannoo USβf ulaa taβuun kan qeeqamaa turan yoo taβu, amma garuu filannoo baranaa jiβoota lama dursuun xaxaawwan jiran adda baasuu eegalaniiru.
Feesbuukiin duula kanaan hanga ammaatti akkaawuntiiwwan 13 fi peejii lama haqeera jedha.
Isaan kunneen falmii paartilee US fi biyyoota akka UK fi Masrii keessatti gaggeeffamuuf jiru keessa seenuuf kan qophaaβan taβuus hime.
Akkaawuntiiwwan haqaman hedduun maqaa sobaatiin kan jiraniidha akka dhaabbanni Feesbuukii jedhutti.
Tiwiitariinis namoota shan kanneen dhimma namoota biroo keessa seenuun jeeqan jalaa akkawuntii isaanii cufuu himeera.
Namoonni kunneen caasaa mootummaa ykn kan hidhata waliin qabaniidha akka Tiwiitariin jedhutti.