Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jeesikaa Kiruug: Dubartii adii bara hedduu 'ani gurraacha' jettee sobde
Yuunivarsiitii Joorji Waashingitanitti piroofeesar kan taate Jeesikaa Kiruug dhimmoota Afriikaa fi daayispooraa Afriikaarratti xiyyeeffachuun hojjataa turte.
Baroota hedduu ani gurraattiidha jechuun sobaa kan turte pifofeesar Jeesikaan dubartii adii warra Jeewish yoo taatu magaalaa Kansaas Siitii irraati.
βJireenya kiyya soba farra-gurraachotaa ta'e irratti ijaare,β jedha barreeffamni marsariitii tokkorratti maqaa isheen maxxanfame.
Yuunivarsiitichi maxxansa san qorataa turuusa himee dubartiinkun amma booda daree seentee akka hin barsiifne murteessuu isaa himeera.
Gochi pirofeesar Jeesikaa namoota ishee beekaniin kan qeeqame yoo taβu, gochaa falmattuu warra adii kan taatee fi ani gurraatti ofiin jedhaa turte Raakeel Dolezaal waliin wal fakkaata.
Raakeel yeroo maatiin ishee adii taβuushee himan ture kan bara 2015βtti dhimmi ishee miidiyaalee adda addaan gabaafame.
Falmattuun mirga namummaa fi barsiistuun qorannoo Afriikaa duranii US keessatti waggoota hedduuf gurraattiidha ofiin jechaa turanis boodarratti βakka nama Afriikaatti of ilaalaβ jedhan.
Pirofeesar Jesikaan takka gurraattii Afrikaa Kaabaa, takka ammoo gurraattii Ameerikaa takka ammoo warra Kariibiyaan of fakkeessuun sobaa turan.
Piroofeesar Jeesikaan gurraattii taβuusaanii kan sobaniif sababa rakkoo fayyaa sammuu fi dhiphina ijoollummaasaanitti isaan mudateen akka taβe ibsaniiru.
Kuni gocha isaan raawwataniif dhiifama kan argamsiisu miti jedhan.
Yuunivarsiitiin Joorji Waashingitan maxxansa piroofeesar Jeesikaa quba qabaachuusaa fi βwanta mudate qorachaa jiraβ jechuun himeera.
Dhimma kanarratti namoonni maal jedhan?
Dhugaa jiru himuun pirofeesar Jeesikaa namoota isaan beekan, barattoota, hiriyyoota akkasumas namoota ogummaasaanii keessa jiran haalan dallansiiseera.
Pirofeesar Jeesikaan sababa ammatti dhugaa jiru dubbataniif wanti ifa godhan hin jiru.
Barreessaan filmii Haarii Ziyaad βsababa irratti beekameefβ dhugaa jiru dubbachuu barbaadan jechuun waan itti dhagahame ibseera.
βJees Kiruugβ¦ hamma ganama kana naa bilbilanii maxxansi sun dhugaa taβuu natti himanitti nama hiriyyaa kiyya jedhu turan. Nama gaarii waan taβaniifii miti kan dhugaa dubbatan,β jechuun Tiwiitara irratti maxxanseera.
BarattuunYuunivarsiitii Joorji Waashiingitan kan taatee shamarreen ganna 21 Ariyaa Sakoonaa dhugaa dubbachuuf pirofeesar Jeesikaatti βbaayβee naheeraβ jechuun miirashee ibsiti.
Isheenis Wiixata dhufu pirofeesar Jeesikaa waliin barnoota seenaa Ameerikaa jalqabuuf akka jirtu ibsitee jirti.
βBarattoonni seenaa Laatiin barachuuf abdii guutuun yoo dhufan arguun baayβee onnee kiyya madeesseera,β jechuun βWashington Postβ himteetti.
βIsaan amannee turreβ jetti.