Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US fonqolcha Maayaanmaar hordofee biyyattiirra qoqqobbii akka keessu akeekkachiifte
Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan erga waraanni Maayaanmaar aangoo fudhateen booda biyyattiirra qoqqobbii akka kaaβan akeekkachiisan.
Waraanni Maayaanmaar Saan Suu Chii fi hoggantoota biroo filannoo waliin dhahaniiru jechuun toβannoo jala oolche.
Baayidan ββhumni waraanaa fedhii uummataa irra goruu ykn buβaa filannoo amanamaa haquu hin qabu,ββ jedhan.
Mootummooti Gamtoomanii fi UKβn illee fonqolcha mootummaa kana balaallefataniiru.
Ameerikaan Maayaanmaar waggoota kudhaniin asitti gama dimookiraasiin jijjiirama agarsiifteen qoqqobbii irraa kaastee turte. Baayidan, ββdimookiraasiin eessattiyyuu haleelamaa jira taanaan tiksuu qabna,ββ jedhan kanaanis qoqqoobbii kana duraa irra deebiin ilaaluu akka dandaβan himan.
Barreessaan olaanaa UN Antooniyoo Guuteerees tarkaanfii waraanni fudhate ββqilleensa haaromsa demookiraasii haaxaaβuβ jedhan. Yaaβiin nageenyaa dhaabichaas walgahii atattamaa waameera. UN namoota 45 hidhaman jedhe akka hiikaman gaafateera.
Ministirri Mummee UK Booris Joonasn immoo ββhidhaa seeraan alaaββ jechuun fonqolcha taasifame mormaniiru.
Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaas akkasuma balaallefataniiru.
Chaayinaan gama isheetiin gidduugaltummaa biyyoota biroo mormuun qaamoleen biyyattii gama hundaan jiran βgaraagarummaa isaaniif furmaata akka kennanβ gaafatte.
Biyyooti naannoo kanneen akka Kaamboodiyaa, Taayilaand fi Filiippiins βkuni dhimma keessooti,β jedhan
Maayaanmaaritti maaltu tahaa jira?
Waraanni daandiirra adeemuun toβannoo yoo taasisu, dhorkaa yeroo sochii dabalatee labsiin yeroo atattamaa waggaa tokkoof turus labsameera. Suu Chiin deeggartoonnishee fonqolcha kana akka morman gaafatteetti.
Xalayaa yeroo hidhamuuf qophaaβaa jirtu barreessiteen, tarkaanfiin humna waraanaa biyyattii bulchiinsa abbaa-irreetti deebisa jette.
Waraanni ministroota kaβan, kanneeen bakka buβan beeksiseera.
Magaalaa guddoo biyyattii Yaangoonitti namoonni demookiraasiin wareegamaniif jalaa fashalaaβuu himan.
Jiraantaan ganna 25 ββhirribaa gaafa kaatu addunyaan kee gaggalagalee argachuun unuuf waan haaraa miti garuu sadarkaa sana waan darbine seeβeen ture,ββ jedhe.
Maayaanmaar ykn Barmaa jedhamuun kan beekamtu hanga bara 2011tti humna waraanaan bulti ture haaromsa demookiraasii Saan Suu Chii dhaan taasifameetu bulchiinsicha sana goolabe.
Waggoota 15f hidhaarra kan dabarsite yoo tahu, akka addunyaatti mallattoo demookiraasii jedhamuun bara 1991tti badhaasa Noobeelii nagaa argatteetti.
Haa tahu malee Muusliimota Rooyingaa irratti tarkaanfii waraanni fudhachaa tureen maqaanshee akka gaariitti kaβaa hin turrre. Deeggartoonnishee duraanii kana balaallefachuu dhiisuusheen ishee himatu.