Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Abbaan Alangaa Waliigalaa mana murtiitti dhiyaatanii akka gaafataman Obbo Jawaarfaan gaafatan
Manni Murtii Olaanaa Federaalaa himata Abbaan Alangaa Waliigalaa, Obbo Jawaar Mahaammadfaa namoota 24 irratti hundeesse harβa himatamtootaaf dubbiseera.
Manni murtichaa himatamtootni tokkoffaa hanga 15ffaa jiran walitti buβiinsi amantaa fi sabummaa buβuura godhate akka uummamu gochuun magaala Finfinneetti lubbuun namoota 13 darbuu, naannoo Oromiyaatti immoo lubbuun namoota 167 darbuu, namootni 360 irratti miidhaan qaamaa qaqqabuu fi qabeenyi birrii biiliyoona 4.6 olitti tilmaamamu irratti miidhaan akka qaqqabu taasisuu isaanii dubbiseera.
Kana malees meeshaa waraanaa heeyyama seeraa hin qabne qabatanii argamuu fi yakka burjaajii telekoomii dalaguu kunneen jedhanis dhimmoota qabiyyee himataa keessatti argamanidha.
Himatamtootni 18ffaa, 21ffaa, 6ffaa, 8ffaa, 9ffaa, 20ffaa fi 7ffaa afaan Amaaraa kan hin dhageenye taβuu isaatin himata irratti hundaaβe akka hin hubanne mana murtichaatti kan himan yemmuu taβu abukaatotni isaani immoo himata irratti hundaaβe mana sireessaatti isaan hubachiisuu akka dandaβan mana murtichaatti himaniiru.
Manni murtichaas abukaatootni maamiltoota isaanii mara guyyaa tokkof iddoo tokkotti argatanii akka mariβatan manni sirreesaaa haala akka mijeessu ajajeera.
βAbbaan Alangaa Waliigalaa mana murtiitti yaa dhiyaatanβ
Obbo Baqqalaa Garbaa fi Obbo Jawaar Mahaammad ibsi Abbaan Alangaa Waliigalaa Dr Geediyon Ximotiyos tibbana Waajjira Ministira Mummeetti miidiyaalef kennan mirga bilisa taβanii ilaallamuu isaanii kan sarbu fi lubbuu isaanifis yaaddoo kan uume taβuu mana murtiitti himatan.
βRagaaleen illee osoo nurratti hin dhagahamin angawootni siyaasaa keessattuu abbaan alangaa waliigalaa akka waan mana murtiitin nurratti murtaaβetti dubbatanβ kan jedhan Obbo Jawaar Mahaammad, haasaan Abbaan Alangaa Waliigalaa miidiyaalef taasisan lubbuu isaanif yaaddoo kan uume akka taβe himan.
βAbbaan Alangaa Waliigalaa finxaaleyyii, hookkara kan kaasnu fi nama akka ajjeesisnetti murteessaniiruβ jechuunis abbaan alangaa waliigalaa Dr Geediyon Ximotiyos mana murtiitti dhiyaatanii akka gaafataman Obbo Jawaar iyyatan.
Obbo Baqqalaa Garbaanis βAbbaan Alangaa Waliigalaa haala nuti ofirraa ittisuu hin dandeenye keessatti miidiyaalee biyya alaaf ibsa kennaniiru. Kunis bilisummaa abbaa alangaa gaafii keessa kan galchudhaβ jedhan.
Kanaafis Abbaan Alangaa Waliigalaa Dr Geediyoon, βas dhufanii gaafatamuu qabu. Hojiirraayis gaggeeffamuu qabuβ jechuun dubbatan.
Manni murtichaa gama isaatin Abbaan Alangaa Waliigalaa dhimmicharratti beellama itti aanutti barreeffamaan deebii akka kennan ajajeera.
Iyyatawwan fi ajaja mana murtiiβ¦
Dhaddacha harβaatin himatamtootni fi abukaatowwan isaanii akkasumas abbaan alangaa iyyatawwan adda addaa mana murtichaaf dhiyeessanii manni murtichaa ajaja irratti kenneera.
Himatamtootni harki isaanii cancalaan /kaateenaan/ hidhamee saβaa dheeraaf tursiifamuu isaanii fi akka irraa hiikkamuf gaafatnis didamuu isaanii akkasumas ganamaan ciree osoo hin nyaatin gara mana murtii akka dhufan taasifamuu isaanii iyyatanii kan turan yemmuu taβu manni murtichaa himatamtootni maalif cancalaan hidhamanii akka turan manni sirreessaa barreeffamaan deebii akka kennu manni murtichaa ajajeera.
Kana malees kana booda himatamtootni ganamaan gara mana murtiitti kan dhufan yoo taβe manni sirreessaa ciree mana murtiitti akka dhiyeessuf ajajameera.
Abukaatoowwan himatamtootaa βgaafii mirgaa Shamsaddin Xahaa ayyaana Irreechaa irratti argamuuf dhiyeesse akka raawwatamu ajajni nuf yaa kennamu. Kana malees himatamtootni uuffata aadaa akka seensifatan fi ayyaana Irreechaa mana sirreessaa keessattti walin akka kabajan yaa heyyamamuβ jechuun gaafataniiru.
Manni murtichaa gaafii Shamsaddin Xahaa ayyaana Irreechaa irratti argamee kabajuuf dhiyeesse kan kuffise yemmuu taβu himatamtootni garuu uuffatni aadaa seeneefii haala ayyaanni amantaalee biroo itti kabajamaa tureen ayyaana Irreechaa mana sirreessaa keessatti akka kabajanif haalli akka mijatu ajajeera.
Kana malees himatamtootni maatii biyya alaatii qaban tajaajila bilbilaa dhuunfaa isaaniitin akka argatan manni murtichaa ajajeera.
Gama biraatin abukaatoowwan himatamtootaa meeshaan barreeffamaa kompiitarri himatamtootaaf akka seenu fi yaada isaanii akka kataban yaa ajajamu,
Shamsaddin Xahaa reebicha wayita qabamutti irratti raawwatameen gurrisaa miidhamuu fi tajaajila yaalaa argachaa akka hin jirre abukaatoowwan himatamtootaa kan iyyatan yemmuu taβu Shamsaddin maalif tajaajila yaalaa akka hin argane manni sirreessaa akka ibsu fi harβuma tajaajila yaalaa akka argatu akka taasifamu manni murtichaa ajajeera.
Gama biraatin iddoo itti tursiifamaa jiranitti yaaddoo nageenyaa akka qaban qondaalli KFO Obbo Dajanee Xaafaa kan iyyatan yemmuu taβu dhimma kanarrattis manni sirreessaa deebiisaa barreeffamaan akka dhiyeessu manni murtichaa ajajeera.
Obbo Dajanee Xaafaa irratti kanaan dura himatni biraa irratti hundaaβee kan ture yemmuu taβu himatichi addaan cituusaa abbootin seeraa dhaddacha harβaatin himaniiru.
Gama biraatin abbaan alangaa Dajanee Guutamaa, Dr Birhaanamasqal Abbaba fi Tsaggaayee Raggaasaa irratti waamichi gaazexaa akka bahu ajajni akka kennamuuf kan gaafate yemmuu taβu manni murtichaas waamichi gaazexaa akka taasifamu ajajeera.
Dhummarattis himatamtootni/abukaatoowwan ittisa himataa Onkololeessa 23 bara 2013 gama kutaa βregistrarβ mana murtichaaf akka dhiyeessan fi abbaan alangaa immoo deebii isaa Sadaasa 18 bara 2013 gama dhaddachaan akka dhiyeessu manni murtichaa ajajeera.