Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartoonni appii sagantaa laguu agarsiisuun rakkataa jiru
Gaazexeessituu Orlaa Beeriin bilbilashee iphone irraa mallattoo βlaguun kee torbee sadii keessatti dhufa,ββ jedhu argatte jennaan dinqamteetu miidiyaa hawaasaa dhuunfaa isheerratti qoodde.
Ergaa guyyaansaa adda hin baane yoo argattu kun kan jalqabaa miti. Warri akkuma ishee isaan mudatee seenaa isaanii qooduu jalqaban.
Isheen tokko,ββlaguun kee guyyoota 56βn boodatti hafeera,ββ ergaa jedhu argatti.
Isheen kaan immoo,ββergaan na gahemmoo guyyoota sagalan dhufan keessatti argita,ββ jedha jetti.
Namichi tokko immoo saβatiin harkaasaa ammayyaa yeroo bitame sagantaa laguu agarsiisu waan qabuuf ββguyyaan laguu kee gaheeraββ jechuun akka itti himu dubbateera.
Appiiwwan kunneen rakkoon mudataa jira. Laguun yeroo hundumaa guyyaa wal-fakkaataatti hin dhufu. Garuu appiiwwan kunneen waan irraa eegamu hojjechaa jiru?
Hojiin inni salphaa, dubartoonni guyyaa laguun itti dhufee fi dhaabate appicharra galchu.
Appichimmoo odeeffannoo kanarratti hundaaβuudhaan guyyaan marsaa inni itti aanu yoom akka tahuu dandaβu shallaguun hima.
Haala kanaan appichi guyyoota ulfi itti uumamuu dandaβu itti agarsiisa.
Appiiwwan muraasni immoo hoβina qaamaa, haala hirribaa, dhukkubbii yeroo laguufi haala quunnamtii saalaa irratti hundaaβuun sagantaa kennu. Haa tahu malee warreen appiiwwan kunneen tolchaniin odeeffannoo kana dhimma biraaf itti fayyadamu yoo taheef yaaddoon jira.
Marsaan laguu dubartootaa sababii umrii, dhiphinaa fi jijjiiramuu hormooniidhaan guyyaansaa jiβaa jiβatti geeddaramuu mala.
Qorannoon saayinsaawaa bara 2018tti dubartoota 1000 irratti adeemsifame appiin isaan sagantaa laguuf fayyadaman, guyyaatti ulfi uumamuu dandaβu %21 qofa sirrii agarsiisa.
Kanuma keessa egaa appiin guyyaa laguu faana buβu namoota baayyeen faayidaarra oola. Kanaafimmoo sababiin:
Β· Yaalii daaβima argachuuf taasifamu
Β· Yaalii daaβima barbaaduu dhabuu
Β· Mallattoowwan dhukkubbii ovaarii ykn laguun dura jiru baruu
Β· Yeroo laguun dhaabbatutti jijiirama qaama irratti mulβatu baruu
Β· Guyyaa jilaa yookiin gaaβelaa yeroo laguun hin jiretti karoorsuuf akka isaan gargaaru faβiifi
Looraa Saayimal, Yunivarsiitii Istaanforditti baroonta doktarummaan booda jiru hordofaa jirti. Appiiwwan laguufi odeeffannoowwan isaan guuran qoβatti. Oomisha wal-fakkaataa haala garaagaraaf fayydamuun qaama rakkooti, keesumaa dubartiin tokko appii tokko sababa garaagaraaf fayyadamti taanaan jetti.
ββAppiiwwan muraasa qofatu muuxannoo marsaa laguu guutuuf kan qophaaβan,ββ jetti.
ββJalqabarratti, dubartiin tokko guyyaama laguunshee dhufu baruu barbaaddai taha, achiimmoo ulfaaβuu barbaadu, akkuma tasaa appiin itti gammadoo turan isaaniif hojjechuu dhaaba,ββ
ββYeroommoo ulfaaβan appiin isaanii kuni faayidaa hin qabaatu,appii sagantaa yeroo ulfaa agarsiisu qabaachuun dirqama taha.ββ
Laawuraan appiin tokko yeroo saalfattoo hanga yeroo laguu arguu dhaabanitti qajeelfama kennuufii qabaata jetti.
Haala appiiwwan amma jiran hojjatanirratti akeekkachiifni garagaraa jira.
