Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Fayyaa sammuu: Maatiiwwan Naajeriyaa maaliif ijoolleefi nama sammuun hubame hidhuu?
Oduun namooti maatii isaaniin waggaa hedduuf hidhamanii turuun dhagahamee lammilee Naajeriyaa kan naasise yoo taβu, waaβee hanqina kunuunsa dhibee sammuufi itti gaafatamummaa ofii dhiisuu maatii irratti hubannoo uumeera.
Gaβeessonni dhibee sammuu qabu jedhaman, koronyoo isaanii irratti bakka tokkotti sibiilaan hidhamanii, humnaan nyaata nyaachisamaa, achumatti rafaafi bobbaβaas utuu jiranii oolchamani.
Bulchiinsa Kaanoo keessatti namichii tokko gaaraajii maatii isaa keessatti waggaa torbaaf hidhamee tureera.
Dabalataanis daaβimmaan haadha buddeenaa ykn fira biratti guddatan hammeenyi irra gaβaa akka ture gabaafameera.
Dhiyeenya Fulbaana keessa bulchiinsa Kaanoo keessatti, daaβimni ganna torbaa mana keessatti hanga lubbuun isaa dabartuutti erga reebame booda, haati buddeenaa isaa toβannoo jala oolteetti.
Haati buuddeenaa kun hanga ammaatti himanni kan irratti hin dhiyaanne yoo taβu yaada ishees hin kennine.
Daβima mana lukkuu keessaa
Naayijeeriyaa keessatti daaβimman hedduun kan kunuunsa hin arganne taβus, dhiyeenya xiyyeeffannoon kaaba biyyattiirra jira.
Hagayya keessa bulchiinsa Kebbii keessatti daaβimni ganna 11 yeroo abbaafi haati buddeenaa isaa mana mijataa keessa jiraatanitti inni garuu mana lukkuu keessatti itti cufamee turuun isaa dhagaβameera.
Maatiin lamaanuu amma mana murtiitti himatamaniiru.
Suuraan daaβima kanaa hindaaqqoo qixxa lamaan qucuummatee taβuu agarsiisu namoota hedduu dheekkamsiiseera.
''Erga wanta Kebbii keessatti raawwatamee booda, namootni odeeffannoo nu kennuu eegalan,β jedhu Haruna Ayagi - hogganaan dhaabbata mirga namoomaaf falmuu Human Rights Network (HRN).
Dhaabbatni kun Hagayya keessa qofa bulchiinsa Kaanoo keessatti namoota 12 kan oolchan yoo taβu isaan keessaa torba ijoolleedha.
βWaanti nuti hubannee, daaβimman miidhaan irra gaβu, kan harmee isaanii waliin hin jiraannedha,β jedhu Harunaan.
Magaalaa gudditti Abuujaa keessatti, ijoolleen lama kan haati buddeenaa isaanii hanga hojiitii deebitutti mana fincaanii keessatti isaanitti cuftee ooltu jedhame olchamaniiru.
βReebamuu, gubamuu fi beeleffamuuβ
Haadholiin buddeenaa ijjoollee buddeenaa isaanii seeraan kunuunsan jiraatanis, suuraan daaβimman dararamanii hedduu wanta fiilmii irratti agarru fakkaata.
Gabaasa tokkoon Kaanoo keessatti daaβimni ganna torba haadha buddeenaa isheen reebamtee, gubamtee fi nyaata dhowwatamtee turuu ishee angaβoonni himaniiru.
Daaβima kanaafi ijoolleen biroo Kaanoo keessa oolchaman, amma manneen mootummaa keessatti walβaansaafi kunuunsa argachaa kan jiran yoo taβu, maatiifi guddiftoonni wanta akkanaa isaanirratti raawwatan tokko tokko toβannoo jala oolanis ammaaf himatni irratti hin banamne.
Seerri federaala bara 2003 mirga daaβimannii eeguuf baβe, yoo shakkiin daaβimman 'dararamaa ykn ammo kunuunsa dhabaa jiru taβeβ mootummaan akka maatii biraa isaan fuudhuuf mirga kenna.
Garuu Kaanoo dabalatee bulchiinsa kaaba biyyattii 11 keessatii seerri kun hin raggaasifamne. Sababni inni guddaan itti mormamees, daaβiimman kan jedhamu kanneen waggaa 18 gadii waan taβeef kun ammoo gaaβeela ijoollee barame waan dhorkuufi.
Musliimoonni tokko tokko dhiirri ykn durbi umurii saafelaa geenyaan gaβeessota waan taβaniif gaaβela dhaabbachuu dandaβu jedhanii amanu.
Ilaalchi akkanaa yeroo seerri kun bulchiinsota 11 kunneen keessatti hin raggaasifamiin hafetti, mootummaan yakka dararaa daaβimmanni gidduu galuu akka hin dandeenye itti cimsa.
