Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dhaabbanni Raashiyaa, Liibiyaatti ajjeechaaf qacaramee ture barame
Ajjeechaa Muhaammur Gaadaafii booda waraanaan jeeqamaa kan turte Liibiyaa keessatti waggootii hedduuf waraanicha keessatti hirmaachaa kan ture dhaabbati lolaa Raashiyaa eenyu akka taβee fi hojiin isaa ifa taβe.
Gabaasa qorannoo BBCβn gaggeesseen odeeffannoon argame dhaabbati kun Waagner kan jedhamu yoo taβu qabeenyummaan isaa dureessa Raashiyaa tokko waliin hidhata qabaachuu akka malu argateera.
Buβaan qorannoo BBC dhaabbati loltoota waranaa Waagner, waraana waliinii Libiyaa keessaatti hirmaannaan isaa hagam akka ture ifatti baaseera.
Qorannoo kanaaf buβura kan taβe tabileeti (kompiitara) Saamsangii badee ture argamee qondaltoota basaasa Liibiyaatiin BBCβf kennamedha.
Taabileetiin kun miseensa gartuu humnoota Waagneer baqaa irra turan jalaa badee kan argame yoo taβu keessa isaatti odeeffannoowwan ijoo argamuun isaa bira gaβameera.
Fakkeenyaaf maqaan hidhattoota Rashiyaa nama ajjeesan kanneen Liibiyaa keessa turan, ajajoonni waraanaa maqaa iccitii, bittaa meeshaalee waraanaa fi odeeffannoo waraanaa barbaachisoo adda addaa of keessatti kan qabatedha.
Taableetii kana irratti gosti meeshaalee waraanaa ibsamanii argaman, kan Raashiyaa qofa keessatti oomishamaniifi biyya kan biraa kamiyyuu irraa kan bitamuu hin dandeenye akka taβan qorannoon kun bira gaβeera.
Raashiyaan loltoota dhaabbata Waagar waliin hidhata hin qabu jechuun haalteetti.
Dhaabbati loltootummaa kun eenyummaan isaa jalqaba kan dhagaβame A.L.Aβtti bara 2014tti ture.
Yeroo sanatti yuukireen irraa fottoquu barbaanna jechuun gartuulee Raashiyaa lolaa turaniif gargaarsa meeshaalee waraanaa dhaabbata kennaa turedha.
Sana booda dhabbati loltootaa kun maqaan isaa Raashiyaa, Moozaambiik, Sudaan fi Rippaablika Giddu galeessa Afrikaa keessatti irra daddeebiin ni dhagaβama ture.
Gartuun loltootaa qacaramanii Wagnariif hojjatan jalqaba Liibiiyaa keessatti kana argaman bara 2019tti yoo taβu, yeroo sanatti humnii gartuu kanaa Liibiyaa kan seene ajajaa waraanaa Jeneraal Halifaa Hafxaar gargaaruuf ture.
Yeroo sanatti Haafxaar, mootummaa Tiriipoolii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin deeggaramuu fonqolchuuf yeroo itti haleellaa eegalee turedha.
Dhaabbati gartuu loltootaa Waagneer baayyee iccitiin kan sochoβu akka taβe ni himama.
Taβus garuu BBCβn loltoota kanaan dura dhabbatichaaf hojjachaa turan qunnamuun odeeffanoo sassaabeera.
Namootni lamaan kun Waagnar namoota akkamii akka qacaruufi tasumaan sirna waranaa akka hin eegne akkasumaas hameenyi isaa hammana kan jedhamu akka hin taane ifatti baasaniiru.
Looltoonni Waagnar fakkeenyaaf hidhamtoota ykn boojiβamtootaaf nyaata kennuun barbaachisaa miti jedhanii waan yaadaniif ajjeesuunii filatu jechuun loltoonni dhaabbatichaa duraanii lamaan himaniiru.
