Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siidaan Artist Hacaaluu Hundeessaa bakka awwaalchaatti hojjetame eebbifame
Siidaan Artist Hacaaluu Hundeessaa bakka owwaalcha isaatti hojjetame guyyaa harβaa bakka maatiin, qondaaltonni mootummaafi dinqisifattoonni isaa argamanitti eebbifame.
Siidaan weellisaa baatii lama dura ajjeefame kan eebbifame yaadannoo guyyaa 80ffaa artistichaa sababa godhachuuni.
Eebba siidaa booda sagantaa mana maatii Hacaaluu qophaa'eerratti Pirezidantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaafi qondaaltonni MNO biroo argamaniiru.
Obbo Shimallis guyyaa har'aa siidaa yaadannoo Artist Hacaaluu Hundeessaafi Giddugala Aadaafi Seenaa Oromoo magaalaa Ambootti ijaaramuuf dhagaa bu'uuraa ka'aniiru.
'Giddugala goota keenyaa kana asitti ijaarruuf hojii gootaarraa sabni akka baratuufi,' jechuu isaanii Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa ibseera.
Gama kaaniin, Yunivarsiitiin Amboo kaampaasii isaa Awwaaroo maqaa Hacaaluu Hundeessaan moggaaseera.
Hacaaluun Waxabajjii 22 bara 2012 Magaalaa Finfinnee kan ajjeefame yoo taβu owwaalchi isaa Waxabajjii bultii 25, bara 2012 magaalaa Ambootti raawwate.
Siidaan isaa harβa eebbifame kan hojjetame bakka owwaalchi isaa itti raawwate bataskaana Iyyaasuusittidha.
Owwaalchi Hacaaluu baatii lama dura fedhii maatiin magaalaa Amboo bakka itti dhalatee guddateetti kan raawwate yoo taβu dinqisifattoonni isaa owwaalchi isaa Finfinnee akka taβu gaafatan turani.
Guyyaa har'aa sagantaa maatiin ala qondaaltonniifi dinqisifattoonni isa argamaniifi Tvβn OBN kallattiin dabarsaa tureen yeroo siidaan eebbifamu maatiifi dinqisifattoonni isaa booβaa turani.
Sagantaan eebba siidaa weellisaa kanaa barii kan eegale yoo taβu Abbootiin Amantaa kadhannaa gaggeessaniiru. Maatiifi qondaaltonnis siidaa eebbifame jala bissii abaaboo kaβaniiru.
Siidaan bakka eebbifametti dubbii kan taasisan abbaan Hacaaluu, Obbo Hundeessaa Boonsaa, kanneen gadda isaanii bira dhaabbatan galateeffataniiru.
ββWarri gaafa duβa mucaakootii jalqabe hamma harβaatti dhaabbattanii gaddakoo gadda keessan taasifattan booβakoo booβa keessan taasiftanii amma ammaatti jiraattan [turtan] galatoomaan jedha.ββ
Siidaa har'a eebbifamerratti gadda ishee kan ibsite jaalalleen ijoollummaa isaafi haati ijoollee isaa sadii Aadde Faantu Damissoo ''Haceen hin duune hin du'us seenaadhaa ol jira!'' jechuun ibsite.
Hacaaluun eenyudha?
Weellisaa Hacaaluun waggoottan 10 darban keessa wallee qabiyyee quuqqaa ummataa ibsan weellisuufi waaβee ummataa ifatti dubbachuun gurra horate.
Umrii isaa 36βtti duβuu isaa dura albama lama kan dalage yoo taβu albama sadaffaa qopheessaa akka ture kana dura dubbateera.
Walleewwan inni hojjete keessumaa mormii ummataa bulchiinsa Ministira Muummee Abiy Ahimad aangotti fide kan utubedha.
Keessumaa hojiin isaa Maalan Jiraa jedhuufi babalβachuu magaalaa Finfinneerratti sirbe dinqisifannaa hedduu kan argateefi kan jaallatame ture.
Sababa hojii isaan bulchiinsa MM Abiy dura aangoorra turen doorsisi irra gahaa akka ture dubbatee ture Hacaaluun.
Kana ibsuufis, ''Muuziqaan anaaf jireenyakooti. Firan itti horadhes diina itti horadhes,'' jedhee dubbate.
Sababa hojii isaan namoonni akka nama siyaasaatti isa fudhatanillee inni garuu turtii kana dura BBC waliin taasiseen kana mormeera.
Duβuu isaa dura turtii miidiyaa waliin yeroo garaa garaatti taasiseen magaalaa Finfinnee keessa kanneen isatti dhaadatan akka jiran ibsaa ture.
Haa taβu malee, sababni ajjeechaan isaa raawwateef ammallee hin beekamne.
Poolisiin akka ibsetti namoonni ajjeechaa isaan shakkaman 3 ajjeechaa raawwachuu isaanii amananiiru. Dhimmi isaaniifi shakkamtoota biroo toβatamanii mana murtiitti ilaalamaa jira.
Ajjeechaan isaa akkuma dhagahameen deeggartoonni isaa magaalota garaa garaatti argaman gadda isaanii ibsuuf daandiitti bahanii ture.
Haa ta'u malee, hookkarri dhalatee lammiileen 180'tti siqan lubbuu yoo dhaban namoota siyaasaa beekamoo dabalatee 9,000 ol kan ta'an hidhaa seenuun ni yaadatama.