Dabalataan ammoo aadaan hadha warraa tokko caalaa fuudhuu kaabatti beekamuufi abbaan manaa gaβeela Islaamaa isaa βsi hiikeeβ jechuun qofa waan hiikuu dandaβuuf, daaβimmaan hedduu haadha isaanii irraa adda baβu ykn ammoo mana isaan hin kunuunsine keessatti guddachuuf dirqamu.
βMirga namoomaa buβuuraa dagachuun ykn ammoo hammeenya irraa kan kaβe, daaβimman dararuun akka waan sirritti fudhatameera,β jetti hoggantuun dhaabbata mirga dubartootaafi daaβimmaniif falmu Wotclef, Imawobong Ladipo Sanusi.
Maalummaa βmirga namaa sarbuufi akkamiin gabaafama,β jedhu irratti leenjiin hubannoo akka kennamu barbaaddi.
Loogii dhibee sammuu qabaachuu
Namni ganna 30 tokkoo Kaanootti, akka ollonni jedhanitti dhibee sammuu waan qabuuf wagga torbaaf gaarajii maatii isaa keessatti hidhamee erga turee booda, yeroo argamuu seeraan deemuu hin dandaβu ture.
Miilli isaa jilba isaa dhiitaβe irratti jallatee turee, qaama isaa hedduu miidhamees baachuu hin dandaβu ture.
Gabaasa biraan Kaanoo keessatti, namni ganna 55 kutaa balbala fi foddaa hin qabne keessatti hidhamee argame. Miilli isaa tokko sibiilaan jirmatti hidhamee ture.
Waan dhibee sammuu qabuuf maatii isaatiin waggaa 30f hidhamee ture, boodarra gara hospitaala Rogotti geeffameera.
Waggootii hedduuf, Naayjeriyaan namoota dhibee sammuu qaban kunuunsuuf rakkachaa turtetti, sababni tokkos loogii isaan wal qabatee jirudha.
Hawaasa tokko tokko keessatti, dhibeen sammuu akka safuutti ilaalama, namni dhibee sammuu qabus ''maraatu'' jedhama, maatii irraan addaan cita, daandiirra uffata ciccitaa uffatee akka naannaβuufi koosii keessaa nyaata nyaachuuf dirqama.
''Wanti kaabatti argame wanta Naayjeeriyaa keessatti uumamaa jiru mulβisa. Rakkoon namoota dhibee sammuu qabanii hidhuufi dararuu rakkoo guutummaa biyyattii keessa jirudha,β jechuun hogganaan waldaa ogeessota xiinsammuu Dr Tayiwoo Lateef BBCtti himaniiru.
Hanga ammaatti ragaan namootni meeqa walβaansa akka barbaadan agarsiisu hin jiru. Garuu uummata miiliyoona 200 taβu keessatti ogeessoti xiinsammuu 300 gadi waan taβaniif maatiin gara wiirtulee walβaansa aadaa ykn ammoo mana amantaatti isaan geessu - Kiristaannis taβe Musliimni.
βNamootni hedduu dhibee sammuu rakkoo hafuuraa waliin waan wal qabsiisaniif, haafura hamaa kana keessaa baasuuf gargaarsa kan isaan barbaadan gaggeessitoota hafuuraa ykn walβaantota aadaa biraati,β jedha ogeessi xiinsammuu Dr Olusewun Ogunnubi.
Gabaasni Ministeera Fayyaa Naayjeeriyaan bara 2013tti gadhiifame, uummata biyyatti keessa %10 kan taβan dhibee xiinsammu barame qabu.
Akka WHOtti ammoo kanneen keessa %10 gaditu kunuunsaafi walβaansa isaan barbaachisu argate.
Hanqinni wiirtulee walβaansaa dhibee xiinsammuu eegumsa fayyaa keessatti rakkoo guddaa taβus, wiirtuuleen dhibee sammuu mootummaan gaggeeffamanii 15 gadi qofa biyyattii keessa jiraachuun isaa namootni hedduu tajaajila akka hin arganne taasiseera, keessumaa namoota baadiyyaa jiraataniif.
Garuu bakkuma wiirtuleen kun jiranittiyyuu, loogiin maatii ofii walβaansa akkanaaf geessuun walqabatee jiru maatiin akka hin deemne isaan godha.
''Namootni hedduu hubannoo sobaafi hamii dhibee sammuu waliin wal qabatee jiruuf jecha, hospitaala kana utuu seenanii namni akka isaan argu hin barbaadani,β jedha Dr Lateef
''Sababa loogiin namootni dhibicha haalaa jiraatu. Sababa jalqabummayyu akka bifa dhukkubaatti waan hin ilaalamneef, akkamiin dhibee sammuu qaba jedha namni?β jechuun gaafata.