Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Afrikaa keessatti hagi nama Covid-19n du'ee xiqqaachuuf maaltu gumaache?
Afrikaatti namoota koronaavaayrasiin qabaman keessaa Afrikaan Kibbaa sadarkaa jalqabaarra jirti. Amma garuu biyyattii keessatti weerarri vaayirasichaa hirβachaa jira.
Tatamsaβinni dhukkuba kanaa biyyoota Afrikaa biraa jirus birqabaan suutuma dabala.
Afrikaa keessa gandootni namootaan dhiphatan baayyeedha. Qeβee kunneenitti fageenya eeggachuun baayyee rakkisaadha.
Haatahu malee, namoonni magaala keessa jiraatan vaayirasii kana tamsaasuu akka dandaβan ogeessoti fayyaa akeekkachiisaa turan.
Afrikaa Kibbaatti itti gaafatamaan garee gorsaa Covid19 Saaliim Abduul Kariim naannolee namoonni baayβinaan kubbanii jiraatan vaayirasichi saffisaan tamsaβa jedhu.
Dhugaan jiru faallaa yaada namoota kanaa yoo tahe hoo? Qeβeewwan namootaan dhiphatan tamsaβina vaayirasii kanaaf sababa tahanii yoo hin argamne hoo? Vaayirasichi akka hin babalβanneef sababa yoo tahan hoo?
Hiyyuummaan ardii kanaa weerarichaaf akka hin saaxilamne taasiseera laata?
Iccitiinsaa maali ?
Koroonaavaayirasiin yeroo babalβachuu jalqabe ogeessotni marti ardiin Afrikaa balaarra buuti jedhanii turan.
Vaayirolojistiin lammii Afrikaa Kibbaa piroofeesar Shaabiir Mahaadii, ββrakkoo hamaa keessa ni seenna, nuu dhumate jedheen yaadee ture,ββ jedhu.
Warreen mala dhahan sireen dhukkubsataa akka hanqatu, sirni fayyaa rakkoo keessa akka seenu faaβa himaa turan.
Haa tahu malee Afrikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota dhukkubichaan duβanii kan UK irraa harka torba hanqata. Biyyooti Afrikaa kaanillee vaayirasichi hanga sodaatame isaan hin mine.
Hospitaalonni hamma yaadame hin dhiphanne. Akka biyyoota addunyaa biroo weerarri vaayirasichaa fiixeerra gahees hin mulβanne.
Piroofeesar Shaabiir, ββbiyyoota Afrikaatti hanga yaadame balaa hin dhaqqabsiisiin hafuun naan galle.Ifaa kan hin taaneefi amanuuf kan nama rakkisu dha,ββ jedhu.
Afrikaa keessa vaayirasichi kan hin babalβanne uummatni ardii kanaa baayyeen dargaggoo waan taheefi ogeessonni jedhan jiru.
Umuriin lammiilee Afrikaa kan warreen Awurooppaa irraa walakkaan hirβisa.
Daariktarri dhaabbata Toonii Bileer,Tiim Biroomfiild Afrikaan ardii dargaggootaa tahuunshee dhukkuba kanarraa ishee baraareera jedhan.
Ha tahu malee, qorannoowwan dhimma kanarratti taasifaman, umuriin qofaasaa dhukkuba kanarraa hafuuf sababa miti jedhu.
Piroofeesar Saliimis, ββumuriin dubbii isa ijoo miti kan jedhan kanumaafi.
Akkuma weerarichi jalqabeen biyyooti Afrikaa dhorkaawwanii fi uggurri taasisan akka salphaatti waan ilaalamu miti. Namoonni maaskii afaaniifi funyaanii akka keewwatanifi illee akeekkachiisni jabaa darbaa ture.
Karaa biraan ol-kaβinisi ardiin Afrikaa irra jirtuu fi hoβituu taβuunshee vaayirasichi akka hin tamsaane gargaareera inni jedhus hin hojjetu.
Buβuuraaleen misoomaa baayyeen ijaan hin jirreef malee fuulduratti dhukkuba kanaan namni qabamu dabaluu dandaβa kan jedhanis jiru.
ββAfrikaan yeroo isa hamaa dabarteetti jechuu hin dandaβu. Yeroo taherra weerarri kun dabaluu dandaβa,ββ jedhu Piroofeesar Saaliim.
Koroonaavaayirasii βbiraaβ
Mana yaalii talaallii Suweetoo keessatti saayintistoonni qorannoo taasisaa jiru.
Mana yaalii kana keessa samuudni dhiigaa namaa waggaa shaniif ture jira.Samuudni kun talaallii infiluweenzaa irratti qorannoon yeroo taasifame kana argame dha.
Qorattoonni kunneen vaayirasii koronaa biraatiin qabamaniiru yoo taheef ragaa barbaadaati jiru.
Kana jechuun immoo qaamni keenya humna Covid19 irraa of ittisu horateera jechuu dha.
ββKana dura humna dhukkuba ofirraa ittisuu horanneerra taha. Vaayirasichis hanga biyyoota kaanirra tamsaβe Afrikaa keessa kan hin babalβanne, kanaaf tahuu mala,ββ jedhu Piroofeesar Shaabiir.
Ganda dhiphate keessa namoonni jiraatan vaayirasichaaf saaxilamoo waan tahaniif yeroo keessa humna Covid19n ofirraa ittisan hin horatiin hin hafne jedhu saayintaistoonni Afrikaa Kibbaa.
ββSadarkaa olaanaa taheen naannoleen dhiphatan keessa humni dhukkibicha ofirraa ittisuu uumamuu dandaβa jedhu.
Kaan immoo mallattoo dhukkubichaa kan hin agarsiifne tahuu dandaβu,ββ jechuun Piroofeesarichi hubachiisu.
Hiyyummaan Afrikaa dhukkubichaaf saaxilamuu Afrikaa hirβisees tahuu dandaβa jedhu piroofeesarichi.
Gama biraan immoo biyyoota kanneen akka Biraaziil keessa namootni ganda dhiphataa keessa jiraatan dhukkubichaan akka malee miidhamaniiru.