BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Oduu
KALLATTIIN, Iraan waraana dhaabuuf qabxiilee isheen dhiyeessitetti hin gammanne -Tiraamp
Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp Iraan waraana dhaabuuf qabxiilee isheen dhiyeessitetti gammachuu akka hin qabne qondaalonn US ibsan.
Kopheen 'baalarra salphatu' atileetonni riikardii addunyaa ittiin cabsan maali?
Sebaastiyaan Saaweefi Tigist Asaffaan Maaraatoonii Landan irratti seenaa dalagan. Gumaacha isaaniif sababi tokko kopheedhaa?
Dargaggeessi Waayit Haawusitti dhukaasa bane yaalii ajjeechaa Tiraamp irratti raawwachuun himatame
Dargaggeessi kaalifoorniyaa sagantaa irbaataa Waayit Haawusitti qophaa'erratti dhukaasa bane Pirezidant Doonaald Tiraampiin ajjeesuuf yaaluudhaan himatame.
Qabiyyeewwan animeeshinii ijoolleef Afaan Oromootiin qophaa'an afaaniifi guddina ummatichaa kan gitanii?
Qabiyyeewwan daa'immanii Afaan Oromootiin qophaa'an qubaan lakkaawamu. Kanneen jiranis hanqina istaandardii qabaachuu hayyoonni kaasan jiru. BBC'n namoota lama hanqina gama kanaan Afaan Oromoo keessa jiru hubachuun kaka'umsa mataa ofiitiin qabiyyee ijoollee [animeeshiniin] qopheessan dubbiseera.
'Waa'ee jireenyaa sirriitti waanan hubadheef haleellaan mudate na hin yaaddessine, addunyaa maraatte keessa jirra'- Tiraamp
Pirezidant Doonaald Tiraamp haleellaa sagantaa irbaataa Waayit Haawusitti qophaa'e irratti mudateen ''yaadda'ee akka hin turre,'' hime. Keessattuu wayita kutaa sagantaan itti qophaa'e keessaa gara biraatti geeffamaa turefaa yaaddoon tokkollee akka itti hin dhagahamne ibse.
Fanjiin galaanaa Iraan awwaalte maali, buqqisuun maaliif rakkisaa ta'a?
Dhimmi Fanjii Iraan yeroo waraana Iraan fi Ameerikaa ulaa Hormuuz keessa awwaalte mata dhukkubbii fi yaaddoo addunyaa ta'ee jira.
Icciitiin atileetiin Itoophiyaa fi Keeniyaa maraatoonii sa'aatii lamaa gadiin akka galan dandeessise maalidha?
Maraatonii Landan irratti atileetiin Keeniyaa Sabaastiyaan Saawee fi atileetiin Itoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa dorgommicha saatii lamaa gadiin galuun xumuraniiru.
Iraan keessatti eenyutu ajaja kennaa jira?
Aanga'oonni Iraan erga Tiraamp qoqqoodamuu fi daddaaqama gidduusaanii jiru irratti dubbatee booda Kamisa darbe halkan ergaa tokkummaansaanii daran cimuu agarsiisu lammiilee biyyattii biraan ga'an. Garuu eenyutu ajaja dabarsaa jira?
Dubartiin tokko al-tokkotti dhiira lamaaf ulfaawuu akkamiin dandeessi?
Barreeffamoota saayinsii addunyaa kanaa keessatti taateewwan haati takka daa'ima lakkoolee abbaa garaagaraa irraa horachuu 20 qofatu gabaafame.
Tomaas Aleen: Namni sagantaa irbaataa gazexeessitoota Waayit Haawus irratti dhukaasa bane eenyu?
Namni qawwee hidhatee sagantaa affeerraa irbaataa gaazexeessitoota dhimmoota Masaraa Mootummaa Ameerikaa 'Waayit Haawusif ' gabaasaniif qophaa'erratti dhukaasa bane nama Kool Toomaas Allen jedhama.
Dhukaasa Waashingitan booda sodaa fi jeequmsa ture suuraan
Gabaastonni Waayit Haawus hafeerraa irbaataa Tiramap irratti argamerratti yeroo dhukaasni banametti namoonni teessuma jala yeroo dhokatanitti suuraaleen mul'isaniiru.
Waayee dhukaasa Tiraampiin sagantaa irbaataarraa baqachiisee maal beekna?
Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp fi Giiftii Duree Melaaniyaa Tiraamp Sambata galgala Irbaata Korrespondeentota Waayit Haawusif qophaa'erratti, dhukaasni erga dhaga'ameen booda qaamolee nageenyaan achii baafaman
YouTube BBC Afaan Oromootti makamaa
YouTube BBC Afaan Oromoo
Viidiyoo, US humna galaanaa fayyadamuun Iraanitti karra cufuun hagam milkaa'a?
Waraana Addunyaa 1ffaa (1914-1919) irratti humni galanaa Biriteen dooniwwan buufatawwan doonii Jarman seenaniifi bahan irratti to'annaa cimaa gaggeessuun itti milkooftee turte.
Viidiyoo, Waliigalteen dhukaasa dhaabuu US fi Iraan maal jijjiire?
