Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad (PhD) eenyuu?
MM Abiy mormii ummanni Oromoo taasiseen booda, Bitootessa 2018 gara angootti dhufan. Biyyattiin yeroo sanatti wal-waraansa waliiniitti ceβuuf xiqqootu hafe jedhamee ture.
Jijjiiramoota hedduus fidaniiru, gariin isaaniis waggoota muraasaan dura kan hin yaadamne turan.
Waggoota hedduufis, mootummaan Itoophiyaa mirga of-ibsuu ukkaamsuu, mormitoota hidhuufi hiriirota mormii humnaan bittinsuu irratti qeeqa dhaabbilee mirga namoomaa irraa itti dhiyaateef gurra hin kennu jedhamaa ture.
Sababa daangaatiin wal-dhabdee Ertiraa waliin qaban furuufis murtee komishiniin daangaa dabarse fudhachuufis rincicaa ture.
Suni hundi garuu Abiyyiin jijjiirame. Murtee dabarfame fudhatanii Ertiraa waliin nagaa buusan. Murtee seena qabeessa kanatu Badhaasa Noobeelii argamsiiseef ture.
βDiinotaβ hooggantoota isa dura turanitti harka diriirsuuf kutatanii waan kaβan fakkaatu ture.
MM Abiy erga aangootti bahanii waggaa tokko booda lubbuun abbaa isaanii darbe.
Abbaan isaanii af-gaaffii BBC waliin Adoolessa 2018 keessa taasisaniin, ββdaaβima hunda waliin michuu taβeβ,β jechuun ilma isaanii ibsanii turan.
Abiy Ahimad eenyu?
Seen-duubeen Abiy Ahimad akkaataa namoonni isaaniin itti ilaalaniif murteessaadha.
Biyyattiitti MM Oromoorraa dhufe isa duraati. Aangoo akka bahanif mormiin ummataa waggoota sadii taβuuf taasifameefi walitti buβiinsa qaamolee nageenyaa waliin uumameen lubbuu namoota kumaatamaa galaafateef utubaa ture.
Ummanni kunis sababni mormiif daandiitti baβeef, osoo lakkoofsaan guddaa taanee jirruu siyaasa, dinagdee fi aadaan hacuucamneerra jechuuni.
Abiy angootti gaafa dhufu, sun hunduu jijjiiramuu eegale.
MM Abiy paartilee ADWUI hundeessan keessaa tokko kan taβe DhDUO dura taβaa taβuun hooggananiiru.
Mudde 2019 keessa Abiy ADWUI dirree siyaasaa Itoophiyaa waggoota 30βtti dhiyaataniif toβatee ture diiguun paartii 'Badhaadhinaβ ijaarani. TPLF garuu keessa seenuu hin feene.
Namni ganna 44 Godina Jimmaa magaalaa Bashaashaa jedhamtutti maatii amantaa Kiristaanaafi Islaamaa qabanirraa dhalatan kun, 1980 keessa DhDUOβtti makamani.
Biyya mootummaan intarneeta irratti toβannoo cimaa itti taasisu keessatti Ejansii Nageenyaafi Netwoorkii Odeeffannoo (INSA) osoo hin hundeessin duras loltummaan gulantaawwan gurguddoorra darbuun Leetanaa Koleeneelummaarra gaβanii turani.
Sana boodas Ministira Saayinsiif Teeknooloojii taβani.
Yeroo kanatti dhaabbata telekoomii mootummaan toβatu gariin dhuunfaatti dabarsuuf waadaa seenanii jiru.
Waaβee Abiy Ahimad wantoota ijoo
Kibba Baha Itoophiyaa Bashaashaatti, Hagayya 15, 1976 Abbaa Oromoo Musliimaafi haadha Amaaraa Kiristaana taβanirraa dhalatani.
Dargaggoo xiqqoo osoo jiraniis 1990 keessa falmii Dargii kuffisuuf taasifame keessa seenani.