Barreeffama bara darbe marsariitii irratti maxxanfameen Ameerikaa Seedaar Sinaayitti, ogeettiin qoricha wal-hormaataa Dr Jeesiikaa Chaan, appiiwwan laguu qofaa isaanitti namoota maatii dhaabuu barbaadaniif gahaa miti jetti.
ββNamni tokko guyyaa ulfi itti mudachuu dandaβuun qaamuma isaanirraa meeshaa kanaaf qophaaβan gargaaramuun yoo mirkaneessan malee, appiin kun tilmaama guyyaatti ulfaaβuu dandaβan,ββ itti hima.
Kana malees appiiwwan kunneen ulfaaβuu dhiisuudhaaf mallattoo gargaaru hin qaban jetti.
Appii Natural Cycles jedhamu qofatu Ameerikaa keessatti Abbaa Taayitaa Federaalaa Qorichaan kan eeyyama qabu.
Dubartoonni Natural Cycles fayyadaman hoβa qaamasaanii yeroo hunda appicharra galchuu qabu. Akkuma qoricha ulfa ittisuu, dubartoota 100 keessaa 93 appii kana fayyadaman hin ulfaaβan.
Reebeekaa Woodhaawus 2018tti ulfoofte appiin kun ni hojjeta jettee amanuushee himatti.
ββGuyyaan ani appii badaa kana jedhu jira,ββ jetti.
Natural Cycles kuusaa Guugil βPlay Storeβ irraa al 500,000 caalaa gad buufameera, fayyadamtoonni 14,336 tahan tajaajilasaaf urjii abbaa shanii kennaniif.
Dubartoota laguu argaa jiraniifi marsaan isaanii yeroo yerootti geeddaramu,mallattoos argaa jiran tajaajila appii kanaarratti komii akka qaban himatu.
Suu Chaarmaan Andarsan appii beekamaa Clue jedhamu fayyadamti: ββAppiin marsaa laguu koo jijjiiramu akkan salphaatti hordofuuf kan na gargaaru jiru dha,ββ jetti
Haa tahu malee mallattoowwan kanneen akka hoβa qaamaa baruuf ijaa hin gargaarreef gabatee waraqaa irratti qopheeffatteen akka hordoftu himti.
ββAppichi dubartoota ulfaaβuu barbaadaniif kan qophaaβe fakkaata, ani yeroon itti ulfaaβuu osoo hin taane marsaan laguu koo yeroo jijjiiramuun baruu fedha,ββ jetti
Clueβn haala wal-hormaataa gargaaruuf hanqina qabu ilaalchisee ibsa balβaa kenna haa tahu malee marsariitiisaa irratti laguun erga dhaabbatee mallattoo jiru hin himu.
Namoota umriinsaanii 45 fi isaa ol tahaniif mallattoowwan erga ulfi dhaabbatee booda jiraniif odeeffannoo ni kenna garuu akka gabaan barbaadutti hin qophoofne jedha dhaabichi.
Appiin kun fayyadamtoota miiliyoona 13 yoo qabaatu yaada namoota miiliyoona tokkoo ol kan argate yoo tahu baayyeen isaanii sadarkaasaa urjii shan kennuun agarsiisaniiru.
Appichi odeeffannoo fayyadamtoonni jiβoottan jahan dabaraniif kennan irratti hundaaβuun tajaajilicha akka kennu hima.
ββCleuβn kan saayinsiin deeggarame dha garuu appiiwwan oomishooti sadarkaa isaanii hin eegganne gabaa keessa waan jiraniif fayyadamtoonni tajaajila argataniin gammaduu dhiisuu dandaβu,ββ jetti dubbii himtuun dhaabichaa.
Laguu hordofuun waan haaraa miti dubartooni waggoota dheeraaf qalamaaf waraqaa fayyadamuun of gargaaraa turan.
Apponni isa kan duriirra fooyyee hin qabne baayyeetu jiru, jetti xiinxaltuun tarsiimoo Kaarolaayin Milaaneesii.
Gariin isaanii βhubannoo nam-tolcheeβ waan hin qabneef marsaa,marsaadhaan mallattoo keewwachuu caalaa waan fayyadan hin qaban jetti.
ββHennaa(Kaalendar) keerrattiyyuu guyyaa ykn jiβa laguun sitti dhuferraa kaastee yaadachiisa keewwachuu dandeessa,ββ jetti.