Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan: Sirna addaa Iraan keessatti aangoon ittiin qabatamuufi biyyattiin ittiin gaggeeffamtu
Sirni siyaasaa Iraan waxaxaafi adda yoo taβu, qabiyyee barsiisa Islaamummaa jabanaafi dimokiraasii hammayyaa of keessatti hammate qaba.
Neetiworkiin jaarmiyaalee filannoo kanneen hojiilee Hogganaa Olaanaa biyyattii, kan Pirezidantiifi paarlaamaa uummataan filatameen toβatamu.
Akkaataan sirni siyaasa Iraan hojjjatuufi eenyu akka aangoo qabatummoo asii argattu.
Hogganaa Olaanaa Iraan
Hogganaan Olaanaan Iraan, nama biyyattii keessatti aangoo hundaa ol cimaa of harkaa qabudha.
Erga warraaqsa Islaamummaa (Islamic Revolution) gaggeeffamuun bara 1979 aangoo qabatee asitti Iraan Hoggantoota Olaanoo lama qofa horatte.
Isaaniis Aayatollah Ruhollaah Komahinii fi hogganaa Ayatollaa Alii Kameniidha.
Bulchiinsa Shah Mohaammed Reza Pahlavi aangoorra buufamuu hordofuun Komahiniin caasseffama siyaasaa olaanaarra taaβaan.
Hogganaan Olaanaan Iraan ajajaa olaanaa waraanaa biyyattii fi tikaas ni toβatu.
Hogganaan Olaanaatu nama mana murtii biyyatti hoogganu, gartokkee miseensota koree eegumsaa (Guardian Council), hooggantoota kadhannaa Jumaβaa dursan, akkasumallee hooggantoota buufatalee TV fi raadiyoo mootummaa biyyattii kanneen hogganaan muuda.
Kana malees, faawundeeshiniin gargaarsaa maqaa Hoggaanaa Olaanaa biyyattiin hundaaβe dinagdee Iraan harka caalu toβata.
Hogganaa olaanaan Iraan Komehiniin bara 1989 duβuu isaanii hordofuudhaan ture Ayatolaah Kamenihiin kan muudaman.
Aangootti cichuun isaanii maddiitti rakkoolee sirna bulchiinsa biyyattii humnaan ukkaamsuun beekamu.
Pirezidantii Iraan
Pirezidantiin Iraan ganna afur, afuriin filatama. Taatulleen marroo lamaa ol walitti aansuun tajaajiluun hin eeyyamamuufi.
Heerrii biyyattii pirezidantin, nama biyyattii keessatti aangoo olaanaa qabachuun sadarkaa lamaffaarra jiru taβudha ibsa.
Pirezidantiin damee hojii raawwachiftuu mootummaa kan dursu wayita taβu, heerri biyyattii akka hojiirra ooluf itti gaafatamummaa qaba.
Kana malees imaammata biyya keessaaf alaarratti dhiibbaa uumuu qooda dandeessissu qaba.
Taatullee dhimma Iraan ilaallatu kamirrattu murtoo xumuraa kan dabarsuu hogganaa olaanaa biyyattiiti. Jiβa kana keessa lammileen Iraan nama pirezedanti Hasan Rohaanii bakka buβu filataniiru.
Haaluma kanaanis qondaalli siyaasaa gameessi Ibraahim Rahisii filannoo Pirezedantummaa Iraan injifachun Sambata himame.
Rohaaniin, hogganaa amantaa filannoorratti sagalee wayya'a argachuun marroo lamaaf pirezedantummaan Iraan bulchaniidha.
Marroo lachuu filannoo marsaa jalqabaarratti sagalee% 50 caalu argachuun morkii marsaa itti aanu akka hin gaggeeffamne hambiseera.
Kaadhimamoota pirezidantii taβuun kan dandaβamu garuu yoo Koreen eegduu biyyatti(Guardian Council) kan barsiistota amantaa 12 fi ogeeyyii seeraa of keessa qabu mirkaneesse qofaadha.
Filannoo jiβa kana keessa filatamuuf kadhiimatoota pirezedantummaaf galmaβaan 590 keessaa 7 qofaaf dorgomuu eeyyaman. Jara torban kana keessa garuu dubartiin tokkollee hin jirtu.
Paarlaamaa Iraan
Paarlamaa Iraan miseensota 290 kan qabu yoo taβu, Majilisa jedhanii waamu. Majilisni ganna afur afuriin hawaasaan filatamu.
Paarlaamaan seera baasa (tuma), baajata biyyattii mirkaneessuuf dhiisu ni dandaβa. Kana malees, pirezidantiifi ministeerota biyyattii waamanii gaaffii dhiyeessuu hanga aangoorra buusuullee ni dandaβu.
Haataβu malee, seerri paarlamaan biyyattii tume hundi Koree eegduu biyyattiin mirkaneeffamu qaba. Filannoo paarlamaa biyyattiin bara 2020 gaggeessite booda paartileen ilaalcha fiixe tokkicha qofatti cichan infannoo guddaa gonfatan.
Koreen eegduu biyyatti kaadhimamtoota jijjiramni biyyatti keessatti akka jiraatu barbaadanifi ilaalcha giddugaleessa qaban wajjiin kaadhimatoota taβu kanneen dandaβan 7,000 filannoorraa haqe ture.
Mana marree Eegduu Iraan (Guardian Council)
Mana maree Eegduu Iraan qaama biyyatti keessatti dhiibbaa uumuu dandaβu. Seera Paarlaamaa biyyattiin baaste raggaasisuufi jijjiruuf aangoo qaba.