Dhimma nageenyaafi Tasgabbiin Yunivarsiitii Finfinneerraa Digirii sadaffaa kan argatan yoo taβu, Yunivarsiitii Giriinwiich Landanirraammoo hooggansaan diigrii maastarsii argataniiru.
Afaan oromoo, Amaariffa, fi Tigrinyaa sirriitti dubbatu, Ingiliffa dabalatee.
- 1995: Ruwaandaatti miseensa nagaa eegsiftuu UN taβuun tajaajilani
- 2007: INSA hundeessuun cinatti miseensa boordii Itiyoo Telekoom fi TV Itoophiyaa taβuun tajaajilani
- 2010: 2015βtti gara miseensa koree hoji raawwachiiftuutti osoo hin dhufin dura miseensa OPDO taβuun siyaasatti seenani.
- 2016: Ministira Saayinsiif Teeknooloojii taβuun yeroo muraasaaf dalagani
- 2018: Ministira Muummee taβani
- 2019: ADWUI gara paartii Biyyaalessaa Badhaadhinaatti jijjiirani
- 2019: Badhaasaa Noobeelii Nagaa injifatani
- 2020: Humnoota Tigraay irratti haleellaa waraanaa banuuf dirqamuu isaanii ibsani
- 2021 MM ta'uun waggaa shan Itoophiyaa akka gaggeessaniif paarlaamaa biyyattiin muudaman.
Badhaasa Noobeelii Nagaa
Waliigalteen Abiy Eertiraa waliin taasisan wal-dhabdee waraana daangaarraa 1998 mudateen booda ganna 20βf tureef xumura tolcheera.
Badhaasa Noobeelii Nagaa 100ffaa injifachuun Ooslootti sagantaa geggeeffameen Mudde 2019 badhaasicha fudhatan.
Haasawa sirnicharratti taasisaniin akkas jedhani:
"Waraana fiduuf namoota muraasatu barbaachisa. Nagaa fiduuf garuu ganda yookaan biyyatu barbaachisa.
''Anaaf nagaa fiduun akkuma mukkeen dhaabanii kununsuuti. Akkuma mukkeen guddachuuf bishaaniif biyyee gaarii barbaadanitti, nagaanis kutannoo asiif achi hin jenne, obsa dhuma hin qabneefi fedha gaarii buβaa irraa qooddatan barbaada. "
Erga badhaasicha fudhataniin boodas namoonni muraasni ββbuqqaβuufi duβaatii lammiilee Itoophiyaa hedduuββ maqaa dhaβuun badhaasicha harkaa akka fuudhamuuf mallattoodhaan duulani.
Koreen Badhaasa Noobeeliis ibsa baasuuf dirqame, ibsa kanaanis ββkorichi Kabajamoo MM Abiy Ahimadiif Badhaasa Noobeelii Nagaa kennuuf murtee dabarse hin jijjiirru,ββ jedhe.
Amma yoonaattis murteen kun akkuma raggaβetti argama.
Inumaayyuu koreen Nobeelii akkas jedhee ture ββDhugaa himuuf koreen Badhaasa Noobeelii erga siβa tokko Badhaasa Nagaa kennee booda haquuf hayyama hin qabu.ββ
Idaβamuu - 'Maddamar'
Jechi idaβamuu jedhu Abiy angootti erga baβanii afaan namootaa keessa tureera.
Jechi kun akka ilaalcha Abiyyitti rakkoolee biyyattii mudataniif furmaata fiduuf walitti dhufuu hiika jedhu qaba.
Erga kitaabni Idaβamuu Afaanota Amaaraafi Oromootiin maxxanee magaalota gurguddoo biyyattii keessatti eebbifamee kooppiin kumaatamni dhibba hedduun gurguramee booda ammoo, jechi kun daran beekame.
Kitaabichi ilaalcha isaanii boqonnaawwan 16βtti hiree fuula 280'n qophaa'e.
MM Abiy biyya sabummaan qoqqoodamtee sirreessuun tookkummaan akka dhaabattuufi heeddumminni akka kabajamu barbaadu.
