Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp dhukkubsatee yoo pirezdaantummaa itti fufuu dadhabe maaltu uumama?
Filannoo Ameerikaa gaggeefamuuf torban muraasni wayita hafutti, gameessi pirezidaantummaaf dorgomaa jiran Doonald Tiraamp koronaavaayirasiin qabamaniiru. Kunimmoo maaltu uumamuu dandaβa kan jedhu irratti gaaffii hedduu kaaseera.
Duula pirezdaantummaa keessaa qophii isa kamirraa hafuu dandaβu?
Onkoloolessa 1 iirratti vaayirasichi irratti argamuu isaa booda Tiraamp guyyaa 10f qofaatti adda of baasuu qabu, kanaaf falmii pireezdaantummaa Onkololeessa 15 irratti gaggeefamuuf jiru irratti hirmaachuu dandaβu jechuudha.
Qophiin duula filannoo Jimaata Filooridaatti gaggeefamuuf ture haqameera. Konfiraansiin viidiyoo interneetaan angaβoonni gaggeessuuf turanis haqameera.
Tiraampi yeroo kana keessatti duula filannoo qopheesse adda addaa qabu ture, isaanis ni haqamu ykn guyyaa biraatti dabarfamu.
Haala akkamiin filannoon dabarfamuu dandaβa?
Yeroon adda of baasuu Tiraampi, dandeettii duula gaggeessuu isaa irratti dhibbaa ni qabaata.
Kanaaf filannoon dabarfamuu dandaβaa kan jedhuufi yoo dabarfame ammoo akkamiin kan jedhu irratti gaaffiin kaβeera.
Filannoon pireezdaantummaa US seeraan waggaa afur afuriin Kibxata jalqabaa Sadaasa irratti gaggeeffama- kanaaf bara kana Sadaasa 3 irra oola.
Guyyaa isaa geeddaruu kan dandaβan seera baastota US malee pirezdaantii miti.
Manni maree irratti filatee booda sagalee harka caalaa yoo argate qofadha guyyaan geeddaramuu kan dandaβu.
Kun ammoo waan fakkaatu miti , sababiin isaa mannii maree harki caalaan Demokraatotaan kan toβatame waan taβeefi.
Utuumaa geeddarameellee, yoos heerri US bulchiinsi pireezdaantii wagga afur qofa akka taβu eera.
Kanaaf, bulchiinsi Tiraamp Amajjii 20, 2021 dirqama nidhuma jechuudha.
Guyyaa kana geeddaruun heeraa jijjiruu gaafata.
Kun ammoo seera baastota US harka caalaan raggaasifamee, sana booda ammoo bulchiinsota US harka caaluunis mirkaanaβuu qaba -kun ammoo waan taβu miti.
Yoo Pirezdaanti Tiraampi sababa dhibee kanaan bulchuu dadhaban maaltu taβa?
Ammaaf Pirezdaanti Tiraampi mallattoo koronaavayirasii muraasa waan qabaniif hospitaala seenaniiru, garuu yoo dhukkubbiin itti cimee bulchuu dadhaban, heerri US wantoota taβuu dandaβan akkanaan kaaβa:
Qajeelfamni 25ffaa pireezdaantichi aangoo isaa itti anaa pireezdaantiitti dabarsuuf ni eeyyama.
Kana jechuun Maayik Peensi yeroof pirezdaantii taua jechudha, Tiraamp yemmuu dandamatan deebiβanii aangoo pirezdaantummaa fudhachuu dandaβu.
Yoo anngoo dabarsuufiyyuu hedduu dhukkubsatan ammoo, kaabineefi itti aanaan pirezdaantii itti fufuu akka hin dandeenye beeksisuun, Maayik Peensi aangoo fudhatu.
Yoo Maayik Peensis bulchuu hin dandeenye, seeraa aangoo dabarsuu Pireezdaanti jalatti af yaaβiin Mana Maree Ummataa -Demokraatota keessaa kan ta'an -Nansii Pelosii aangoo fudhachuu danda'u.
Taβus ogeessonni heeraa aangoo dabarsuun akkanaa burjaajii fi wal-dhibdee seeraa kaasuu dandaβa jedhu.
Yoo Afa-yaa'ittiin aangoo fudhachuu hin dandeenye ykn didan ammoo, senaatara olaanaa Rippaalikaa, kan amma Charlees E Girsilii ganna 87 taβe isaatti dabarfama.
Kunis rakkoo seeraa kaasuu mala.
Kanaan dura pirezdaantiin sababa dhibeen bulchuu dadhabee aangoo dabarse jiraa?
Bara 1985tti, yeroo Pireezdaanti Ronaald Riigan walβaansa baqaqsanii hodhuu kansariif hospitaala seenetti, itti aanaa isaa, joorji HW Buush yeroof bakka buusee ture.
Bara 2002 fi 2007tti Pireezdant Joorji W Buush yeroo walβaansaa irra turutti akkuuma kana itti gaafatamummaa itti aanaa isaaf dabarse ture.
Tiraamp yoo filannoo irratti hirmaachuu dadhabe, maqaa eenyuutu filannoof dhiyaata?
Yoo sababa wayiin, kadhimamaan paartii tokkoon akka kadhimaamaa pireezdaantumaa taβuuf filatame hojii isaana hojechuu dadhabe, adeemsonni taasifaman jiru.
Maayik Peensi itti gaafatmummaa pireezdaantummaa fudhachuu dandaβus, takkaa seeraan Tiraampiin waan filataniif kadhimamaa paartii Rippaablikaa taβuu dhiisuu dandaβa.
Qajeelfama paartichaa keessatti, miseensonni paartii Rippaablikaa 168 kidhamamaa pirezdaantii haaraa filatu, Maayik Peensiis filatamuu dandaβa.
Yoo Maayik Peensi filatame, itti aanaan haaraa isaaf ni filatama.
Kanaan dura paartiin Dimokraatotaas taβe Rippaablikaa kadhimaamaa takkaa filannoof filatan deebisanii geeddaranii hin beekani.
Sagaleewwan dursanii kennaman akkam taβu?
Kun rakkoo uumamuu dandaβudha jedhu ogeessotii, sababiin isaa kadhimamtoota paartiin beeksise irratti hundaaβuun sagaleewwan filannoo miiliyoonaan lakkaβaman karaa poostaan dursanii ergamaniiru.
Bulchiinsota tokko tokko keessatti ammoo fuulaa fuulatti sagalee kennuun dursee eegalameera.
Filannoon maqaama kadhimamtoota hojiicha dhiisaniin itti fufuu mala jedha, Yunivarsitii Kaaliforniyaa, Irvinitti, piroofessarri seeraa Riik Haseen.
Yoo hin dandeenye maqaan kadhimaamaa maaf hin geddaramu?
β Waanti feβe yoo uumame Pireezdaantri Tiraampi waraqaa sagalee kennuu irratti ni hafa,β jedha piroofasarri seeraafi ogeessi filannoo Richaardi Pildes.
Paartiin Rippaablikaa maqaa kadhimamaa geddaruuf ajaja mana murtii gaafachuu dandaβu, garuu dhugaan yoo ilaalame sanaaf yeroon jiru gaβaa miti jedha.