βEnyuyyuu garaa hidhamtoota guyya guyyaatti guutuuf fedhii hin qabu,β jechuun lotuun duraani inni tokko BBCtti himeera.
Ragaa baβumsii kun kanaan dura BBC Arabic gabaasa baase waliin kan wal simudha. Liibiyaa keessatti namoota nagaa beekaa ajjeesuun akka mala waranaa tokko tokkoo taβee filatamuu erga eegalee tureera.
Gaabasa kanaratti ragaa baβuuf kan dhiyaate lammiin Liibiyaa tokko, waraana keessatti yeroo firootni isaa ajjeefamanitti innis kan duβe fakkaatee ciisuun dhokaatee waan sukkaneessaa ijaan arge ifatti himee ture.
Ajjeechaa kanas nama maatii lammii Liibiyaa irratti raawwate BBCβn adda baasuu dandaβeera. Namni ragaa baβe biraan, loltuun mootummaa Liibiyaa tokko loltoota Waagnariif harka isaa erga kennee booda garaa isaarra siβa lama rasasaan rukutuun beekaa akka ajjeefame himeera.
Tabileetiin Samsaangi harka BBC galeeru, loltoonni qacarri Raashiyaa kun akkamiin naannoo namootni nagaa jiraatanitti boombii akka awwaalan odeeffannoo kenneera.
Akka seera waraanaatti boombii utuu mallattoo hin kaaβiin bakka namootni nagaa jiranitti awwaaluun akka yakka waraanaatti ilaalamee kan himachiisudha.
Taabileetiin kun kibba Tiriipooliitti bara 2020tti loltuun Waagnar baqaarra ture akka gatee deemeetti tilmaamama.
Odeeffannoo taabileeticha keessatti argame keessaa, kaartaaleen waraanaa, looltoonni Raashiyaa kunneen wiirtuulee isaan itti lolaniifi ajajan keessatti argameera.
Dabalataanis akka bitamaniif meeshaleen waraanaa adda taβan tarreeffamanii gatii isaanii waliin kan kaβaman yoo taβu, meeshaaleen waraanaa kun hundi Raashiyaa keessatti kan oomishamanidha.
Tarreeffama fuuula 10 irratti kaβame kana keessatti, taankii afur, qawwee kilaashinkoovii dhibbaan lakkaβamani fi raadaaronii bitamanii akka dhufaniif kaβamaniiru.
Loltoota qacarrii Wagneer tarreeffamni bittaa meeshaalee kanaa yeroo ilaalamu lammiin Raashiyaa Dimitrii Yutkiin harka keessa akka qaban kan mulβisudha.
Dimitiriin wajjira basaasaa Raashiyaa keessatti nama ijoo kan ture yoo taβu, Dhaabbata loltoota qacarrii kana akka hundeessanitti yaadama. BBCβn Dimiitri argatee hasoofsiiuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Odeeffannoowwan taabileeticha irratti argaman irratti hundaaβunis maqaa Vegenee Piriigooziin jedhus ilaaleera. Dureessi Raashiyaa kun hiriyyaa dhiyoo Puutiin akka taβan ni himamaafi.
Dhimma kana irratti BBCβn waajjira haaja alaa Raashiyaaf gaaffii dhiyeesseef deebiin kenname mootummaan Raashiyaa Liibiyaa keessatti nagaan akka buβuuf hojjachaa jira kan jedhudha.
Odeeffannoon taabileeticha keessatti argames sobadha jechuun haaleera.
Dhaabbati Waagnar, Raashiyaan biyyootii biroo keesatti feedhii siyaasaa qabaattuuf deebii waraanaa dhaabbata kennu akka taβe hojjataan duraanii dhaabbatichaa maqaan isaa akka himamu hin feene BBCtti himeera.
Miseensa dhaabbatichaa kan taasifamanis hojii dhabeessoota, beektota waraanaa fi sabboonummaa Raashiyaa irratti hundaβuun namoota loltuumman tajaajiluuf fedhii qabanidha.