Bitootessa lamarraa kaasee Israa'el gamoowwan 1400 ol barbadeessuu 'BBC verify' ragaa suuraa fi viidiyoo xinxaluun mirkaneesse.
Viidiyoo, Ulaa Galaanaa dhabuun akkamiin Itoophiyaa 'icciitii' dhowwe?
Itoophiyaan ulaa galaanatti ishee baasu argattu malee naannawi Gaanfa Afrikaa nagaa hin argatu jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.
Viidiyoo, Israa’el maaliif magaalotaafi gandoota Libaanos diigaa jirti?
Bitootessa lamarraa kaasee Israa'el gamoowwan 1400 ol barbadeessuu 'BBC verify' ragaa suuraa fi viidiyoo xinxaluun mirkaneesse.
Viidiyoo, Taphni Arsenaaliifi Siitii abbaa Piriimerliigii mo'atu himaa?
Taphni Dilbata Siitii fi Arsenaal gidduutti Itihaaditti gaggeeffamu Waancaa Piriimerliigii murteessuu keessatti gahee guddaa qaba.
Viidiyoo, Guyyaan Gootota Oromoo aangawoota mootummaa maaliif hin dabalatu??
Guyyaan Gootota Oromoo waggaa waggaan Eebla 15 bakka garagaraatti sirnoota garagaraan yaadatamee oola.
Viidiyoo, Ameerikaan Ulaa Hormuuz nan cufa jechuun ishee maal jechuudha?
Erga mariin Iraanii fi Ameerikaa waliigaltee malee hafee as Tiraamp Ameerikaan dooniiwwan hunda Ulaa Hoormuz seenanii fi bahan ni dhorkiti jedhan.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
US qoqqobbii Ertiraarra kaastee hariiroo cimsachuu yaaddi, gaaffii ulaa galaanaa Itoophiyaarratti dhiibbaa qabaa?
Yunaayitid Isteetis qoqqobbii ertiraarra keesse kaasuun hariiroo dippilomaasii duraan Asmaraa waliin laafaa ture haaromfachuu akka barbaaddu Wall Street Journal gabaase.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Lubni Guddinaa Tumsaa Boojjii Dirmajiitti siidaan isaanii eebbifame eenyu?
Siidaan Luba Guddinaa Tumsaa Lixa Oromiyaatti ijaarame bakka maatiifi keessummoonni argamanitti eebbifame.
TPLF bulchiinsa yeroo diiguuf murteessuu hordofee jiraattonni naannoo Tigraay maal jedhan?
Addi Bilsa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) manni maree naannichaa filannoo osoo waraanni Tgiraay keessatti hin gaggeeffamiin dura tureen kanneen filataman gara hojiitti akka deebiyaan murteessuu isaa hordofee jiraattonni naannichaa yaadasaanii BBCf kennan "miirri walmakaa ta'e" akka isaanitti dhaga'ame dubbatu.
Amb. Reedwaan Huseen maaltu mudatee ture?
Suurri Daarektara Olaanaa Tajaajila Tikaa fi Nageenya Biyyaalessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen miidiyaa hawaasarra naannawaa ture dubbii ijoo ta'ee ture.
TPLF bulchiinsa yeroo Tigraay Jen. Taaddasaan durfamu diiguun kaabinee waraanaan dura tureen akka bakka buusu ibse
Mootummaan federaalaa angoo bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Jeneraal Taaddasaa Warradaan hogganamu waggaa tokkoof dheeressuu hordofee TPLF hin fudhadhu jechuun bulchiinsa yeroo diiguuf murteesse.
Itoorikaa: Sirbi Teedii Afrooo haaraa baasee maaliif falmii kaase?
Kaasahuun Teewodiroos (Teedii Afroo) albama jahaffaa Itoorikaa jedhu dhuma torban kanaa baasuu hordofee deeggartootafi mormitoota biratti ijoo dubbii ta'ee jira.
"Nareebanii dhiiga funyaaniifi afaaniin nabaasanii, viidiyoo nawaraaban" - jiraataa Amboo
Viidiyoowwan reebichawwan magaalaa Amboo keessatti raawwataman agarasiisu jedhamaniifi marsaalee hawaasaarratti qodaman namoota hedduu biratti naasuufi dallansuu uumaniiru.
Itoophiyaan ulaa galaanaa argattu malee naannichi nagaa hin argatu' - MM Abiy
Itoophiyaan ulaa galaanaatti ishee baasu argattu malee naannawi Gaanfa Afrikaa nagaa hin argatu jedhan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.
'Irbuun Shinnigaa' maali? Qabsoo Oromoo keessatti bakka akkamii qaba?
iini Eblaa qabsoo Oromoo keessatti akka addaatti yaadatama. Ji'a kana keessa qabsaa'ota Oromoo jajjaboon kan itti 'wareegamaniidha' jedhama. Addumatti ammoo Ebli 15 waggaa waggaan "Guyyaa Gootota Oromoo" jedhamee kabajama.
Maanguddoon Roobeetti 'booksiifi dhiitichoo' daboo irraa hafan amma maalirra jiru?
Obbo Waaqoon viidiyoo yoo isaan daboodhaan reebaman mul'isu irra deebi'anii ilaaluun 'xiinsammuu kiyya' miidha jedhanis reebichi isaanirra gahee fi wanni viidiyoodhaan mul'ate walqixa akka hin taane himu.
