Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iskindir Naggaa Qaallitti kutaa duraan itti hidhamee turetti deebifame
Obbo Iskindir Naggaa fi Sintaayyoo Chakool mana amala sirreessaa asiin dura itti hidhamanii turan Qaallittitti jijjiiramuusaanii abukaatoonsaanii Obbo Heenook Akliiluu BBCβtti himaniiru.
Obbo Heenook akka jedhanitti isaaniin dabalataan namni biraa tokkos gara mana amala sirreessaa Qiliinxootti geeffamuu dubbataniiru.
Manni murtii oolmaa gaafa Qaammee shan ooleen Obbo Iskindir Naggaarratti himannaan waan banameef gara mana amala sirreessaatti akka galan taasifamuusaa Obbo Heenook ibsaniiru.
Kanarraa kaβuun bakka tursiisaa yeroo poolisii federaalaa jala jiruu; guyyaa kaleessaa gara mana amala sirreessaa Qaallittii geeffamuusaanii himaniiru.
Obbo Iskindir Naggaa erga gara mana amala sirreessaa Qaallittiitti geeffaman booda bakkaa fi kutaa asiin dura waggoota jahaaf itti hidhamanii turanitti hidhamuusaanii ibsuun, kutaa Waayit Haawus jedhamuun beekamutti galfamuusaanii BBCβtti himaniiru abukaatoonsaanii.
Oolmaa Mana Murtii Obbo Iskindir faβaa harβaa
Oolmaa mana murtii federaalaa olβaanaa ramaddii Araadaatiin harβa ooleen Obbo Iskindir Naggaa dabalatee namoonni afur mana murtiitti dhiyaachuusaanii abukaatoonsaanii Obbo Heenook ibsaniiru.
Dhaddacha guyyaa harβaatiin manni murtii himannaasaanii dubbisuuf kan beellamee ture yoo taβu,himannichis Obbo Iskindir faβaaf dubbifamuu himaniiru.
Erga himannaan dubbifamee fi yaadni kenname booda gama abukaatoowwaniin gaaffii wabii dhiyaachuusaa Obbo Heenook himaniiru.
Himannaan irratti dhiyaate mirga wabii kan isaan hin dhorkinedha kan jedhan Obbo Heenook, kanaan wal qabsiisanii mirgi wabii akka isaaniif eegamu gaafachuusaanii ibsaniiru.
Abbaan alangaa gamasaatiin mirgi wabiisaaniif eegamuu hin qabu jedheera kan jedhan Obbo Heenook, falmiin dhiyaate osoo Obbo Iskindir Naggaan faβaa hiikamanii nageenyummaa biyyaarratti rakkoo guddaa fidu, yoo bahanis yakka biraa raawwachuu waan dandaβaniif manni murtii mirga wabiisaanii eegsisuu hin qabu jechuun falmuusaa himaniiru.
Abuukaatoowwanii fi Obbo Iskindir Naggaa falmii kana kan morman yoo taβu, Obbo Iskindir paartiinsaanii βBaaldaraas Laβiwunatagnaa Dimookiraasiiβ paartii filannoo qabudha jechuun ibsuun filannoo itti aanurratti hirmaannaansaanii biyyattiif dimookiraasii fiduu keessatti baayβee barbaachisaa akka taβe dubbataniiru.
Keessumaayyuu filannichi ummata biratti amantii akka qabaatuuf isaan filannicharratti hirmaachuunsaanii barbaachisaa taβuusaa ibsaniiru.
Abbaan alangaa, isaan yoo hiikaman biyyi hokkora keessa galti kan jechuun mormus, βinumaayyuu biyyi ni tasgabooftiβ jechuun falmiisaanii dhiheessaniiru.
Obbo Sintaayyoo Chakool gamasaaniitiin Injiinar Taakkalaa Uumaa cinqitaniittu jedhamuusaanii ibsuun, isaan cinquunsaanii barbaachisaa akka ture himaniiru.
Himatamtoonni biroo hafan lamas himannaan isaan irratti baname sirrii miti jechuun mirgi wabiisaanii akka eegamuuf falmachuusaanii Obbo Heenook dubbataniiru.
Manni murtichaas falmii gama lamaan jiru erga dhaggeeffate booddee murtee kennuuf Fulbaana 12 bara 2013βtti beellama kenneera.