Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Tigraay: Dhimmaa naannoo Tigraay ilaalchisuun manni maree nageenyaafi biyyoonni kaan maal jedhan?
Manni Maree Nageenyaa Motummoota gamtoomanii haala Naannoo Tigraay ilaalchisuun walgahiiwwan kanaan dura gaggeesseen haala adda taβeen Jimaata darbe yeroo jalqabaatiif ifatti marii gaggeesseera.
Mariin kuni Itoophiyaan Raayyaa ishee oppireeshinii waraanaaf gara Naanoo Tigraayitti ergite erga baasteefi rakkina naannicha keessa jiru mariin furuuf akka yaada qabdu ibsitee booda taasifame.
Walgahichaan booda ammoo namoonni dhuunfaafi qondaaltoonni biyyoota adda addaa rakkoo naannoo Tigraay keessa jiru ilaalchisuun yaadasaanii kennaa jiru.
Ministirri Muummee Sudaan Abdallaa Hamdook walgahii mana maree nageenyaa UN hordoofaa turuu himuun keessattu ejjannoo biyyoonni Afrikaa miseensa mana marichaa ta'an ibsan akka deeggaran ibsan.
Manni Maree Nageenyaa UN miseensota 15 kan qabu yoo taβu, Ameerikaa, Ruusiyaa, UK, Faransaay fi Chaayinaan mirga sagalee sagaleen kuffsu qabu.
Biyyoonni 10, Hindii, Isootoniyaa, Keeniyaa, Meeksiikoo, Niijar, Nooriwee, Seent Viinsant anda Za Gireenaadiinsi, Tuniziyaa fi Veetinaam ammo miseensoota yeroo mana marichaati.
Walgahi mana marichaa jimaata gaggeeffame irratti ambaasadaroonni Ameerikaa, Faransaay, Chaayinaa, Ruusiyaa, Hindi, Keenyaa, Noorweey, Taayiwaan fi Ayirlaand haala naannoo Tigraay ilaalchisuun ejjannosaanii ibsaniiru.
MM Sudaan maal jedhan?
Hamdook walgahii mana maree nageenyaa UN hordofaa akka turan himuun, ejjannoo biyyoota Afrikaa miseensa mana marichaatiin ka'aniin kan walii galan ta'u ibsan.
MM Hamdook ergaa karaa toora tiwiitara isaaniitiin dabarsaniin, ''keessattuu ejjannoon biyyoonni Afrikaa dhukaasa dhaabuun hunda hammataafi dhaabbataa cimsuu, naannichatti dhiyeessii deeggarsa namoommaa mirkaneessuu jedhuun waliin gala,'' jedhan.
Itti dabaluunis, mariin biyyaaleessaa hunda hammataa ta'eefi tokkummaa, nageenyaa fi tasgabbii Itoophiyaa mirkanneessuuf eenyunuu hirmaannaa keessaa hinhambiifne taasifamu qabaata jedhan.
MM Hamdook, ''Gama keenyaan Itoophiyaan rakkoo amma keessatti argamtu keessaa akka baatuuf Sudaan biyya obbooleettii ishee taatee kanaaf deeggarsaa fi gargaarsa hunda ni taasifti,'' jedhan.
Ruusiyaa Chaayinaa, Hindiifi Keeniyaa
ββDhimmi harβa irratti dubbbtaa jirruu kun karaa tokkoonis taβe karaa biraatiin dhimmi keessoo Itoophiyaa taβusaa dagatamu hinqabaatuββ jedhan Ambaasaadarri Ruusiyaa Baasiilayii Neebenezayaa.
Labsiin dhukaasa dhaabuus kan gara kallattii sirriitti qajeelchuudha erga jedhaniin booda mootummaan buβuuraalee misoomaa naannoo Tigraayiitti barbadaaβan deebiisee ijaaruufi deeggarsa namoomaa taasisuuf motummaan baasii doolaara biiliyoona 2.5 baaseera jedhan Ambaasaadarri Ruusiyaa.
ββDhimmi naannoo Tigraay dhimmi keessoo waan taβeef rakkinicha furuuf yaaliin jiddugaluumsaa manni maree nageenyaa UN taasisuu dhiibbaa olaanaa hordofsiisaββ jedhan.
Akkasumas mana marichaatti bakka buβaan Chaayinaa Daaβii Biingi hawaasni addunyaa dhimmi Tigraayii irratti walabummaa Itoophiyaa akka kabajuuf gaafatan.
Ambaasaaddar Biingi dhimmi Tigraay dhimma keessoo Itoophiyaati erga jedhaniin booda, Itoophiyaanis dhimmicha ofiisheen furuuf dandeettii qabdi jedhan.
Hawaasni addunyaas wayita deeggarsa taasisuutti haala walabummaafi abbummaa Itoophiyaa kabajeen taβu qabaatas jedhan.
Ambaasaadarri dhaabbataa Hindii T.S. Tiirumurtii gama isaanitiin, motummaan federaalaa labsii dhukaasa dhaabuu ragaasisu dinqisiifatanii, murtiin kunis nagaa buusuuf ni gargaara jedhan.
Qaamooleen waraanicha keessa hirmaatan hundinuu labsii dhukaasa dhaabuu akka kabajaniif gaafatanii, biyyisaanii Hindiin walabummaa fi tokkommaa Itoophiyaa ni mirkanneessiti jedhan.
Mana marichaatti ambaasaadarri dhaabbataa Keeniyaa Maartiin Kiimaanii ammoo, ejjannoo motummaa isaaniifi kan motummoota Tuniziyaa, Niijar, Seent Nisanti enda Za Girenaadiinsi barreeffamaan dhiyeessaniiru.