Aangoon Taaddasee dheereffamuun "seera-qabeessa" ta'uu Waajirri Ministira Muummee BBCf ibse
Ministirri Muummee Abiy Ahmed (PhD) yeroo aangoo pirezidantii bulchiinsa mootummaa yeroofii naannoo Tigraay Taaddesee Warradeef kan dheeressaniif bu'uura seeraa waliigaltee Piritooriyaatiin booda vaheen waan ta'eef "seera qabeessa" akka ta'e waajirri isaanii BBCf ibseera.
Ispoortii
Arsenaal 1-0n mo'achuun waayee waancaa maal akeeka?
Tilmaamni Opta Arsenaal hiree waancaa injifachuu 72.44%, kan Siitii ammoo 27.56% ta'uu agarsiisa.
Tigist Maaraatoonii Landanitti riikardii cabsuuf akka yaadde BBC'tti dubbatte
Maaraatoonii Landan Dilbata dorgomamuurratti kan dorgomtu Atileet Tigist Asaffaa kaayyoon ishee ijoo abbaa rikardii addunyaa ta'uu akka ta'e BBC'tti dubbatte.
Westhaam, Tootanhaam fi Nootinghaam keessaa kamtu Pirimeerliigi keessaa gadi bu'a?
Pirimeerliigii keessaa kilaboonni lama bu'uunsaanii mirkanaa'era: Wolvis fi Barnilee. Garuu tokkotu. Weesthaam, Tootanhaamifi Nootinghaam Foorast Shaampiyoonshiippitti gadi bu'uu hafuurraa hafuuf taphoonni dhufan murteessodha.
Arsenaal v Niwukasil fi tilmaama Piriimer :Liigiifi taphoota FA Cup
Dursummaa Piriimer Liigii Maanchester Siitiitti dabarsee kan kenne Arsenaal, Niwukasil dirree isaarratti simatee keessummeessa.
Amma waancaan gara Siitii caalsifataa jira, garuu Peep gaabbii qaba. Maaliifi?
Maanchistar Siitiin osoo morkiin Pirimeer Liigii cimee jirutti dirree Barnileey dhaqee injifachuuf daqiiqaa shan qofatu isa barbaachise.
Gaardiyoolaan haala itti taphattoonni Siitii erga Arsenaal mo'anii booda gammachuu ibsatanirratti yaada kenne
Leenjisaan Maanchistar Siitii Peep Gaardiyoolaa haala taphattoonni isaanii Arsenaal erga injifatan booda gammachuu isaanii ibsan irratti qeeqa dhihaateef deebii kennan.
Injifannoon Dilbataa Siitii Arteettaarratti dhiibbaa akkamii uuma?
Morkii murteessaan Arsenaaliifi Maanchister Siitii Etihaaditti walitti fide injifannoo Siitii 2-1n goolabame.
Guyyaatti sa'aatii meeqa teenya? Fayyaa keenyarratti dhiibbaan qabaatu maali?
Bakka hojii, geejjiba irratti, mana keessa… hedduun keenya guyyaa sa'aatii dheeraa taa'uun dabarsina. Garuu yeroo dheeraaf taa'uun rakkoolee fayyaa jajjabaa akka dhibee onnee, ujummoo dhiigaa fi dhibee sukkaaraa gosa 2ffaa fa'iif saaxilamuu keenya dabala.
Maanchister Siitii 2-1 Arsenaal mo'achuun abdii waancaa Piriimer Liigii mo'achuu jabeeffate
Maanchister Siitiin har'a dirree isaa irratti Arsenaal keessummeessee 2-1 mo'ate.
Dorgommiin atileetiksii guyyaa tokkoo Finfinnee magaalota ijoo addunyaa 10 keessaa tokko godhe
Gaggeessaan damee dorgommiiwwanii Waldaa Atileetiksii Addunyaa Itoophiyaan dorgommii idila addunyaa guyyaa tokkoo World Athletics Grand Prix jedhamu yeroo duraaf qopheessiteen milkoofteetti jedhe.
Dhumarra mucucaachuu Arsenaalii fi du'aa ka'uu Maanchister Siitii: Icciitii hariiroo Peep fii Arteettaa duuba...
Hariiroon Peep Gaardiyoolaa fi Arteettaa bara 1997 jalqabe. Amma garuu morkattoota waliiti.
'Yoo mo'atamne dhuma hiree waancaa injifachuu keenyaa ta'a'- Peep
Leenjisaan Maanchister Siitii Peep Gaardiyoolaa morkii murteessaa Arsenaal waliin Etihaaditti gaggeessan dursee yaada kenneen yoo mo'aman Arsenaal waancaa akka injifatu yoo qixxee bahan garuu hiree qabaachuu dubbate.
Daataa qusachuu barbaadduu?
Daataa qusachuuf yeroo tokko tokko fuula barreeffama qofaa keenyaa ilaalaa.




























































































