Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Guuriin gurraa daawwitii fayyaa sammuu ta'uu quba qabduu?
Qorattoonni akka jedhanitti, guuriin gurraa daawwitii ykn agarsiiftuu fayyaa sammuu taβu qorattoonni akeekan.
Qorannoo namoota 37 gaggeeffame tokko akka agarsiisutti, waanti akka zayita fakkaatee gurraa keessaa maddu(guuriin) hormonii dhiphina kortisool jedhamuu safaruuf fayyada.
Barreessaan qorannoo kanaa Dr Adiriis Hiranii-Vives, qorannoon kun dhibeewwan sammuu akka mukaβuu faβaa adda baasuuf karaa fooyyee saaqa jedhan.
Ogessi kun qulqulleessituu otoo dibbee gurraa hin miidhiin qulquleessuuf fayyadu haaraas kalaqaniiru.
Hormooniin kortisool sammuun keenya dhiphinaaf deebii akka kennu dhaamsa akeekkachiisaa kan dabarsuu yoo taβu, hormoonii ββloli ykn baqadhuββ jechuudha.
Hormooniin kun dhaamsa akeekkachisaa wayita dabarsu sirna madinummaa qaamaa, bullaaβiinsa sorataa fi haala hirriba dabalatee, sirna qaamaa hundaarratti dhiibbaa uuma.
Haataβu malee, jeeqamu sammuu akka mukaβuufi dhiphinaan walqabaturratti qoodni qabu guutummaatti hin beekamu.
Dr Adiriis Hiranii-Vives ogeessi fayyaa sammuu yuunvarsiitii kolleejji Landan institiyuutii niiwuroosaayinsii akka himanitti, maaltu akka hamma horomoonii kortisooli dabaluu fi hirβisuu hubachuu barbaadanii qorannoo gaggeessan.
Ogeessi malli kun ogeeyyiin sakattaβiinsa fayyaa sammuu sirrii taβe akka gaggeessaniif kan gargaaruullee ibsan.
Dr Adiriis Hiraniin dhibee sirnaan adda baasuun, karaa walβaansa sirriin kennuuf barbaachisuu tokkicha akka taβe ibsan.
Kanaafuu namoota kamtu qoricha dhiphina hirβisan fayyadamuu qabu isa jedhu himuuf caalatti akka qorannoon kun fayidaa qabu ibsan.
Hamma horomooni kortisool dhiiga keessatti safaruun kan dandaβamu yoo taβu, yeroo murtaaβeef sadarkaa hormooniin irra jiru agarsiisuuf qofa fayyada.
Qorannoon dhiigaa ofuma isaatiifu garuu kan nama dhiphisu waan taβeef ragaa dogoggoraa yeroon itti agarsiisulle akka jiru kaasan.
Ogeessi kun hamma kortisoolii qajjisa ykn rifeensaa mataarra samuudda fudhatamuun safaruun akka dandaβamu baruuf qorannoo gaggeessaa turaniiru.
Qajjiisa mataa sm3 dheeressuu kanaa baruuf barbaachisa- namni hundi garuu rifeensa ammas dheeratu hin qabu.
Garuu amma hormoomii kortisooli guurii gurraa keessatti argamuutti caalatti amansiisaa taβuu ibsan.
Hammi hormoonii kortisool samuda qajjisa mataa caala guurii gurraa keessatti argamaa jedhan.
Dr Adiriis Hiranii-Vives akka himanitti, akkuma kannisni sukkaraa gagaa keessatti sukkaara kuufattutti, hormoonii fi waantonni biroos guurii gurraa keessatti akka kuufaman wal bira qabanii ibsaniiru.
Turtii yeroo dheeertuu keessatti malli kun hamma sukkaara dhiiga keessa jiruu fi farreen qaamota alagaa madaaluuf/safaruuf akka ooluu dandaβan ibsaniiru.