Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Haala Itoophiyaan keessa jirtuuf mariin biyyaalessaa barbaachisaadha' - Dr Awwal Aloo
Muddama siyaasaafi nageenyaa Itoophiyaa keessatti dhalate qabbaneessuuf mariin biyyaalessaa taaβamuun, waliigaltee biyyaalessaarra akka ga'amu paartileen mormitootaa Itoophiyaa keessa jiran waamicha dhiyeessaa jiru.
Hawaasni idiladdunyaas mootummaan Itoophiyaa marii biyyaalessaa 'hunda hammataa' akka gaggeessu gaafatu.
Ofii mariin biyyaalessaa maali? Haala amma jiruun mariin akkasii gaggeeffamuu danda'aa?
Yunivarsiitii Kiil UK argamutti kan barsiisan Dr Awwol Qaasim Aloo turtii BBC wajjin taasisaniin, dhimmoota kanaafi kaan irratti dubbisneerra.
Dr Awwal mariin biyyaalessaa ammatti maaliif akka barabaachiseefi dhiibbaan idil-addunyaa mootummaa Itoophiyaa dirqisiisuun mariitti galchuu dandaβa dhimma jedhurratti yaada kaasaniiru.
Mariin biyyaaleessaa maali?
Marii Biyyaalessaa jechuun, humnoonni siyaasaa fi qaamoleen adda addaa wal gahanii haala biyyaarratti waliin mari'achuudhaan kallattii kamitti deemu akka qaban, maaltu biyyaaf mala dhimma jedhurratti walii galuudha. Gaafas biyyi waliigaltee ummataarratti hundoofti jedhan.
Waliigalticha hojiirra oolchuun yoo dadhabame garuu biyyattiin nagaa argachuun shakkisiisaa taβuu akeekkachisan Dr Awwal.
Mariin maalif ammatti barbaachise?
Mariin biyyaaleessaa ammatti maaliif ni barbaachisa jedhanii akka amanan Dr Awwal wayita ibsan, waliigalteen siyaasaa heera keessatti tumame hojiin ala taβee waan jiruufi jedhan.
''Humnoonni adda addaa biyyattii keessa sochoβan heera biyyattii hin kabajani, kabajuu qabna jedhanii dhiibbaa gochaas hin jirani,ββ jedhu. Akka Dr Awwal jedhanitti, heerri bara 1991-1995 tumame hojiirra oolaa hin jiru.
Qaamoleen rakkoolee biyyattii karaa humnaan furuuf sochoβaa jiraachuu eeru.
Itti dabaluun, Itoophiyaan sirna akkamiin buluu akka qabduufi hireen federaaliizimii amma jiru maal taβa dhimma jedhurratti waliigalteen dhabamuu kaasan. Mootummaan ofisaatiif heera kabajaa akka hin jirres qeeqan.
''Mootummaan biyya bulchus heera aangoo kenneef akka heeraatti fudhataa hin jirus,ββ jedhaniiru.
Mariiin biyyaaleessaa yoo hin taa'amne maaltu dhalata?
Mariin biyyaalessaa yoo hin godhamiin hafe walitti buβiinsi biyyattii keessa jiru itti fufa jedhanii yaadu Dr Awwal.
Marii taaβuu dhiisuun rakkoo biyyattii keessa jiru daran akka itti fufsiisu ibsan.
Mariin biyyooleessaa yoo gaggeeffame eenyu maal dhaba?
Paartileen mormitootaa gariin mariin biyyaalessaa akka taβaamu barbaadu, mootummaan garuu filannnoon akka gaggeeffamu barbaada.
Dr. Awwal mootummaan biyya bulchu marii biyyaaleessaarraa buβaan argadha jedhee akka hin yaadne kaasu. Hiree filannoo argachuu barbaadan marii biyyaalessaa gaggeeffamuun dhabuu malu.
Kanaafuu dantaan warra biyya bulchaa jiruu fi daantaan biyyattii wal hin gitu jedhan.
Rakkoo biyyattii furuuf humnoonni biyyattii keessa jiran otoo walii galanii rakkoon hiikamuu dandaβa jedhanii akka amanan ibsani.
Mariin taaβamuu ilaaachisee garuu ammatti wanti irratti walii galan beekuun rakkisaa akka taβe kaasan.
Mariin humnoota biyyattii gidduutti gaggeeffamu rakkisaa taβuu akka malus eeraniiru, Dr Awwal.
Qaamoleen idil-addunyaa mootummaa Itoophiyaa dirqisiisuu danda'uu?
Dr Awwal, mootummaan tokko mootummaa kaan dirqisiisuu akka hin dandeenye kaasuun eegalani.
Mootummaan Itoophiyaa wanta biyyoonni kun gaafatan akka raawwatu dirqisiisuuf garuu gargaarsa irraa kutuu malu.
ββGargaarsa karaa dippiloomaasii, tikaa fi dinagdeen itti kennan irraa dhaabuu malu.ββ
Ameerikaa fi biyyoonni Awurooppaa hariiroo Itoophiyaa wajjin qabu. Itoophiyaan deeggarsa humnoota kanarratti hirkatti jedhani.
Kanaafuu sadarkaa idil-addunyaatti mootummaarratti dhiibbaa uumuu ni dandaβu.
Dhiibbaan uumamu, mootummaan Itoophiyaa dhiibbaa sana qolachuuf hangam qophii akka taβeerratti hundaaβa jechuun, gosoonni dhiibbaa taasifamaniis, haasawa taasisuu, qeequu, qeeqa bira darbuunis gargaarsa irraa dhaabuu dabalata, akka yaada isaaniitti.
''Hanga ammaatti garuu dhiibbaa guddaatu mootummaa Itoophiyaarratti godhamaa jira, mootummaan Itoophiyaas ofirraa faccisuutti jira,ββ jedhani.
Ameerikaan haala qabatamaa Gaanfa Afriikaa, keessaattuu kan Itoophiyaa kessaa jiru hordofuuf, tibbana ergama addaa muuduun ni yaadatama.