Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Filannoo Itoophiyaa 2021: Filannoon kun rakkoo nageenyaa bakka garagaraatti mul'atuuf furmaata fidaa?
Lammiileen Itoophiyaa miiliyoona 38 ol taβan guyyaa Wiixataa sagalee kennuun mootummaa waggoota shan dhufaniif ummata biyyattii miiliyoona 110 ol taβu bulchu ni filatu.
Filannoon kun garuu waraana Tigraay qabee yeroo rakkoon nageenyaa bakkeewwan biyyattii garaa garaatti mul'atuutti gaggeeffama.
Boordiin filannoo biyyaaleessaas bakkeewwan rakkoon nageenyaa itti mul'atu jedhaman naannoolee adda addaa keessatti filannoon marsaa kanaa kan hin gaggeeffamne ta'uu ibsee ture.
Nutis filannoon amma gaggeeffamu kun rakkoo nageenyaa biyyattii keessatti mul'atan ni furaa jechuun qondaala mootummaa, jiraattoota, xinxaltootaafi yaada paartii mormituu irraa arganne akkasiin qindeessineera.
βAni nagaan haa dhufuuf filadhaβ
Jiraattonni waaβee filannoon adeemsifamu nageenya fiduu ilaalchisuun gaafanne yaada garaa garaa himu.
Rakkoo nageenyaan maqaa naaf dhoksaa kan jedhan namni dubbisne kun sababii haleellaa hidhattoonni raawwataniin Naannoo Benishaanguliiti kan baqatan.
ββAni akka yaadakootitti nagaa fiduu ni dandaβa jedheeti kanin yaaduββ jechuun himu abbaan ijoollee tokko sababa rakkoo nageenyaatiif filannoo baranaarratti hirmaachuu hin dandeenye kun.
Barsiisaan magaalaa Naqamtee jiraataniifi maqaa naaf dhoksaa jedhan garuu yaada biraa qabu.
ββAttamitti nagaa fida? Osoo nagaa fida taβe amma nagaan maaliif hin jiru ture?ββ jechuun dhaabni biyya bulchu qofaa dorgoma jedhanii akka amanan dubbatanii, kun ammoo nagaa hin fidu jedhu.
Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa jahaffaa irratti, keessumaa Oromiyaa keessa dhaabbileen siyaasaa paartiilee kaan morkachuu dandaβan, KFO fi ABO dursanii akka hin hirmaanne beeksisanii turan.
Jiraattuun Naannoo Amaaraa magaalaa Dassee immoo sababni filannoorra hirmaattuuf nagaan akka dhufuuf yaaddee akka taβe himti.
ββNamni hojjetee nagaan jiraachuu hin dandeenye. Kun na yaaddessa. Kanin sagalee kennuus kun akka jijjiiramuufi,ββ jetti.
Jiraattonni Naannoo Amaaraa irraa dubbisne ajjeechaa saba Amaaraa irratti xiyyeeffate raawwataa jira jedhan dhaabsisuuf sagaleen isaanii murteessaa taβu himan.
Mootummaan maal abdata?
Sababoota ijoo filannoo irratti hirmaachuuf dhiisan keessaa tokko filannoon adeemsifamu ββnagaa fida jennee hin yaadnuββ jedhu Dura Taaβaan KFO Pirof. Mararaa Guddinaa.
Miseensi Koree Giddugaleessaa paartii Badhaadhinaa Obbo Awwaluu Abdii ammoo faallaa kanaa filannoon biyyaalessaa baranaa nagaafi tasgabbii ni fida amantaa jedhu qabu
ββFilannoon kun nagaa fidee dhufa, tokkummaa fidee dhufa, tasgabbii fidee dhufa. Kanaa ol immoo mootummaa cimaa ummataan filame Gaanfa Afrikaa keessatti uuma.ββ
ββUmmata [Oromiyaa] gara Lixaatif, gara Kibbaatifillee walumaagala nagaafi tasgabbii Gaanfa Afrikaatifillee gahee guddaa qaba,ββ jechuun ibsu.
Naannoowwan biyyattii rakkoon nageenyaa yeroo dheeraaf itti mudataa jiru keessaa tokko Naannoo Oromiyaadha.
Gorsaan nageenyaa Pirezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaafi filannoo baranaa keessatti Badhaadhina bakka buβuun kan dorgoman B/J Hayiluu Gonfaa filannoon kun nagaa ni fida yaada jedhu qabu.
Mootummaan sagalee ummataan filame waan hundaaβuufi ummanni sagalee kenneen nageenya isaa waan tikfatuuf nageenyi dhufa jechuun BBCβtti himan.
