Namoonni tokko tokko uummata fuulduratti dubbachuu 'du’a caalaa' maaliif sodaatu?

Nama fuulduratti bahanii haasaa taasisuun namoota baay'eef waan akka malee sodaachisudha - tokko tokko 'du'a caalaa sodaatu'.

Itoophiyaatti jiraattuu magaalaa Hoolataa kan tahan Aadde Guddoo Taaddasaan, uummata fuulduratti bahanii haasa’uu akka sodaatan himu: ''Afooshaa irrattillee takkaa haasa’ee hin beeku,'' jedhu.

Kana boodas nama duratti haasa’uun dirqama yoo tahe malee dubbachuu akka hin feene dubbatu. ‘'Saba fuulduratti bahanii haasa’uun muuxannoo guddaa waan gaafatudha,’’ jedhu.

Qorannoo UK’tti geggeeffame tokkoon daawwattoota fuulduratti dubbachuu, du’a caalaa akka sodaatan namoota gaafataman keessaa harka 41 kanneen tahan himaniiru.

Bu’aan qorannichaa waltajjii yookiin nama fuuduratti dubbachuun battala sanatti du’a fagoo jira jedhanii yaadan caalaa namoota akka sodaachisu agarsiisa.

Geerii Loofmaan, Biraayitan Ingilaanditti ogeessa xiinsammuu hojii (occupational Psychologist) yoo tahan, ‘’sodaan nama fuulduratti dubbachuu kan uumamaan nu keessa jiru yoo tahu, namoota haaraa fuuldura gaafa taanu sammuun keenyi battalatti haasaa taasisuun waan gaariifi gocha nama badhaasurra kan sodaachisu akka tahetti nutti hima,’’ jedhu.

Yeroo kana ‘’loli ykn baqadhu’’ nuun jedha. Sababii kanaan hormooniin adreenaaliin jedhamu qaama keenya keessatti ijaa faca’uuf, onneen keenyi dhikkisa dabalti.

Baqachuu yoo filatte gaarii dha, garuu yoo dhaabbattee dubbachuu itti fufte annisaan akka malee si keessa guute kun, kokkee si qabee fuulli kee gubuufi dafquufaa dandeessa jedhu ogeessichi.

Jeeneet Neelsan immoo hoggantuu shaakallii sagalee Tiyaatira Biyyaalessaa Biriiteen yoo taatu, kitaaba haasaa foyyeessuuf gargaaru "The Voice Exercise Book" jedhamus barreessiteetti. Namoonni taatoo hin taane, ‘’barreeffama tiyaatiraa dubbisuu shaakalaa yeroo jettuunillee baayyee sodaatu,’’ jetti.

‘’Sagaleen kee waan dhuunfaa keeti. Seenaa kee hima, akkuma wantoota biroo. Kanaaf namoonni sagalee isaanii shakkuu fi ittiin qaana’uufaa danda’u,’’ jetti.

Namoonni badaa dhimma itti kennuu baatanis, uummata fuulduratti dubbachuun hojii garaagaraa argachuu keessatti barbaachisaa tahaa jira.

Bu’aa piroojektii tokkoo dhiyeessuu, walgahii guddaarratti dubbachuufi waa’ee ogummaa ofii haasaa dhiyeessuu fa’iif murteessaadha.

Warreen hogganoota tahaniif immoo namoota fuulduratti haasaa taasisuun qaama hojii isaanii isa guddaadha. Tahus gama kanaan leenjiin gahaa tahe yeroo kennamu hin mul’atu.

Istiiv Taappiin hogganoota dhaabota garaagaraa addunyaa waliin hojjeta. Dhaabonni kunneen leenjii dandeettii uummata fuuldurattii haasa’uu hojjettoota isaanii fooyyeessu kennuu qabu jedha.

''Leenjii sirrii tahetu nama fuulduratti dubbachuuf akka ija jabaatan isaan godha. Kana malees of akka tahan isaan gargaara,’’ jedha.