Akka ilaalcha isaaniitti yaadni garagaraa inumaayyuu kan wal-faallessu gara tokkotti fiduun waliigaluun ni danda'ama. Dabalataanis, wantoota baraman diduurratti fuulleffata.
Mulβata siyaasaa isaaniis wal-gaβii Onkololeessa 2017 Naannoo Kibbaatti taasifame irratti ifa godhani.
"Filannoo tokko callaa qabna, innis tokkoomuudha. Wal gargaaruufi wal deeggaruu qofa osoo hin taane waliin jiraachuuf tokkoomuu. Filannoo inni kaan wal-ajjeesuudha,ββ jechuun dubbatani, Abiy.
"Garuu namni aqlii qabu kamuu kana hin filatu. Kanaafuu filannoon keenya wal-amanuun madaa walii fayyifnee biyya keenya guddisuuf waliin hojjachuudha."
Lola Tigraay
Lolli kan eegale Sadaasa 4, 2020 erga MM Abiy humnoota Tigraayitti argaman irratti haleellaa waraanaa ajajaniin boodadha.
Ajaja kana kan dabarsanis haleellaa kaampii waraanaa mootummaa federaalaa Tigraaytti argamu irratti raawwatameef deebii kennuuf akka taβe ibsuuni.
"Mootummaan federaalaa waraanatti seenuuf dirqameera," jedhani MM Abiy.
Wal-dhabdeen kun kan uumames jiβoota muraasaaf angaβoonni TPLF fi Abiy wal gaarreffachaa erga turanii boodadha.
Waldhibdee aangoo, filannoofi tarkaafiiwwan jijjirama siyaasaa fudhataman, dhimmoota ijoo gara rakkoo mudate kanaatti isaan fidedha.
TPLF waggoota 30βtti dhiyaataniif angoo toβatee ture. Abiy angootti yoo dhufanis isaaniin akka dhiibe himatu.
Abiy jijjiirama itti fufanis warri Tigraayi yoo didan, rakkoon siyaasaa mudachuu eegale.
Angaβoonni Tigraayi jijjiirama ariifataa Abiy fidan angoo dhuunfachuufi sirna federaalaa biyyattii diiguuf akka dhufetti ilaalu.
Dhiibbaa biyyoota naannoo irratti qabu
Ganna lamaaf walakkaa darbanitti Abiy dhimmoota ijoo naannawaa (Afriikaa bahaa) irratti jaarsummaan gumaata guddaa taasisaniiru.
Sudaanitti mormii guddaa taasifameen booda humnoota waraanaafi mormitoota mareef walitti fiduufi araarsuu keessatti gahee guddaa taphatani.
Mareen taasifame mootummaan ceβumsaa angoo qooddatu akka hundaaβuuf sababa taβe.
Walitti dhufeenyi Eertiraafi Jibuutii waggoota hedduuf booraβee ture akka qabbanaaβuufis shoora taphataniiru.
Abiy, Keeniyaafi Somaaliyaanis daangaa bishaaniirratti yoo wal-dhaban araarsuuf carraaqaniiru.
Sudaan Kibbaattis maree nagaa Saalvaa Kiir fi Riik Maachaar gidduutti taasifamaa ture irratti gadi fageenyaan hirmaataniiru.
Abiy oopireeshinii amma gaggeeffamaa jiru βseera kabachiisuufiβ jedhu. Yaalii humnoonni alaa jaarsummaaf taaβuuf taasisanis lakki jedhaniiru. Torbee kanattis βmarsaa dhumaaβ ooppereeshinichaa Maqaleetti akka geggeessan ibsani.
Buβaan waraanaa angawoota Tigraayi isaan βsaamtotaβ jedhanii waaman waliin taasifamu kun fuulduratti rakkoolee Itoophiyaa wal-xaxoo taβan akkaataa itti hiikuuf yaalan jijjiiruu dandaβa.
Jijjiiramaafi mulβata isaanii itti fufumoo tooftaa jijjiirratu laata?