MM Abiy Ahimad filannoon baranaa filannoo 'dimokiraatawaa jalqabaafi' si'achi taasifamuuf bu'uura ta'uu akka danda'u himaniiru.
Xinxaltoonni maal jedhu?
Gaaffii filannoon amma gaggeeffamaa jiru nagaa fiduu jechuun kan gaafanne xiinxalaan lammiin Itoophiyaa biyya Nezerlaand jiraatan Adam Kabbadaa (PhD) ββDeebiin gabaabaa lakkiidha,ββ jechuun BBCf deebii kennan.
Filannoon taasifamu lola Tigraay keessas taβe rakkoolee bakkeewwan biroo jiran furuuf adeemsifama miti jechuun himu.
ββYoo rakkoon nageenyaa tasa dhaabate, sababa filannoon miti. Inumaa, kanneen adeemsa filannoo keessa moβamaniifi filannicha hirmaachuu didan abdii kutachuu dandaβu, morkii nagaarraa mormii daandiirraatti hirmaachuu malu,ββ jechuun akeekkachiisu.
Xinxalaan biraa dubbifne Kumaa Baqqalaa ammoo, filannoo gaggeessuun dirqama heeraan barraaβefi yeroo yeroon raawwachuun isaa dirqama kan jedhan jechuun, garuu ammoo filannoon rakkoo guutuu fura miti jedhu.
ββFilannoon biyya tokkotti gaggeeffame jechuun rakkoo buβuuraa biyya tokko guutummaa guututti fura jechuu miti,ββ jedhu Yunivarsiitii Finfinneetti Kaadhimamaa Digirii Sadaffaa kan taβe Kumaa Baqqalaa.
Sababa rakkoo nageenyaan bakka dhaloota isaa filannoon akka hin taasifamne kan himu Kumaan, filannoon taasifamuun isaa nagaa hin fidu jechuun dubbata.
ββRakkoolee walitti buβiinsa bifa garaagaraatin hawaasa gidduu mulβatan filannoon taasifamu ni fura jedhanii yaaduun xiqqoo ni ulfaatas,ββ jedhan.
Wanti filannoon fidu maaliree?
Waggoota sadan darban bakkeewwan biyyattii garaa garaatti waldhibdeen siyaasaa, amantiifi sabaa mudateen hedduun lubbuu dhabaniiru.
Jiraattonni bakkeewwan rakkoo nageenyaa jiru keessa jiraatan wanti ijoo barbaadan nagaa taβu himu. Gumaachi filannoon gaaffiifi hawwii jiraattota kanaaf fidu maali?
Kumaa Baqqalaan ββFilannoon kun buβaa hin qabu jechuu miti,ββ jedha. Filannoon ummanni bahee filatu mootummaa cimaa ijaaruuf gargaara jechuun dubbata.
ββFilannoon paartii ni aangessa, mootummaa tokko ni aangessa,ββ jechuun mootummaan filannoo ummataan aangoo qabate rakkoo lammiilee furuuf itti gaafatama qaba jechuun ibsa.
ββPaartiin filannoo dorgomee mooβe sadarkaa addunyaatti mootummaa taβu isaa ni mirkaneeffata. Beekkamtii argachuu jechuun humna argachuu jechuudha.
ββHumna jechuun karaa biraa karaa seerriifi heerri siif kenneen aangoo ummata biyya kanaa gaggeessuutu siif laatama,ββ jechuun imaanaa gaaffii ummataa deebisu akka taβe ibsa.
Rakkoowwan nageenyaa baroota darbanirraa daddarbaa akkasumas waliigalteen humnoota siyaasaa keessa dhibamuun dhalatan furuuf furmaanni marii taβu hima.
ββAkka ilaalcha kootti rakkooleen kun kan isaan furamuu dandaβan mariin biyyaalessaa kan qaama hunduma hammate filannoo booda taasifamuu dandaβedha,ββ jechuun dubbata.
Mootummaan Itoophiyaa filannoo booda βmariin biyyaalessaaβ akka taasifamu dubbateera. Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaas dhihoo ibsa baasen mariin filannoo booda akka taasifamu gorse.
Kana dura, erguma MM Abiy aangootti dhufanii mariin qaamolee garaa garaa hirmaachise gaggeeffamaa turuutu himama. Taβus, ββwanta barbaadame hin fidneββ yaada jedhu qabu Dura Taaβaan KFO Prof. Mararaa Guddinaan.
Dhaabbileen mormituu kana dura irra β deddeebiin βmariin hunda galeessaβ akka taasifamu gaafataa turuun isaanii ni yaadatama.