Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namicha sagantaarratti 'na affeeruu diddan' jedhe namoota jaha ajjeese
Dilbata darbe sagantaa kabajaa guyyaa dhalootaa irratti namichi namoota jaβa ajjeesee sagantichatti hin affeeramiin hafuu isaatiin aaree akka taβe qondaaltonni Koloraadoo himan.
Tiyodoroo Maasiyaas nama ganna 28 yoo ta'u, jaalallee isaa ganna 28 Sandiraa Ibarra-Pereez fi firoota shan rasaasan erga ajjeesee booda of ajjeesuu isaa poolisiin himeera.
Haleellaan kun kan raawwate Dilbata Koloraadoo Ispiriingisiitti Paarkii keessattidha.
Sagantichi firoota sadiif kan qophaaβe kan ture yoo taβu, isaan keessa lama ajjeefamaniiru.
Namichi kun torban tokko dura maatii miidhaman kana waliin sagantaa biraa irratti β'waldhabeeβ akka tureefi jaallallee hinaaffaa qabu taβuusaa poolisiin ibseera.
''Gochaa hamaa kana duuba rakkoo maatiitu jira,'' jechuun hogganaan poolisii Viinsi Niski Kibxata ibsa miidiyaaleef kenneen ibseera.
''Sagaantaa maatii kanatti yemmuu hin affeeramiin hafe, shakkamaan kun dhukaasaa bane,'' jedha.
Namichi kun ''rakkoo of toβachuu dhabuu fi aangoo akka qabu agarsiisa'' jalallee isaa waliinis wagga tokkoof waliin turani jedha. Kana dura Maasiyaas yakka raawwate hin beeku.
Dargaggoonni sadii haleellichi raawwachuu isaa daqiiqa muraasa dura sagantichaa baβanii miβaa fudhuuf oollaa deemanii kan turan yoo taβu erga haleellaan kun rawwaatee booda deebiβani jechuun qondaalli poolisii Joo Firabile ibseera.
Ijoolleen sadii umurii ganna lama, shan fi 11 haleellicha ijaan kan argan taβus miidhaan akka irra hin geenye poolisiin ibseera.
Akka poolisiin jedhutti shugguxiin namni kun haleellaa ittiin raawwate karaa seeraan kan dhuunfatamee miti.
Dilbata ibsa kennaniin bulchaan Koloraadoo Jaareed poolis βhaleellaa hamaaβ kana balaaleffachuun, gochi kun kan wawwaate βguyyaa itti hedduun keenya dubartoota jireenya keessatti nama nuti harβa taane nu godhan itti kabajaa jiru irrattidhaβ jedhaniiru.
Dilbata Caamsa 9, Guyyaa Hadhoolii jedhamuun addunyaatti guyyaa kabajamu ture.
Kutaadhuma bulchiinsa sanaa kan taate magaalaa Bulder keessatti ji'a lama dura haleellaan lubbuu namoota 10 galaafate dukkaana tokko keessatti gaggeeffamee ture. Shakkamaan sun to'annoo jala oolfamee, yakka ajjeechaa namoota 10niitiin himatameera.