Dandeettii namoota fuulduratti dubbachuu keessan foyyessuuf:

Jeeneet Neelsan namoota fuulduratti haasa’uu fooyyessuuf kanneen armaan gadii gorsiti:

  • Sochii qaama keetii hubadhu, akkaataa itti dhaabbattu, mataafi morma kee roga kamiin akka cabsite, harka kee iddoon keessefaa nama si daawwatuuf akka ati sodaataa hin jirre ergaa dabarsaaf.
  • Haasaa taasisuukeen dura shaakala qaamaa kana al lamaan sadan tokko hojjedhu - gateettii kee ol gara gurra keetti kaasiitii deebisii gad-buusi.
  • Dogoggora baramaa yeroo haasaa jalqabdu iyyitee boodarra sagaleen kee akka hin badneef, waltajjiin duubatti akka nama hafuura baafachaa jirutti of yaadi, qilleensa fudhadhuutii baasi. Kunimmoo kutaa keessa jirtu hunda akka ilaaltu si gargaara, dudduuballee otoo hin hafiin.
  • Sagalee kee waraabiitii dhaggeeffadhu, daawwitii fuulduratti yookiin immoo hiriyyaa kee gaarii waamiitii, yeroo haasoftu waan fakkaattu gaafadhuun.

Andriiw Peen hogganaa teleekoomii Awustiraaliyaa kan tahe waggoota muraasa duradha. Peen nama barnoota sadarkaa lammataa hin xumuriin hafe ture, hoggansa kanarra kan gahe boodarra hojii otoo hojjetuu of barsiiseeti.

Guddina dhuunfaa isaaf dursa akka kennu dubbata, kunimmoo dandeettii waliigaltee dabalata jedha.

Waggoota 12f hojii keessatti yeroo dabarsetti halkanii fi guyyaa hojjechaa baratee, barnoota sadarkaa lammataa xumuree bulchiinsa daldalaan digrii lammataa argateera.

''Namoota waliin waliigaluu danda’uun dandeettii bara ammayyaa kana keessatti barbaachisudha,’’ jedha.

Hoggantoonni hundi haasaa yookaan dubbii isaanii fooyyessuu irratti hojjechuu qabu jedha.

'Of tahi'

‘’Yeroo hogganaa taatu mul’ataafi tarsiimookee sirnaan hin ibsitu taanaan, qaamota deeggarsa barbaaddurraa argachuu dhiisuu dandeessa,’’ jedha Peen.

Gama biraan hundeessaan Varjiin Giruup Sar Riichaard Biraansan namoota fuulduratti yeroo baayyee haasaa kan taasisu yoo tahu, akka malee of qixeessuufi of qopheessuunis sirrii akka hin taane akeekkachiisa.

''Namoonni nama akka isaaniitti haasa’uu barbaadu. Warreen haasaa waltajjiidhaaf leenjifaman hin barbaadan,‘’ jedha.

Ijoolleensaa namatti gad-bahanii dubbachuun yoo isaan barbaachise ‘of tahaa’ jedheen itti hima jedha.

Daawwataa isin fuuldura jiru akkuma maatii waliin teessanii haasoftaniitti lakkaa’aan jedhaani jedha.

Dimshaashatti, Jeeneet haasaa uummata fuulduratti taasisuun ofii kee waliin hangam akka waliigaltu dhimma calaqqisu dha jetti. Of beekta taanaan yeroo waltajjii irratti dhaabbattu yaadakee tooraan keewwachuuf salphaa siif taha jechuun ibsiti.

Gorsi baramaa tokko garuu irraanfatamuu hin qabu jetti - ‘practice makes perfect’ ‘’shaakkalliin dogoggorarraa si oolcha''. gargaara.

''Afaanumaan kana gochuu hin dadhabu, nan danda’a jechuun hin baasu,’’ jetti.

Sagalee kee teeknika garaagaraa fayyadamuun leenjisuu qabda. Amala qaamakee baruufis akkasuma of wajjiin waliigaluufi shaakaluun murteessaadha jetti.

Ogeessi xiinsammuu hojii Geerii Loofmaanis akkasuma haasaa hojii garaagaraa gochuun dura of qopheessuu jajjabeessu.

Kanas kutaa haasaa itti dhiyeessinu sammuu keenya keessatti fakkii kaasuufi xiyyeeffannoo keenya ofirratti otoo hin taane, ergaa darbu irratti akka taasisnu gorsu.

Akka muuxannoon gaarii namoota kaanii himuttis, jechoota lamaan sadan seensa dubbii keenyaarratti kaasuu barbaannu sammuutti yoo qabanne haasaa keenya nuu salphisa jedhan.