Ambaasadarichi fedhii Itoophiyaan ijaarsa dimokiraasitiif qabdu ni hubanna, filannoon dhiheenya gaggeeffame haqa qabeessa taβusaa gareen taajabdoota Gamtaa Afrikaa gabaasa taasisuu dubbatan.
Rakkoo uumameef furmaata Afrikaa irraa madde kennuuf dandeettii qabna kan jedhan ambaasaadarri kun, manni maree nageenyaas Afriikaatti hirkatee furmaata Itoophiyaaf taβu akka kennuuf ni jajjabeessina jedhan.
Itti dabaluunis ummanni Itoophiyaa nagaasaa eeggachuuf dandeettii qaba jedhan.
Ameeriikaa, Noorweeyii fi Faransaay
Mana Maree Nagaa kanatti Ambaasaadara baaka buutuu dhaabbataa Ameerikaa kan taatee Liindaa Tomaas Giriinfiild, dhiheenyatti motummaan dhukaasa dhaabuu labsuu isaa ibsuun, ittifufiinsaan motummaan federaalaa deeggarsa namoommaa hindaangeeffamne akka taasisuu fedhii cimaa qabaachu mirkanneessuu qabna jedhan.
Ameerikaanis miseensoota mana marichaa biraa waliin taβuun walgahiin kun akka taasifamuuf waamicha kan dhiyeessite, haalli Tigraayi fooyyaβinsa waan agarsiiseef jedhan.
Walgahii saaqaa taasisuu qofti gahaa akka hintaanee kaasuun, haalli Tigraay fooyyaβiinsa kan hinmulβifne yoo taβe mannni marichaa tarkaanfii dabalataa fudhachuu qabaata jedhan.
ββWaraanni Itoophiyaa Maqaleedhaa wayita gadhiisee bahuutti biiroolee dhaabbilee deeggarsa namoomaa saameera. Meeshaaleen quunnamtii barbadaaβaniiruββ kan jedhan Ambaasadar Giriinfiildi, meeshaaleen saamaman hundi deebiiβu qabaatu jedhan.
Dhaabbileen deeggarsa namoomaa kan torbaniitiin duraa caalaa amma namoota deeggarsi barbaachisuu gahuun rakkisaa jira.
Kun ammo kan mirkanaaβu yoo taβe, motummaan dhukaasa dhaabuu kan labse deeggarsa namoommaa qaqabsiisuuf osoo hintaanee marsuudha jedhan.
Bakka buutuun Nooriweey gama isaanitiin, ββNamoonni kuma dhiibaan lakkaaβaman haala beela jedhamu keessa seenaniiruββ erga jedhaniin booda, Tigraayiitti buβuuraaleen telekomii adda cite waan jiruuf odeeffannoo gahaa argachuu akka hindandaβamne himan.
ββUmmannii haala rakkisaa keessa jira,ββ kan jedhan ambaasaddarittiin, ββammas dhiyeessitoonni deeggarsa namoomaa hojiisaanii akka hinraawwanneef dhorkamaa jiru. Motummaan federaalaa hayyama kennu qabaata. Buβuraaleen misoomaa adda kutaman deebiifamu qabaatuββ jedhan.
Itti dabaluunis rakkoon Tigraay kan waraanaan hikamu mitis jedhan.
Bakka buβaan Istoniyaa ammo rakkoon nageenya Tigraay yaaddoo nageenyaafi tikaa addunyaa waan taβeef ajandaa mana marichaa taβun itti haa fufu jedhan.
Ambaasaaddarri bakka buβaa Faransaay Niikolaas D Riiviiyer ammo, humnootiin Tigraay deebiisanii Maqalee qabachunsaanii badiinsa qaqqabeef waraanni filmaata furmaataa akka hintaane kan mulβisuudha jedhan.
Ambaasaaddarichi loltoonni Ertiraa Tigraay akka bahaniif gaafatanii, waraanichi Tigraay bahusaa mirkanneeffachu qabnas jedhan.
Itoophiyaatti waliigalteen biyyaaleessaa ni barbaachisa erga jedhaniin booda, humnootiin waraanaa gochaawwan tasgabbii dhabamsiisan irraa akka of qusataniif waamicha dhiyeessan.
ββMotummaan gaheessaa bahuuf dandeettii qabaββ
Erga biyyoonni miseensaa eejjannoo biyyasaanii calaqqisiisaniin booda, UN bakka buβaa dhaabbataa Itoophiyaa kan taβan Ambaasaadar Taayyee Atsiqasilaasee ejjannoo motummaa isaanii barreeffamaan dhiyeessan.
Tibba motummaan Itoophiyaa ummata tarkaanfii seera kabachiisuun miidhamee deeggaruuf jecha tarkaanfii siyaasaa fudhate kanatti, walgahiin mana marichaa ifaatti akka gaggeeffamuuf waamame kun sirrii miti jedhan.
Motummaan federaalaa murtee dhukaasaa dhaabu kan taasise deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf taβu kaasuun, ammas motummaan ittigaafatamummaasaa bahuuf dandeettii qaba jedhan.
Ambaasaadar taayyeen qaamooleen tibba seera kabachiisuutti miidhaa mirga namoomaa qaqabsiisaniiru jedhaman ni gaafatamu jedhan.
Hawaasni addunyaas Itoophiyaaf deeggarsa akka taasisuuf waamciha kan taasisan yoo taβu, Itoophiyaarratti dhiibbaan daangaa darbe taasifamu hinqabaatu jedhaniiru.