Kana malees, kaadhimtoonni paarlaamaa keessatti akka hin dorgomne dhorkus ni dandaβa.
Koreen kun barsiisota amantii hogganaa olaanaa biyyattiin mudaman qaba. Kana malee, ogeeyyii seeraa jaha qaamni seera hiiku muudee paarlaamaan mirkaneesse qaba.
Miseensonni Koree kanaa ganna jahaaf kan filaman yoo taβu, miseensonni walakkaan isaanii waggaa sadi sadiin geeddaramu.
Amma Koree kun namoota ejjannoo siyaasa tokkichatti cichaniin guutameera, isaan keessa walitti qabaan Koree kanaa Ayatolla Ahimad Jannatii jedhamu.
Yaaβii Ogeeyyii (Assembly of Experts)
Yaaβiin Ogeeyyii qaama beektoota amantii Islaamaa 88 qabudha.
Yaaβiin kun hogganaa olaanaa biyyattii muuduufi gaβuumsa isaa toβachuuf aangoo qaba. Yoo dirqama isaarraa eegamu bahuu dadhabe aangoorraa buusuu ni dandaβa.
Amma yoonaatti murtoo hogganaa olaanaa biyyattii garuu danquu dhabanis, hogganaan olaanaa Iraan Ayatollah Kamenii, maanguddoon ganna 82 dhukkubsatan kanatti Yaaβiin Ogeeyyii qaama biyyattiif murteessaadha.
Hogganaa olaanaan biyyatti tarii ni duβumoo aangoorraa buufamu dhimma jedhu filannoo iccitiin gaggeeffamuun namni bakka buβu muudama.
Miseensa yaaβichaa filannoon ganna saddet, saddeetiin gaggeefamuun filatamu. Filannoo dhiyootti kan gaggeeffame bara 2016 ture.
Yeroo sanatti warreen jijjiramni biyyattii keessatti akka jiraatu barbaadan fi ilaalcha siyaasaa giddugaleessa qabu jedhaman teessoo %60 injifatti dhiyaatu injifata. Yaaβii sana dura turerratti garuu %25 gadi injifatanii turan.
Kaawunsilii Mijannaa (Expediency Council)
Kawunsiliin kun hogganaa olaanaa biyyattii kan gorsu wayita taβu, wayita seerarratti waldhabbiin paarlaamafi Koree Eeegdota biyyattii gidduutti dhalatu aangoo murteessuu qaba.
Hogganaa olaanaan biyyattii miseensota 45 kan muudu wayita taβu, abbootii amantaa bebbeekamoo, hawaasa keessaafi namoota siyaasaa bebbekamoo keessaa filatamu.
Yeroo amma walitti qabaan isaanii Ayatollah Saadiq Alii Larijani, nama hogganaa qaama seera baastuu biyyattii turan.
Hogganaa Olaanaa qaama haqaa
Hogganaan haqaa biyyatti kun hogganaa olaanaa Iraaniin muudaman.
Hogganaaa damee haqaa biyyattii qaama seera hiiktu kan hogganu wayita taβu, abbaan seeraa seerri Islaamummaa hojiirra hojiirraa oluusa mirkaneessa.
Hogganaa Haqaa biyyatti abbaa amantii , Ibiraahim Raβisii jedhamuun hogganama.
Qaamni seera hiiku qaamolee tikaa fi basaasa wajjin qondoomee kan hojjatu wayita taβu, mormitoorratti tarkaanfii jajjabaa fudhachuusaatiin rogeeyyii mirga namoomaaf falmaniin himatama.
Filattoota
Lammilee Iraan miliyoona 83 keessaa miliyoona 58tti kanneen dhiyaatan umriin isaanii ganna 18 oli kan taβaniifi filachuu dandaβaniidha.
Namoota sagalee filannoo kennuu dandaβan keessaa harki caalan isaanii dargaggoota yoo taβan, gartokkeen uummata biyyattii umriin isaanii ganna 30 gadidha.
Humnoota hidhatan
Humni hidhatan gartuu Islamic Revolution Guard Corps (IRGC) fi waranaa idilee of keessaa qabudha.
Gartuun eegdota IRGC warraaqsa biyyattii keessa ture booda kan hundaaβe yoo taβu, sirna Islaamummaa biyyattii eeguuf kan hundaaβe fi humna waraana biyyattiin wal madaalu qaba.
Gartuun kun hogganaa olaanaa biyyattii wajjin hidhata cimaa kan qabu yoo taβu, qaama hidhannoon cimaa qabu, siyaasafi dinagdee biyyattii keessatti qooda olaanaa taphatu taβeera.
Gartuun IRGC jedhamuu kun loltoota lafoo , galanaarraafi humna qilleensa ofiisaatii kan qabu yoo taβu, meeshaalee waraanaa tarsimoof biyyattiin itti gargaramtu ni toβata.
Kana malees, hidhattoota mormitoota ukkamsanβBasij 'Resistance Forceβ jedhaman gartuu IRGC jedhamutu toβata.
Qondaaltonni olaanoo IRGC fi gaggeessitoonni waraaana biyyattii hundisaanii hogganaa olaanaa biyyattiin muudamu.
Kaabinee
Miseensonni Kaabinee immoo pirezdantii Iraaniin filatamu. Sana booda immoo paarlamaan biyyattii muudama isaanii mirkaneessa.
Kaabinee biyyattii kan walitti qabu pirezedantii ykn pirezedantii ittaanaa biyyattiitu walitti qaba.